By Qeerroo.org | April 18, 2014
Mootummaan Wayyaanee Artistoota Oromoo waan Oromoo fi Oromiyaa sirban kanneen akka Eebbisaa Addunyaa, Yoseef Gammachuu, Usmaayyoo Muusaa, Abdii Qophee fi kanneen biroo hedduu darara jabaa irraan gahuun lubbuu isaanii kan dabarsite yoommuu tahu yeroo ammaa kanas Sabboontota Oromoo Artistoota waan Oromoo sirbuun oromummaa hubachiisan kanneen akka Jaafar Yusuuf mana hidhaa keessatti darara jabaa irraan gahaa jirti.
Sabboonaan Artist Jaafar Yusuuf walleewwan hedduu qabu keessaa waan Uummata Oromoo haamilachiisuu fi Gootummaa wallise keessaa..Hafanfartuu Shoolee. Hara hin galtu Booree, Hayyaa lolaa yaa lola Eeeboo fi torbaan darbe keessa ammo Finfinnee fi naannawaan Finfinnee keenyuma hin kenninu murree kan jedhuu fi kanneen biroo hedduu dha. Mootummaan wayyaanee namoota gama aartiinis tahe gama barnootaan Uummata isaanii hubachiisan hidhuu fi ajjeesuun uummata Oromoo doomsee garboomsuu kan akeekkate baroota bittaa isaa mara waan taheef Uummatni Oromoo bakka jiruu kaee Wallisaa Jaafar Yusuuf mana hidhaadhaa akka gadhiifamu diddaa gama hundaan akka dhageessisuu fi dhuguma lafti Oromiyaa Finfinneen handhuura Oromiyaa taatee naannawa Finfinnees diinaaf kutnee akka hin laanne akka mirkansinu Waamicha Oromummaa dabarsina.
No comments:
Post a Comment