Hundumaa kan beeku hayyuudha naseetee
Fallikoo isa harkaa jettee na abdattee
Imimmaan dhalootaa dhiiga faana buustee
Sammuudhaa maraattee qullaayyuu yoo buuste
Anaan hin ilaaliin ani hayyuu miti
Dheebuu sibaasuufis ani hindanda’uuti
Qomookoo dhaga’ii lammii garaa dhabaa
Anis siin alatti humna maalan qaba?
Fala naa barbaada waa beeka na seetee
Narra ija hinkaawwatiin hayyuudha naan jettee
Qubee lakkaa’uunkoo hayyuu nan taasisu
Digirii qabaachuun ana sincaalchisu
Adaraa yaa qomoo, qomoo gaafa xiiqii
Tokkummaa qabaadhuuti yaaddoorraa nahiikii
Lammiikoo jajjabee warreen mataa daabee
Sifuruu dhabukoof anoo baay’een gaabbe
Garaakootti goreen garakoo wallaale
Malee sinjibbineem dhiiroo yaa qaxale
Hayyuun ana mitii hayyuu naan hinjedhiin
Maal hiikni hayyummaakoo rakkookee utuu hinfuriin
Barachuus baradhee qabxii waliin tuulee
Baay’ina digirii walirra tuttuulee
Saayntistiis ta’ee naahaasaarraa qoradhee
Tokko lama jedhee waa hedduu baradhee
Garuu maal hiikkaansaa biyyakoof yoo hintaane
Maaf hayyuu naan jetta fala erga siilaanne
Kutaas lakkaa’eera tokko lama jedhee
Dhoksaa hedduu beekee hubadheera se’e
Kan dubbatu guute dubbiin dhowwaa hinqabu
Iddoo hundaa taa’ee jechaan kan lallabu
Kutee hingatu taanaan beekumsi hiyyummaa
Dubbiin ta’ee hinbeeku safartuu hayyummaa
Qorataa cimaadha rakkoo adda baasee
Toora qaqabsiisee furmaata agarsiisee
Garuu maal godharee gochaanoo duwwaadha
Hojiitti yoo hinjijjiirre maal hiikkaan hayyuudhaa
Saaynsii hawaasaa ta’ees kan uumamaa
Yoo jijjiirama hinfidne maaliin madaalama?
Qomookoo yaa lammii dhaloota akka xiyyaa
Waan iyyuuf wallaalus sammuunkoo na iyya
Yaadee buusee baasee xiinxalee hanga tokko
Guguungumaan deema yoon ta’es kophaakoo
Garuu sigargaaruuf waa tokko nadhibe
Gaara nafuulduraas nan dadhabe dhiibee
Utuun hayyuu ta’ee maaliif naan jiguree?
Maaliif nagidirsa ana dura goree?
Hayyuun isa kamii? isa kami waansaa?
Sabaaf erga hintaanee maalinni hayyummaansaa?
Ardittii kanarraa hammamiif jiraatuu?
Eenyu qoree beeka gaafa lubbuun baatuu?
Akkas erga ta’ee maal hojjedheen darba?
Moo akka bubbeen olii gadi labaa?
Utuun akkas jooruu silaa duuti hin oolu
Ilmaan ilmaankootii anarraa maal dhaaluu?
Egaa yaa Oromoo warreen dhiigakooti
Narraa homaa hin eegiinaa ani hayyuu miti
Hayyuun hayyuu caalu isa sabaaf jooru
Yeroon rafee bulu isa illeen qooru
An gabbataa furdaa inni anaaf deegaa
An yoos hayyuu mitika maalan godhee egaa
Anaaf hinkennamiin maaqumti hayyummaa
Wawuu yaa qomookoo maafan itti himamaa?
Maal raawwadheen fudha maqaa ulfinaa kanaa
Goototaaf naakennaa itti hinwaakkatiinaa
Warreen lammiif jecha du’aaf of kennanii
Aadaaf duudhaa boonsaa nubiraan gahanii
Isaaniif xiqqoodhaa maqaan hayyummaadhaa
Dhaloonni ammaa kun bu’aa isaaniidha
Dhiigni isaanii iyyee lafeensaanii margee
Warreen faffaca’antu isaaniin wal argee
Kanaafan hinbarbaadu ani maqaa guddaa
Isaaniif naa kennaa dabarsaafii hundaa
Hayyuun hayyuu miti yoo sabaaf hintaane
Hayyummaasaa baatee baay’eetu godaane
Kanaafuu dhiigaakoo lammii qaxalettii
Ittiin wal hinwaamiin anis/atis hayyuu miti!!!
*Beekan Gulummaa Irranaa Mardaasaa, 2014
No comments:
Post a Comment