Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Tuesday, September 2, 2014

Kan Lammiisaa Ganuu kunoo akkasi

‘Ittafaa Qajeelaatiin!
Akkuma beekamu biyyi abbaa keenyaa, Oromiyaan bittaa habashaa jalatti erga kuftee hara’a jaarraa tokko oli lakkaawamee jira. Yeroo habashoonni biyya keenya weeraran sanatti Oromoo keessa tokko sabasaa ganee gowwoomuudhaan diinaa wajjin kan hojjetaa turee fi biyyi Oromoo Minlikiin akka cabu kan godhe waayeen seenaa gaddisiisaa ‘Ras Goobanaa Dacee’ kan irraanfatamu miti. Namicha kana akka fakkeenyaatti hakaafnuyyuu malee jabana Minilik calqabee hanga jabana ‘TPLF’ tti Oromoota diina duukaa hiriiranii saba isaanii miidhaa turan fi itti jiran lakkoofnee fixuu hindandeenyu.
Hata’u malee mee har’a namicha ‘Ras Gobana’ jedhamu kana akkaataa itti Habashoonni mala malanii lubbuu isaa dhabamsiisan seenaa namichi tokko natti hime isin hubachiisuun yaalaa nacaqasaa.
Gaaf tokko ganama barii ka’een gara Finfinnee deemuuf gara buufata konkolaataa Naqamtee deemuudhaan tickeeta koo muradhee konkolaata galeen iddoo koo qabadheen taa’e. Yeroo sanatti asii fi achi ilaalee nama cinaakoo jiru wajjin wal-dubbisuun eegale. Battalumatti nama cinaa koo taa’u ogummaan isaa ‘Economist’ kan ta’e ‘Ethiopian Plastic Factory’ warshaa jedhamu keessa akka hojjetu kan natti himee wajjin wal-bare. Namichi kun yeroo bifa isaa ilaalan nama uuqqataa, kan keessi isaa gubate akka ta’e ilaalanii tilmaamuun nama hindhibu ture. Egaa namicha kanaa wajjin karaa dheeraa kiilomeetra 330 sana xaba fi oduu ho’aan eegalle ture. Oduu calqabnee utuu baay’ee hinturin waayee rakkina biyyaa, waayee siyaasa biyyatti, waayee OPDO utuma haasofnuu namichi kun baayee nama seena beeku waan ta’eef akkaataa itti biyyi Oromoo cabe kaasee waan hedduu natti himuu eegale. Utuma jedhuu waayee seenaa ‘Ras Goobanaa Daace’ kaasee akkaataa namichi kun mala warra Habashaan itti raawwate yeroo natti himu afaan koo baneen dhaggeeffachuu eegale.
Akkaataa Goobanaan itti du’e beektaa naan jedhe. Lakkiin jedheen. Akkas jedhee itti fufe. Goobanaan egaa Minilikii wajjin biyya ’Ethiopia’ jedhamtu kana uumuurratti shoora ol’aanaa xabachuun beekamaadha. Hata’u malee naan jedhe erga waraanni hundumtuu raawwatee biyyi Oromoos, warri kibbaas Minilik, Habashaa jalatti kufanii booda waan jagnummaa Goobanaa Daacee sodaataniif karaa itti isa balleessan maluu eegalan naan jedhe. Sana booda mala maluudhaan haati manaa Minilik ’Iteege Xaayituun’ Goobanaa wajjin ciifte jedhanii beekaa oduu irratti odeessani jedhe. Sana booda ’Ras Goobana’ maal wayya dubbiin kun gurra Minilik ga’uu hinhafne gaafa jedhan Goobanaan naasuu cimaa keessa galee habararee gara ’Atse Yohaannis’ tti bade jedhe.
Gaafa kana ta’u Minilik ’Atse Yohannis’ hedduu sodaata waan ta’eef Goobanaan Yohannis faana ta’ee waraana narratti bana jedhee jaarsumma nama hedduu filee gara biyya Tigreetti Goobanaatti erge jedhe. Jaarsoliin Minilikiin ergaman sun Goobanaa yeroo argan Minilik ani dadhabeera si’achi utuu biyya bulchita siin jedhuu gara diina kootti baddaa maal taate biyyi kankeeti adaraa jedhanii ergaa Minilik itti himanii kadhatan jedhe. Sana booda guyyaa itti Goobanaan gara Finfinneetti deebi’u beellama qabanii deebi’ani. Guyyaan beellamaa guyyaa itti Goobanaan dhufu yeroo ga’u kormi hedduun qalamee, farsoon, daadhiin qophaawee, namoonni bebbeekamoon biyyattii keessa jiran hundi afeeramanii Goobanaa simatan. Guyyaa sun guyyaa gammachuu,guyyaa nyaataa fi dhugaatii ta’e jedhe. Gidduutti habashoonni warri Goobanaatti haala kuusaa turani yeroo Goobanaan machaawu arganii summii daadhiisaatti naqanii obaasuudhaan huddu isadhaabsisan jedhe. Akkasitti gargaarsi Goobanaan Minilikiif godhe gatiinsaa summii ta’ee lubbuu isaa galaafate jedhe.
Egaa Goobanaa Daacee akka fakkeenyaatti hafudhannu malee yeroo Itti Oromiyaan gita bittaa Habashaa jala galtee eegalee namoonni seenaa akkasii qabani, jechuunis lammii isaaniitti dugda gatanii halagaatti michoomanii saba keenyaa miidhaa kan turan hedduudha. Muraasa waamuuf seenaa: ’Fitaawuraarii H/Georgis’, Hasan Ali, Juuneddi Saadoo, akka salphaatti ilaaluu nidanda’ama. Jarri kunis yeroo garaagaraatti dhumni isaanii qaanii akka ta’e argineerra.
Kanaafuu seenaa Goobanaa Daacee fi jarreen akka isaa irraa waa hubanneerra jedheen yaada. Egaa warri akka tasaa seenaa akkasii dubbistani garuummoo mooraa diinaa keessa taatanii saba keessani miidhaa, ajjeesaa fi dararaa jirtani diinni yeroof akka meeshaatti yeroof isinitti fayyadamee waan isin gatuuf seenaa fokkisaa akkasii jalaa bahuuf saba keessanitti araaramaatii saba keessaniif waan gaarii yaadaa!!!
Waaqni Salphina Nu haa oolchuu!!!

No comments:

Post a Comment