Sirna bulchinsa motumma Ethiopian ittin gaggeefama jiru yoo illaale keyyata duraa irratti jecha bareeda akkana jedhu arkannaa . sirna bulchinsa gaarii irratti kan hundaa`e mirgi hawaasa fi mirga dhunfa bu`ura kan godhete kan ja`u daddeebi`e bareefame jira , garu yakki motumman cunqursaa ADWI (TPLF) ummata Oromo irratti yeroo adda addaa gaggaeesa jiru seeruma ofiif baafatani walin wal faaleessa .
Seerri biyya kenya yeroo amma kan ummaanni mirga isaa itti kabajsifaatu osoo hin ta`in motumman woyyaanne akkam ofiin feedheti ittin nama dorsiisuf hojirra olcheedha. Yeroo ammmaa balaalefannaan guddaan hawaasa keessa jiru seera ofii baase olaantumma seera kabaju dhabuu motumman woyyaanneti. fakkeenya biraa haa dhahu, Namni kamiyyuu hirira nagayaa yookin mirga waligahu isaa kan seeraan kabajame qaba kan ja’u ka`ame jira kanaaf hirira nagaayaa bahuuf qaama seera beksisu malee hayyama argaachun irraa hin egamu jedha, garu cunqursaan motumman woyyaanee yeroo adda addaatti hirira nagayaa barattoonii Oromo, hawaasini Oromo mirga isaani kan seeraan murtaa`ef kabajsiifachuuf bahan irratti tarkaafii sukkaanneesa(ajeecha, hidhaa fi dararaa ) barattoota, haayoole, abbooti, dubartoota fi ijoole Oromo irratti fudhecha tureera .
Mottuman woyyaanne haawaasa yeroo dheeraaf seera bulmaata biyyaatii kabajaa dhufe hundeera buqqaasa jira . yeroo ammaa hojilee naannawa mana murtilee mottumman woyyaanetti hojatama jiru mirga hawaasaa mulqissisa jira .
Lakkuma yeroon debraa jirtun cunqarsaan hawaasa biyya keenyaa irratti keysaafu ummata Oromo irratii akkaan jabaachaa dhufeeraa. Yeroo ammaa biyyiti teenya dorsisa waraana federaala, partiile hawaasaaf aantummaa hin qabnen, abbooti amanti jalee motumman tahanifi gaazaxesoota prafeeshinaa isan hin kabajneen kan guutamteedhe. Walumaagalatti dhittaa mirga lammumma hawaasa keenya, hawaasa lafa isaaniraa buqaasu , shanyumma ol- guddisu saba tokko saba biro caalchisun kan bira jibba irratti gaggeesun babal`ate kan calaqisudha .
Mirga dhala nama/ mirga bilisaan jiraachu dhabuun dargaggeessiifi dubartii Oromo baqaatumaaf afeeramani jiraa biyya itti dhalatan gad-dhisani gammojjii sahara fi bishaan baharitti lubbu isaani gaaga’a jiru. Bakka mirgi hin jirre hawaassni hin jiru bakka hawaasni hin jirretti biyyati takka hundee jabeefate dhaabbachun hin dandeessu. Nutis bakka bulchinsa haqaa hin jirreetti dhalanne (umamne ) jirreechun gatii hin qabuu. Kanaaf yeroo baay’ee mirga namumma bulchinsa haqaaa wajjiin daddeebi’e kan ka’uuf.
Namni akka namummaa isaati mirga namummaa isaa fedhii jireenya isaati olitti barbaada hawaasni takka mirgaa nammumma umamma arkate fi mirga dimookraasiisaa kabajsifate jiraachu barbaada, garu cunqursaan motummaa woyyaanne seera fi heera biyyati ummata ittin cunqursuf malee kan mirga isaa goonfachisuuf baafate miti . mottuman wayyaanne seeraa fi heera biyyati kan baasu yeroo fedhi itti hojjate yeroo fedhe itti dhesuudha. Yeroo ammaa rakkoon guddann biyya keenya keessa jiru rakkoo bulchaa dimookraatawa dhabu qofaa miti sanii olii seeraa fi heerii fedhii ummataa irratti hundaa’e hin jiru, murtiin haqaa hin jiru. Yeroo irra gara yerooti roorroon hawaaasa Oromo irra geysu dangaa dabree jira. Hawaasni Oromo yeroo adda addaa keessattii gaafilee mirga isaa kabajsifachuuf ol- iyyataa turera, Garu waggoota 23n dabran keessatii debbiisaan gaafi isaa ajeecha , dararaa fi hindhaa bira kan kutee miti.
Adeemsi motumman wayyaanne hawaasa Oromo strategic godhate deema jiru ummata Oromo lafa isaa irraa buqqisun yeroo dheera keessa enyumaa isaa, afaan isaa fi aadaa isaa dhabsisu kan xiyeffanaa godhatedha. yeroo ammaa motumman wayyaanne maxxantoota (jalee) isaa hanga gandaatti gad-dirirsun waldaalee hawaasa, gumilee arti afaan Oromo fi aadaa iratti hojjitan hunda sochii isaani wayyaanne wajjin akka hojatan gaafilee hawaasa keessan jiran akka ol-baasan hin dhageeysifne gad-qancarsaa jira. Kanume beekne yaa ummata Oromo tokkoo taane roorroo motummani wayyaanne hawaasa keenyarraan gahu kana yeroon itti dhaabnu amma.
Oromiyaan ni bilisomtii!!!!
Kiya Tesfaye
No comments:
Post a Comment