Caamsaa 06,2015 Amboo

- Obboo Sanyii Alamuu jiraataa jiraata magaalaa bakkee midhaa guddaan reebichaa kan irra ga’ee fi hidhatti darbame kan jiru
- Obboo Tasfayee Jiraataa jiraata jiraata magaalaa bakkee midhaa guddaan reebichaa kan irra ga’ee fi hidhatti darbame kan jiru
- Obboo Tokkummaa Araarsaa jiraata jiraataa magaalaa Bakkee midhaa guddaan reebichaa kan irra ga’ee fi hidhatti darbame kan jiru
- Obboo Hayiluu Ajjamaa jiraata jiraata magaalaa Bakkee midhaa guddaan reebichaa kan irra ga’ee fi hidhatti darbame kan jiru
- Obboo Eebbisaa Yaadataa jiraataa Magaalaa Bakkee kannee reebichi irratti rawwatame,
- Obboo shibbiruu Kumsaa qotee bulaa kanneen reebichi irratti rawwatame,
- Obboo Fayyeeraa Amanaa qotee bulaa kanneen reebichi cimaan irratti rawwatame fi
- Lalisaa Dhumaa kaadhimamaa KFO dorgomaa Filaannoo sobaa fi kabeebsaa Wayyaanee kan mana mare naannoo Oromiyaaf kan dorgomaa jiru, reebbichi guddaan qaama isaa irratti kan raawwateen yeroo amma kana caccabee haala socho’uu hin dandeenye haala rakkisaa keessatti kan argamu ta’uu gabaasaan Qeerroo bulisummaa Oromoo sochii warraaqsaa uummata qindeessuu aanaa ilfaataa irraa nuuf dhaame jira.
Ergamtootni Wayyaanee ergama diinummaa fudhachuun uummata Oromoo irratti yakkaa Suukaneessaa fudhachaa fi fudhachiisaa jirani fi itti gaafatama seenaa fi seeraa jala ba’uu hin dandeenyee:
- Bacharee Magantaa dhimma nageenyaa aanaa Ilfataa mana galmaa uummataa irraa adeemuun halkanii guyyaa uummata reebsisaa jira
- Warqinaa Irranaa Dabballee OPDO aanaa Ilfataa kan ta’ee mana galmaa uummataa poolisoota federaalaa wayyaanee fi basaastoota wayyaaneetti argisiisuun kan ummata irratti yakka dalagsiisa jiruu fi ilmaan Oromoo irratti raga sobaa qindeessuu himachiisaa fi raga sobaa ba’uun beekamu. Haalli gochaan Mootummaan farra dimookiraasii ta’ee kun uummata oromoo irratti rawwachaa jiruu kun uummatni Oromoo gara kuteenyaan mirga isaa kabachiisuuf akka qabsoo FDG qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessuu irraa duubatti hin deebine kan dirquu fi Uummatni fincilee mirga isaa kabachiifachuuf qophii gochuu jiraachuun ibsame jira. Humni poolisii wayyaanees guyyaa har’aa magaalaa Amboo irraa gara Aanaa Ilfataatti guuramaa jiraachuu madden keenya ibsan.
No comments:
Post a Comment