“ UTUBAA FI DAGALEE ”
SEENAA Y.G (2005)

Manni Utubaa malee, Utubaan Dagalee malee hiikkaa hin qaban. Utubaan qophaa isaa ijaajjee, waan mana sanaaf tolu baadhatee mana fakkeessuu hin danda’u. Dagaleenis Utubaa malee, qilleensa irratti dagalfamee waan mana sanaaf tolu walitti qabuu hin danda’au. waan waliif Umame kana adda baasanii dhimma itti ba’uun, baayyee rakkisaa qofaa odoo hin taanee, hin danda’amu jechuutu salaphata. Ijaarsa manaa keessatti , hojiin Utubaa fi dagalee walitti hidhuu gaggeeffamu tollaan , dhumni manichaas tolaa ta’a. Utubaa fi dagalee bakka malee, yoo walitti hidhan, YKN maal na dhibeen yoo ijaaran, umurii manichaa gabaabsuu qofaa ta’a. Walumaa galatti, UTUBAA FI DAGALEENijaarsa Mana tokko keessatti bakka ol aanaa ni qabaatu. Mana waggaa dheeraa ykn dhalootaaf dabru ijaaruuf, jabinni fi Ijaarsi isaanii isaaniin murtaa’a. Akkasuma, Ijaarsi Utubaa fi Dagalee irratti tollaan, qaamoota manichaaf barbaachisan hundi akka tolan hin shakkisiisu jennee haa xumurru. UTUBAA FI DAGALEEN….
No comments:
Post a Comment