Dhugaan Oromoon Keessa jiru kunooti.
Yeroo
ammaa kana ilmaan Oromoo maal keessan jiru yoo jennee gaafanneef namoonni addaa
addaa deebii heedduu kennuu ni danda’u. Inni fagoo jiru akka qoosaatti haasa’uu
danda’a. Inni dhiyoo jiru ammo miiraan dubbachuufi kaanis waa heedduu akka
jedhan nan abadadha.
Haa
ta’u iyyuu malee Uummanni Oromoo diddaa bittaa garboofattootaa yeroo kam iyyuu
tole jedhee simachuu diduun kan har’aa qofa utuu hin ta’in kan kaleessatis.
Kaleessa mootummaa abbaa hirree of irraa faccisuuf qabsoo ta’een namootni
heedduun kan wareegaman yoo ta’e illee seenaan Oromoo yoom iyyuu isaan hin
dagatu. Firiin qabsoo boonsaa geggeessan har’a daraaree jira. Oromoon roorroo
kamiif iyyuu hin jilbeeffanne, gara fuula duraattis hin jilbeeffatu.
Haaluma
kanaan, qabsoon har’as dargaggoota Oromoon finiinee babal’ataa akka jiru odeeffannoo qabatamaa kan nuuf
kennan, nus itti siqeenyaan kan daawwanne akka armaan gadiitti mee waliin haa
ilaallu.
Dargaggoonni
Oromoo mirga isaaniif falmatan, lafa uumamaan kan isaanii ta’e irraa qonnaan
bulaan Oromoo akka gadi dhiisu gochuuf wiixinee wiixineeffame, Ilmaan Oromoo
kanaan dura adamsuun qe’ee isaa, qabeenya isaa, horii isaa kan saamaa turaniif
ammas jiran irra guddeessaan godaansisuuf tarsiimoo Wayyaaneen qabdu fashalsiisuuf
wal’aansoo jiru keessatti dardarri Oromoo heedduun reebamaniiru, lafeen isaanii
cabeera, dhiigni isaanii dhangala’eera, qabeenyi isaanii gubateera, barumsa
irraa ari’amaniiru, hundumaa irra lubbuun isaanii aarsaa godhaniiru.
Mee
kanneen armaan gadii torban kana keessa uummata Oromoo irra kan ga’e waliin haa
caqasnu.
- Qabeenyaan Oromoo barbadaa’eera. Bara
dheera kan uummatichi itti dhama’ee horate rasaasaan loltoota Wayyaaneetiin
barbadaa’eera. Dirree lolaas fakkaateera.
- Barattootni fi dargaggoonni heedduun
reebamanii lafeen isaanii cabeera, dhiigni isaanii dhangala’eera. Warri
kaanis mana hidhatti dararamaa jiru. Yeroo ammaa kana lakkoofsi isaanii
kuma shantamaa ol kan taa’an manneetii hidhaa Wayyaaneetti dararfamaa
jiru. Abbootiin amantii loltoota Wayyaaneetiin magaalaa Gimbii keessatti
addumaan Luba Abitaw Darasee kan jedhaman barattoota loltootaan hanga
du’aatti reebaman akka dhiisaniif kadhachuuf yaalii godhaniin hanga
du’aatti rukutamanii yeroo ammaa kana hospitaala Gimbii keessatti du’aafi
jireenya gidduu jiru.
- Hundumaa caalaa ammoo dargaggoonni lubbuu isaanii aarsaa
godhaniiru.
- Addumaan Lixa Wallaggaa keessatti
hojjettootni fayyaa heedduun barumsa yoo qabaatan illee deggertoota ta’uu
dhiisuu isaanii irraa kan ka’e homaa tokko kan hin beekne, barumsa sirrii
kan hin qabne maqaa deggeruutiin beektota Oromoo dararsaa jiru. Baay’een
isaanii yoo iyyatan illee namni isaan dhaga’u hin jiru. Maatiin heeduun
diigamaniiru. Mucooliin haadha malee jiraataniiru. Warri deggertoota ta’an
garuu magaalaatti galuun rakkoo tokko malee jiraata jiru.
Walumaa
galatti yeroo ammaa kana qabsoon dargaggoota
Oromoon eegalame kun fincila diddaa bittaa garbummaa waan ta’eef akka
yaallootti kan dhaamu, sossobuun kan deebi’u, akka hin taane cimsamee hubatamuu
danda’eera. Qabsoon kun itti fufiinsa kan qabu, yoomi iyyuu kan hin
dhaabanneefi Oromiyaan hanga bilisoomtutti kan itti fufu ta’a.
Injifannoon
ummata oromof
No comments:
Post a Comment