Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Monday, December 22, 2014

Firoomaafi Alagooma*

Beekan Gulummaa Irranaa
Namicha tokkotu ture. Obbo Jaalataa jedhama. Mannisaa   kaaba Tuulamaa, Aanaa Warra Jaarsoo laga Abbayyaa qarqara ture. Namichi kun firoota /lammii/ isaa hinjaalatu. Jireennisaa alagaa waliin yoota’u, qabeenyi isaa daangaa hinqabu. Qabeenyasaa kana garuu lammii isaatiif hinkennu. Nyaataa dhugaatiinsaa alagaa waliini. Alagootnis akka malee eegee isa jala raasu turan. Yaamichasaas hinhafan. “Ati gooftaa keenya. Nutimmoo sirriitti si jaalanna” jedhuun.
Gaaf tokko galgala obboo Jaalataan cidha wayii deemee, bakka cidhaatti sirba tokko dhaga’e. Sirbichis akkana jedha.
Akka jettuun nama qarree qotu saniinii,
Qotuun tolee yoo aramuu baatte jedhiinii
Akka jettuun nama lammii jibbu saniinii,
Jibbuun tolee gaaf rakkoo yoo si dhibuu baate jedhiinii
Lammiin ofii gaafa rakkoo kafanaati
Lammiin Ormaa gaafa rakkoo saqaxa taati.
Sirbi kun obbo Jaalataa ni ajaa’ibe. Akka yaada isaatti lammii caalaa alagaatu namaaf dhukkubsata. Kanaaf lammii jibbee alagaa waliin jiraata. Alagaan yaamicha isaa hafee hinbeeku. Sirna isaa isaantu miidhagsa. Garuu obbo jaalataan gaaftokkollee rakkatee hinbeeku ture. Kanaaf, jaalala alagaa kan gaafa rakkoo argee waan hinbeekneef, qormaata godhee yaada sirbicharraa dhagahe addaan baafachuu fedhe.
Gaaftokko ganama qormaata geggeessuu barbaadu haadha warraa isaatti himee mari’ate. Ishiinis yaadicha ni fudhatte. Boodarras tumaalessa akkaan coome tokko qalanii gogaa irraa fuudhuun gaabiidhaan maranii diinqa kaa’an. Ergasii  gaafa dimimmisu warra alagaafi lammii isaatti akkas jedhee ergaa walfakkaatu erge.
“Yaa obbolootakoo namatu na harkatti bade. Ammaan kana dafaa na dhaqqabaatii qabeenyaafi ilmaan tiyya  naaf maqsaa!”
Warri alagaa walyaamee mari’ate.
“Abalu jiraa?”
“eeyyee!”
“Abalu hoo?
“Innis jira.”
“Erga namni keenya cufti nagaya ta’ee dubbii namittii tanaa keessa hinseennu” jedhanii walii galan. Namni tokkollee gara qe’ee obbo Jaalataatti hinnaannofne. Lammiin isaa ammoo bakka jiruu wal yaamee halkan walakkaa isa dhaqqabe. Xiqqaa guddaan hinhafne.
“Maal taate?” jedhaniin.
“Namatu na harkatti du’e,” jedheen.
“Namni wayii si argee?”
“lakki.”
“Ergasuu dhoksinee awwaalla reeffi eessa jira amma?” jedhaniin.
Obbo Jaalataanis tumaalessa diinqa ciisurraa gaabii kaasee albeefi mimmixa waliin isaan dura kaa’e.
“Maali kuni ammoo?” jedhaniin.
“Ani har’an of arge. Yeroo dheeraafin lammiikoo jibbee alagaa jaalataa ture. Har’a rakkadhe jedhee itti ergannaan tokkichillee natti naanna’uu dide. Isin garuu osoon isin jibbuu rakkoo keessaa na baasuuf halkan kana caccabaa dhuftan. Bakka firaafi bakka alagaa laalufan waan kana godhe” jedheen. Isaanis hojii namtichaa ajaa’ibsiifataa foon tumaleessaa nyaachuu eegalan. Sana booda obbo Jaalataan alagaa dhiisee lammiisaa jaalate. Alagaa gaafa kolfaa, fira gaafa golfaa jedhama mitiiree?
Galatoomaa!!

No comments:

Post a Comment