Bara durrii miilla, harka, ilkaan, ija, gurra, funyaan, garaa ta’anii walii galteedhaan jiraatu turan. Booda warri kaan walii galteen garaa yakkuu jalqaban; bu’aa hin buusu jedhaniin. Garaanis, “Maalan balleesse, maaliif na yakkituu? jedhee gafannaan, “Ati otoo hin hojjetiin waan nuti dhamaanee finne nyaatta” jedhaniin. Achumaanis, “deemi nurraa” jedhaniin. Garaanis dubbiin kun murtiitti akka dhiyaatu gaafate. Isaanis, “haa ta’u,” jedhanii mana murtii dhaqan. Hundiyyuu rakkoo isaanii himatan. Abbaan seeraas, eega waliigaluu dadhabdanii beellaman isiniif qaba. Hanga gaafa beellamaatti akkuma duriitti walii galteen wal ta’aatii tokkummaadhaan jiraadhaa jedheenii hundinuu gara manaatti deebi’an. Sana booda, oduma deemanii iji sangaa fuullee gamatti argee miillaan, “koottu dhaqnee finnaa,” jedheen. Harka wajjin, oofanii fidanii galanii akka gaariitti qopheessanii garaadhaan, koottu in nyaannaa” jennaan, hamman murtii argadhutti hin nyaadhu jedhee dide. Kanumarraa kan ka’e hundumtuu beela’anii dadhabanii jennaan, garaa dhiifama gaafatan. Garaanis dhiifama isaanii godhee akka durii isaaniitti tokkummaadhaan jiraachuu jalqaban jedhama.
Beekan Gulummaa irraa
No comments:
Post a Comment