Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Wednesday, August 19, 2015

DHAABBIN UUMAN TOLTE!!

 uumaa waaqaa guddaan, dhaabbiin kan tottoltee ifaajee harka Waaqif, galataan ragaa baatee nammummaan keeyyuu, kuushummaadhaan ragde, haadha seexaan guutuu, waan hundaan haamiltee hidda dhiiga kootii , kuullee koo saatawwee, saddeeta uumamaa, qalloo mudhiin jawwee saakaayee Oromoo, lookoo mormi lawwee. looshaa sooyyoomeedhaa, lattuu sooree waaqaa siif maaljedhee siiwaamuu, Maal maalin si himu? siif hanqaata, moggaasniyyuu maqaa intala ganamaan, uuman babbareeche harka waaqaa malee, kan baranee hin qabne gubbaa hanga jalaa, tottoltee bareeddee, muudaaf hanquu malee, kan guutuudhaan saarte sanyii araddaadhaa, oomisha caal- namaa, Hogguu kee hin moofuu, haarayaa saaroo namaa ganamuu galgaloo, naaf araada taatee, argaaf baasoon ijaa , jechatti hanqatee, miidhagsee si himuuf, qubeetu xiqqaatee, gurraattii nuugiidhaa saddeeqa waaqayyoo fakkaattii dachee kuush, walakkaa naaf aaayyoo. Cibrannaan rifeensaa, kaan aadaan oydame libsaan ija teeyyuu, kan suutan baname konkonni funyaanii, shimala qeerroodha, baqaqsaan kaarruudhaa, urjii rudaa raroodhaa boorri hidhii keetii, dhangaa buleen micciirraf cuuqqoodhaa kuulli ija keetii, kuraamalli irgeedhaa afuurri kee damma, daamuu birraa foolin qaama keetii, dachee waaqxiin surraa qaama koof qaama kee, isa lamaan tokkorraa hidda dhiiga kootii, soroora waaroorraa. sooyyomee oromoo, caaltuu hunda namaa sirkatti kufuutu, waacaala waamaraa qorsi harkaa onnee kee, ammayyuu uumaamaa. itti maka malee , arjoomina akaakaa hiddaaf baala keetu, qaba dawoomina kanaafan sifaarsaa, ni caalta hunda namaa. tottolchitee qabdee, qabaa dhumdhumaatiin kaasuu tokkoo guuttee, lapheetti of hirkiftee situ fuudhee sokkee, kunooti qaarite deebisi bakkatti, kunuunsi jiraatti situ siiqqittiidha, aangoon harka keetii magaala gurraattii, duree Afrikaati Giiftii haadha Gadaa, caaccuun asxaa keetii dhaabbii uuman tolche, situ haadha naatoti. Mee na dura bu'i , caaccuu qaphu harkatti. Dhaabbii uumaan , tolte simboo uumamaati.

No comments:

Post a Comment