Naannowaa Finfinneetti ijaarsi manaa seeraan ala jedhamee diigamullee dhimma Investimentiif karoorri qabame diigumsi mana jireenyaa uummataa jabeeffamee itti fufaa jirus garuu uummanni naannoo adda addaatti jabaatee kan dura dhabbataa jiru tahuus kan mul’ataa jiruudha. Haata’u malee Buraayyuutti turban lamaan dura manni 140 ol diigamee kan jiruu fi kan karoorfame isaan ol tahuun kan hubatameedha. Kanumaan Hagayya gaafa 3,2015 kaayyoon diigumsa mana jireenyaa maqaa seeraaan ala jedhamee diigamu magaala Sulultaa irratti xiyyeeffatame diddaa uummataan dhaabbate.
Odeessa Qeerroo magaala Sulultaa irraa gabaasuun manneen jireenyaa hedduun lakkoofsa hin qabne diigamuuf karoorfame, seeraan ala ijaarame kan jedhuun uummanni abbaan qabeenyaa kun itti karoorfamee fi kan dhimmi kun isaan hin geenyes wal irratti dammaqummaadhaan qaama mootummaa wayyaanee dhimma kana irratti bobbahee jiru dura dhaabbatuun diddaa taasiseen feshelatee jira. Karoorri kun naannowaa oromiyaa
hundatti akeekamee jiraachuu fi Qeerroon Bilisummaa dhimma kana uummata waliin irratti dammaqummaadhaan dura dhaabbachuun qabeenya
isaa oolfachuu akka qabu waamicha taasisa. Qabeenyaa isaa irraa buqqa’uu irra wareegamuu filachuun roorroo ofii yerodhaan ofirraa gaggeessuun kan karoorfame hojjetamuun dura irratti dammaquu dhaamsaa
No comments:
Post a Comment