Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Wednesday, March 26, 2014

Itoophiyaa: Basaasni Telecomii Mirga Dhala Namaa Balaa keessa galche

Teeknoolojiin biyya ormaa mormitoota biyya keessaa fi alaa basaasuuf oola

(Barliin, Bitootessa 25, 2104) – Mootummaan Itoophiyaa meeshaa hammayyaa halagaatti fayyadamuudhaan basaasa telekoomii daangaa hin qabne hojjettoota mormitootaa, akkasumas gaazexessitoota biyya keessaa fi alaatti argaman irratti basaasa gaggeessaa jira, Humaan Raayit Watch gabaasa har’a gadhiiseen ibse.

Gabaasichi fuula 100 “‘Jarry waan hojjetnu hunda beeku’: Basaasa Telekoomii fi Interneetii Itoophiyaa,” jedhu keessatti akka ibsetti mootummaan itoophiyaa meeshaawwan hammayyaa biyyoota baay’ee irraa argateen hojii basaasaa namoota akka mormitootatti shakkaman irratti aanjeffateen jiraattota biyya keessaa fi baqattoota biyya alaa irratti basaasa gaggeessaa jira. Hojiin basaasaa mootummaa kun mirga dubbachuu fi yaada ofii bilisaan ibsachuu, gurmaayuu, akkasumas mirga odeeffannoo argachuu kan faallessudha. Mootummaan bilbila mobaayilaa hunda fi tajaajila Interneetii karaa mana hojii telekoomiitiin dhunfatee qabatee kan jiru yoo ta’u, Itiyoo-Telekoom kun hojii basaasa kana raawwachuu haala mijeessuu cimsee itti fufee jira.

“Mootummaan Itoophiyaa sirna telekoomii dhuunfatee qabachuu isaa kana sagalee mormitoota ittiin ukkamsuuf akka mala tokkootti itti fayyadama,” jedhe  Arvind Ganesan, daarektarri dhimma Huumaan Raayits Wach. “Dhaabbatootni biyya alaa kanneen tajaajila fi meeshaa adda addaa Mootummaa Itoophiyaaf kennan gochaan raawwatan kun sirnichi gama mirga nama ukkamsuutiin gochaa gaggeessu keessatti qooda fudhchuudhaan gochaa yakkaatiin himatamuuf of saaxilanii jiru.”

Gabaasichi miidhamtoota 100 fi angawoota sirna basaasa keessatti hojjetan kan  Itooophia fi kan biyyoota biroo 10 waliin baatii sadaasaa 2012 fi Amajjii 2014 jidduu tti gaaffii fi deebii taasise irratti kan hundaayudha. Mootummaan guutummaan guutuutti sirna Telekoomii kna towatu waan ta’eef, angawootni basaastuu galmee oduu telefoona irratti dubbatame hunda argachuuf daangaa malee karaan akka banamuufii ta’eera jechuun ni dandayama. Jarri yaroo hunda fi akka salphaatti bilbila telefoonaa deemsa seeraa wayiituu hordofuu otoo isaan hin barbaachisiin waraabuu dandayau.

Dubbiin maatii fi hiriyyootni yommu bilbila irratti dubbatan waraabame – keessattuu lakkoofsa bilbila biyya alaa kan qabu yoo ta’e – yaroo baay’ee akka maleetti namoota qabamanii hidhamaniif gaafatamanitti dhageessifama, sababuma kanaan akka dhaabota ugguraman keessatti miseensa ta’aniitii fudhatamanii ittiin yakkamu. Sararri mobaayilaa yaroo hiriirri nagaa gaggeeffamutti ni cufama, bakkeen hiriirtotni jiranis sanumaan hordofamee bira gayama.

Miseenssi dhaaba siyaasaa duraanii tokko Humaan Raayit Wachitti akka himetti: “Gaaf tokko qabanii na hidhani, waan hundas natti argisiisani.” Bilbila ani bilbile hunda na argisiisan, dubbii ani obboleessa koo waliin dubbadhe tokkos na dhageessisani. Waayee siyaasaa bilbila irratti waan dubbanneef na hidhani. Bilbilli sun bilbila ani jireenya koo keessatti yaroo duraaf qabadhedha, anoo dura waanuman bilisaan ittiin dubbadhu tokko argadhe natti fakaatee ture.”


Mootummaan kun marsaa odeeffanno (website) kanneen oduu bilisa ta’e dabarsan fi xiinxala siyaasaa gaggeessan hunda ukkamsuudhaan mirga namootni odeeffannoo argachuuf qaban dhiphiseera. Biyyoota xiinxaluuf Huuman Raayit Wachi fi  Citizen Lab, wiirtuu qorannoo Univarsitii Torontoo kan haala nageenya fi mirga itti-fayyadama Interneetii qoratu qorannaa bara
2013 gaggeesseen Itoophiyaan marsaawwan odeeffannoo, gabatee miidiaa fi bilogaroota garee mormitootaa ukkaamsuu cimsitee akka itti fufte ibsa. Biyya miidiyaan bilisa ta’e akka malee dhiphatee jirutti, odeeffannoo akkanaa argachuun hedduu rakkisaadha.

Mootummaan Itoophiyaa gama bilbila mobaayilaatiin basaasni gaggeessu yaroo baay’ee ummata
Oromoo irratti kan xiyyeefatedha. Haasawaan bilbilaa teeppii irratti waraabame kun hidhamtootni miseensa dhaabota siyaasaa uggraman keessatti miseensa akka ta’an; fkn Oromootni Adda Biliummaa Oromoo kan mirga Oromoo caalaatti kabachiisuuf ykn bilisummaa Oromoof falmaa jiru keessatti miseensa akka ta’an doorsisanii jecha amantii kennisiisuuf itti fayyadamu. Biyya seerri akka hin taanetti bayee hojii irra oolaa jiru fi maqaa seera farra shororkeessummaa jedhuun seerri hin taane bayee jiru keessatti, akkasumas mallattoon manni murtii seera sirnaan hiiku hin mul’atne keessatti imeelii fi dubbiin bilbila irratti haasawame waraabamee akka ragaatti falmii mana murtii keessatti dhiyaata.

Angawootni biyyattii namoota bilbila lakkoofsa bilbilaa Itoophiyaatiin ala ta’e fi kan galmee Itiyo Telekoom irra hin jirre irraa itti bilbilame jennaan fuudhanii yoo dubbisan jarri nama akkanaa hidhanii qoratu (jecha irraa fuudhu). Sababa kanaaf, biyya lammiin ishii hedduun biyya ala hojiif bayee jiraatu keessatti ummatni Itoophiyaa, keessaahuu ummatni baadiyyaa bilbila biyya alaatti bilbiluufis ta’e bilbila bilbilameefii fuudhee dubbisuuf ni sodaata.

Teeknoolojiin sochii telkoomii to’achuuf Itoophiyaa keessatti hojii irra oolu hedduun isaa dhaabata telekoomii Chaayinaa guddaa tokko maqaan isaa ZTE jedhamu irraa kan argamudha, dhaabni kun bara 2000 irraa eegalee meeshaa kana dhiyeessuu kan jalqabe yommu ta’u bara
2006 irraa hanga 2009 tti ammoo meeshaa akkanaa dhiyeessuuf waliigaltee addaa qabatee hojicha dhuunfatee qabatee ture. ZTEn Aaafrikaa keessaa fi addunyaa irratti gama meeshaa kanaatiin shoora ol’aanaa taphachaa kan jirudha, Itoophiyaa keessattis facaatiin telekoomii akka tamsa’u gochuu keessatti shoora murteessaa taphachaa jira. Hojii isaa waliin wal qabatee bilbibila mobaayilaa seera malee basaasuudhaan mirgi namaa akka hin sarbamne mirkanessuu fi ittisuuf ZTEn tarkaanfiin fudhate yoo jijiraate akka ibsu gaaffii Huuman Raayit Wach dhiyeesseefiif deebiin kenne hin jiru.

Dhaabbatni daldalaa Awurooppaa hedduunis meeshaa hammayyaa hojii basaasaasaaf oolu, kan hojiin isaa miseensota mormitootaa biyya alaa irratti xiyyeeffate Itopphiyaaf kennuu keessatti qooda fudhatu. Itoophiyaan ammaan kana meeshaawwan biyya Unaaytid Kingdam fi Jarmanii keessatti kan hojjetu dhaabbata Gaamaa Internaatshinaal Finfisher jedhamuun kan homishamu fi Xaaliyaanitti kan argamu Haaking Teams Riimoot Koontrool dhaaba jedhamuun kanneen homishaman kan of harkaa qabdu fakkaatti. Meeshaawwan kun dhaabbatootni basaasaa galmee, odeeffannoo, fi sochii kompiitaroota vaaiyrasan faalaman arguuf kan isaan dandeessisudha. Meeshaan kun furtuuwwan komiitaratti fayyadaman fi furtuu iccitii adda addaa itti towtan akksumas weebkaamii fi sagalee dhageessiftuu halaala ta’anii bananii kompiitara otoo abbaan
hin beekiin akka meeshaa sagalee waraabduu ofiitti geeddaranii nama manaa isaatti basaasuuf itti

fayadamuuf kan isaan dandeessisudha. Lammiiwwan Itoophiyaa biyyoota UK, Unaaitid Steetis, Norweey fi Neezerlaanditti argaman meeshaan isaanii vaayirasa akkanaan falamuuf kanneen saaxilaman dha; namoota haala kanaaf saaxilaman kanneen keessaa US fi  UK kan tti argaman waayee sarara qunnamtii xalafanii dhaggeefftamuu irratti himatnaa dhiyeessaa jiru. Dubbiin Skaayppii irratti namoota gidduutti gaggeeffame fi koompiitara bifa kanaan faalame irraa waraabame tokko leellistuu mootummaa kan ta’e tokkoon kan qabame gabatee odeeffannoo tokko irratti bayee argameera.

Dhaabbatni Gamma jedhamu biyyoota mirga dhala namaa kabajuu irratti seenaa gaarii hin qabnetti meeshaan kun akka hin gurguramne of eeggannoo wayii gochuu isaa ilaalchisee Huuman Raayit Wach gaaffii dhiyeesseefiif deebii hin kennine. Haaking Tiim kan jedhamu garuu meeshaan isaa gochaa badaa ta’eef akka hin tajaajille of eeggannoo akka godhu ibseera, haa ta’u malee of eeggannoon akkanaa kun jiraatus gurgurtaan Itoophiyaa waliin godhan akka jiru fi yoo jiraates sirna maaliin akka raawwatame hin hin ibsine.

“Itoophiyaan teeknoologii biyya alaatti fayyadamuun miseensota mormitootaa biyya hambaa jiraatan irratti xiyyeeffaatte waanti gootu fakkeenya yaaddessa daldalli addunyaa towannaa malee raawwatamaa jiraacuu isaa argisiisu, namootas balaa hamaaf kan saaxiledha,” jedhe Ganesan. “Homishtootni meeshaawwan kanaa meeshaan isaanii faayidaa hin malleef akka hin oolle tarkaanfii hatattamaa fudhachuu qabu; kunis meeshaawwan kun lammiiwwan Itoophiyaa biyyaa hambaa jiraatan basaasuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu fi ta’uu dhabuu isaa, akkasumas sochiin isaan Itophiyaa keessatti godhan dhiibbaa mirga dhala namaa irratti qabu qorachuu of keessatti dabalachuu irra jiraata.”

Spaayweeriin humna cimaa qabu sadarkaa addunyaattii towannaa tokko malee hojii irra oolaa jiru sirna biyya alaatti ergaman ilaalchisees biyyootni seera towannaa tokko baasanii hin jiran jechuun ni dandayama, jedha Humaan Raayit Wach. Bara 2013 tti, gareen mirga namaa Dhaabaata Walta’insa Dinagdee fi Dinagdee (Organization for Economic Co-operation and Development) jedhamutti  himatnaa dhiyeesse keessatti teeknoolojiin akkanaa Baahireen keessatti mormitoota irratti xiyyeffachuun hojii irra oolanii jiru, Citizin Laab dhaabni jedhamu akka ragaadhaan addeesstti meeshaan kun   bi yyo ot a 25  ol  t a’an  keessatti hojii akkanaaf oolainiiru.

Mirgootni dhimma dhuunfaa ofii iccitiidhaan qabachuu dandayuu, walabummaadhaan of ibsu, mirga odeeffannoo, fi mirga ijaaramuu akka addunyaa irratti seeraan tikfamaniitti heerri Itoophiyaa of keessatti qabatee bayeera. Haa ta’u malee, Itoophiyaan sirna seeraa mirgoota kana ittisu fi ummatni basaasa seeraan alaaf akka hin ittisu tolchuu ishii hanqata ykn ammoo akka jiraatu hin feetu. Balaan kun caalaatti yaaddessaa akka ta’u kan godhu ammoo biyya san keessatti  reebichi suukkanneessaa fi akka maleetti hidhamtoota qabuun  manneen hidhaa hedduu keessatti babal’atee kan gaggeeffamaa jiru ta’uu isaati.

Tasa Itoophiyaan sababa hanqina dandeettii fi ministeerota ishii gidduu wal amantaa jiru xinnaa waan ta’eef meeshaa basaasaa kanatti ittifayyadamuuf carraan qabdu daangeffamuu ni mala, jedheera Huumaan Raayit Watch. Haa ta’u malee akka hanqinni dandeettiin biyyattii fooyya’een lammiiwwan itoophiyaa mobayilaa fi interneetii fayyadaman balaa hamaan fuuldura isaanii jira.

Hordffii seeraan alaa mootummaan godhu cinaatti lammiiwwan biyyatti basaastotni mootummaa kun bakka hundaatti akka argaman amanuu jalqabuu fi sarara teleckomii irratti mata duree hedduu irratti bilisa ta’anii dubbachuu irraa of qoqqobuu jalqabuu isaanii waliin wal bira qabamee haalli jiru yommu ilaalamu waanti caalaatti yaaddessaa ta’e dhufaa akka jiru arguun ni dandayama. Sirni ofumaa of towachuu (self censorship) kun bakka hunda caalaa baadiyaa Itoophiyaa bakka facaatiin intenreetii fi Mobayilaa xinnaa ta’etti babal’atee gaggeeffama. Malli basaasaa mootummaa inni guddaan hidda basaasaa ummata keessa gad-diriiree fi sadarkaa gandaatti irraa jalqabee sirnichi ijaaredha. Aadaan haala akkanaan baadiyyaatti tolfame kun hawaasni baadiyyaa bilbila moobaayilaa fi meeshaawwan qunnamtii biroo hunda akka mala basaasaa biraa ta’aniitti akka ilaalu godheera, jedhe Huumaan Raayit Wach.

“Sirni telekomii Itoophiyaa guddataa dhufuun isaa seerri icciitiin namootaa itti tikfamuu fi mirkanaawu tolchuu feesisa, akkasumas angawootni akka fedhanitti icciitii dhuunfaa namootaa akka daangaa wayii malee akka hin ilaallle mirkaneessuun kan hordofsiisudha,” jedha Ganesen. “Teeknoolojii Inteneetii fi mobaayilaa ofitti fudhachuu waliin meeshaann kun demokraasii akka tiksutti hojii irra oolchuu gochuun barbaachisaa akka hubachuun murtessaadha, yaadni fi ilaalchi namootni qaban bilisaan akka gaggeeffamu gochuu fi odeeffannoo adda addaa argachuu
mirgoota jiran hundaa jajjabeessu fi sirna qajeeltoo tolchuu malee mirgootni ummataa kunniin akka ukkamaman gochuuf itti fayyadamuun sirrii hin ta’u.

Hiriira biyya Norwey magaala Hamarii fi Ottaa irratti qophaa'e.

Tuesday, March 25, 2014

ኣሳ ጉርጉዋሪ ዘንዶ ያወጣል

የነፍጠኛው ገዢ መደብ ርዝራዦች በተቻላቸው ኣቅም ሁሉ ኦሮሞና ኦሮሞነትን ለመፋለም ተሰማርተዋል። የመንግስትን ስልጣን ይዞና የነፍጠኛውን የበላይነት ተክቶ ኣገር እየመራ ያለው ወያኔ ኢህኣዴግ ቢሆንም የነርሱ ዋነኛ ጠላት ግን ዛሬም ስልጣን ኣልባው ኦሮሞ ሆኖ ቀጥሏል። የወያኔ ኢህኣዴግ መንግስት ኦሮሞን ጨምሮ የብሄር ብሄረሰቦችን ማንነት ኣምኖ መቀበሉና ይህንንም (በመጠኑም ቢሆን) የሚያረጋግጥ ፌዴራላዊ ስርኣት መዘርጋቱ ያበገናቸው የቀድሞው ኣሃዳዊ ስርኣት ናፋቂዎች ኣማራ ነን ብለው ኣፋቸውን ሞልተዋ እንደ ኣማራ ብሄር ቆመው ከመከራከር ይልቅ ዛሬም በ ‘ኢትዮጵያነት’ የማስመሰያ ካባ ነጻ ህዝቦችን መልሰው መዳፋቸው ስር ማስገባት ከማለም ኣልቦዘኑም። ዛሬም የኦሮሞው፣ የትግራዩ፣ የሲዳማው፣ የቤኒሻንጉሉ፣ የሃዲያው ወዘተ ማንነት በራሳቸው ማንነት ታፍኖ፣ ቁዋንቁዋቸው በኣማርኛ ተተክቶ ኣማራ ሆይ ማረን ብለው ኣጎንብሰው ኣንዲያመልኩኣቸው ከማለም ኣልተመለሱም።
እነዚህ የነፍጠኛው ገዢ መደብ ኣተላዎች በነርሱ እኩይ የስልጣን ጥማትና በሌሎች ላይ በሚያሳዩት ንቀት ሳቢያ ኣማራውን ሁሉ ኣንድ ላይ ደምረን እንድንጸየፍ ወይም እንድናወግዝ ይፈልጋሉ። በርግጥ የተከበረው የኣማራ ህዝብ እነዚህን ከኣብራኩ የወጡና ለሌሎች ሰላምና ነጻነት ጸር የሆኑትን ልጆቹን ገስፆ የማስታገስ ሃላፊነት የወደቀው ከማንም በላይ በገዛ ትከሻው ላይ መሆኑ ኣይካድም። ኣንዳንድ መረን የለቀቁ ተማርን ባይ የኣማራ ተወላጆች ጭራሽ በነርሱ ብሶ ‘ኦሮሞ ወደ ኢትዮጵያ የገባው በ16ኛው ክፍለ ዘመን ነው’ እያሉ ኣደገኛ ድፍረት እያሳዩን ናቸው። የተከበረው የኣማራው ህዝብ እንዲህ ባለው ኣደገኛ ድፍረት ውስጥ እጁን ከማስገባት ኣንዲቆጠብና የህዝብ ለህዝብ ክብራችንን እንደጠበቅን እንድንዘልቅ እየተመኘን ከመዘዘኞቹ ባለጉዳዮች ጋር የታሪክና የፖለቲካ ሂሳባችንን ለማወራረድ እንገደዳለን።
የኣማራው ሊህቃን ስለ ምኒልክ ጭፍጨፋና ስለ ኢትዮጵያ ኢምፓየር ኣመሰራረት ኢ ፍትሃዊነት በተነሳ ቁጥር እሱን ትተው ዘለው ቂብ የሚሉት በ16ኛው ክፍለ ዘመን ታሪክ ጉዳይ ላይ ነው። ለምኒልክ ጉዳይ ምኒልካዊ ምላሽ መስጠት ተስኖኣቸው ሃራምባና ቆቦ የሆነ ነገር መዘባረቁ ይቀናቸዋል። ምኒልክ የራሱን ኢምፓየር ለመመስረት ሲዘምት ኦሮሞውንና ሌላውን ብሄር ጨፍጭፏል ኣልጨፈጨፈም ነው ጥያቄው። ምላሹም ኣዎን ጨፍጭፎ ነበር ወይም የለም እልጨፈጨፈም ነው። ከሁለቱ መልሶች የተያዘውን ይዞ በጭብጥ መከራከር ያባት ሆኖ ሳለ ሮጠው 16ኛው ክፍለ ዘመን ላይ ጉብ ማለት ኣስቂኝ የፈሪዎች ባህሪይ ነው።
ትምህተኞቹ የነፍጠኛ ልጆች የምኒልክን ጭፍጨፋ በተመለከተ ‘ኣባቶቻችን ስህተት ፈጽመዋልና ያለፈውን ስህተታቸውን ለታሪክ ትተን በኣዲስ ወዳጅነት ለወደፊቱ የጋራ ህልውናችን እንትጋ’ የሚል በቅን የተሞላ ኣቁዋም ይይዙ ይሆናል ተብለው ሲጠበቁ ይባስ ብለው ‘ጭፍጨፋው ፍትሃዊ ነበር’ እያሉ ሽንጣቸውን ገትረው መከራከርን መርጠዋል። ይህ ኣጉል ድፍረታቸው ደግሞ የሚመነጨው ‘ኦሮሞ ወደ ኢትዮጵያ የገባው ከ16ኛው ክፍለ ዘመን በሁዋላ ነውና እንዲህ ኣይነት ወቀሳ ሊያቀርብብን ሞራል የለውም’ ከሚል የድንቁርና እምነታቸው ነው። ኢትዮጵያን የያዛችሁት በቅርብ ጊዜ ውስጥ በመሆኑ እኛ የጥንት ባለርስቶች ስንጨፈጭፋችሁ መጨፍጨፍ፣ ስንገዛችሁ መገዛት፣ ስናፍናችሁ መታፈን እንጂ ሌላ ኣማራጭ የላችሁም ሊሉን ይዳዳቸዋል። ከዚህም ኣልፎ ወራሪውን ምኒልክን ሲታገሉት የወደቁ የኦሮሞ ጀግኖችን ያላንዳች ሃፍረት ‘ከሃዲዎች’ ሲሏቸውም እየሰማን ነው። የምኒልክ ጦር ዘምቶ የያዘው መሬት ጥንታዊ መሬታችን እንጂ የኦሮሞ መሬት ኣልነበረምና በዚህ ጦርነት ላይ ኦሮሞውን ጡት መቁረጥና መስለብ ፍትሃዊና ቁዱስ እርምጃ ነው እያሉ ናቸው። ይህ ነው የመከራከሪያቸው ዋነኛው ጭብጥ።
ይህን ካልን ዘንዳ ወደ ዋናው ነጥብ እንግባ። ለመሆኑ ኦሮሞ ከ16ኛው ክፍለ ዘመን በፊት ኣገሩ ሌላ ነበር? ይህንን ኣስቂኝ ጥያቄ ለመመለስ ሲባል ወደ ጥንታዊ ታሪክ መግባት የግድ ሊሆንብን ነው። ጥንታዊው ታሪክ ስንል ቢያንስ ከኣንድ ሺህ ኣመት በፊት ስለነበረው ታሪክ ማለት ነው። ጥንታዊውን ታሪክ ስናስብ ዛሬ ኦሮሞ፣ ኣማራ፣ ወዘተ እየተባሉ በብሄር ስም ስለሚጠሩ ህዝቦች ሳይሆን የነዚህ ብሄሮች ኣባት ስለነበሩት ነገዶች ነው የምናነሳው። የቀጣናችን ጥንታዊ ታሪክ ስለ ብሄሮች ሳይሆን ስለነገዶች ነው የሚያወሳው። በነገድ ነገዳችን ስንደለደል ታዲያ ኦሮሞ ዋነኛው የኩሽ ነገድ ግንድ መሆኑን እናገኛለን። የኩሽ ነገድ የጥንታዊቷ ኢትዮጵያ (የዛሬዋን የምኒልክ ኢምፓየር ማለቴ ኣይደለም) የስልጣኔ ባለቤት ነው። የኩሽ ኢትዮጵያ ግሪኮቹ Aithiops ያሉዋት የጥቁር ህዝብ ምድር ነበረች። ይቺ የኩሽ ኢትዮጵያ ናት በመፅሃፍ ቅዱስ ውስጥ ‘ኢትዮጵያ እጆቿን ወደ እግዚኣብሄር ትዘረጋለች’ ተብላ የተጠቀሰችው። ይህ ደግሞ ከግብጽ ጀምሮ እስከ ኑቢያ ድረስ እንዲሁም በኣንዳንድ መልኩ ኣክሱምን የሚያጠቃልል የጥንት ስልጣኔ ኣሻራ ነው። በዚህ የስልጣኔ ዘመን ኣማራ፣ ኦሮሞ፣ ትግራይ… የሚባል የብሄር ኣደረጃጀት ላይ ኣልተደረሰም ነበር ብለናል። ስለሆነም ኩሾቹ ኣንደኩሽነታቸው፣ ሃበሾችም (ሁዋላ ላይ ከኩሽ ህዝብ ጋር የተዋሃዱ) እንደ ሃበሻነታቸው የራሳቸው የሆነ መለያ ታሪክ ነበራቸው። መካድ የማንችለው ትልቁ እውነታ ግን ግሪኮቹ ኢትዮጵያ የሚል ስያሜ የሰጡት ምድር የኩሽ ምድር መሆኑና ኦሮሞ ደግሞ የኩሽ ነገድ ትልቁ ግንድ መሆኑን ነው። ይህ ሰፊ ምድር ደግሞ የዛሬዋን የምንሊክ ኢምፓየር ጨምሮ ኣብዛኛውን የምስራቅና ሰሜን ምስራቅ ኣፍሪቃን የሚያጠቃልል ነው።
ኦሮሞ የኩሽ ነገድ ዋነኛው ግንድ እንደመሆኑ መጠን ማናቸውም የኩሽ ስልጣኔ ኣሻራዎች የራሱ ናቸው። ኦሮሞ ኣሁን የምኒልክ ኢምፓየር ሆና ከተመሰረተችው ኢትዮጵያ ውስጥም ውጭም ሲኖር ነበረ። ሲሻው ሲወጣ ሲሻውም ሲገባ ነው የኖረው። ምክንያቱም መሬቱ ከጥንትም ጀምሮ የነገዱ የኩሽ መሬት ነውና በፈለገው ጊዜ ለመውጣትም ሆነ ለመግባት የማንም ፈቃድ የሚያሻው ኣልነበረምና። ይህ ደግሞ በማናቸውም የኣለም ህዝቦች ታሪክ ውስጥ የሚታወቅ ህዝባዊ ኣኗኗር ነው። ኣለማችን እንደዛሬው የፖለቲካ ድንበሮች ተበጅተው ኣንዱ ኣገር ከሌላው ተለይተው ሳይታወቁ በፊት ህዝቦች እንዳሻቸው ከስፍራ ስፍራ ሲንቀሳቀሱ ኖረዋል። በዚያ ላይ ኦሮሞ ጥንት ከብት ኣርቢ ህዝብ እንደመሆኑ መጠን ለከብቶቹ ግጦሽ ፍለጋ የኣየር ሁኔታው እንደቀናው በስፋት የመንቀሳቀስ ፍላጎት ነበረበት።
በነጻ ህዝቦች ንቀት የተጠናወቱት የነፍጠኛው ልህቃን ማወቅ ያለባቸው ሌላው ትልቁ ነገር እነርሱ የታሪክ ሃብታሞች ሆነው ኦሮሞው የታሪክ ድሃ ኣለመሆኑን ነው። እነርሱ የጥንት ስልጣኔ ባለቤቶች ሆነው ኦሮሞው ስልጣኔ ኣልባ ህዝብ ኣለመሆኑንም ጭምር ማስታወስ ኣለባቸው። የኦሮሞ ህዝብ ስልጣኔ በሁለት መልኩ ይገለጻል። ኣንደኛውና ኣንጋፋው በኩሽ ስልጣኔ ስም ኣለም የሚያውቀው የጥንታዊት ኢትዮጵያ ስልጣኔ ነው። ሁለተኛው ደግሞ ከዚያ ጥንታዊ ዘመን በሁዋላ እንደ ብሄር ይዞት እስከ ዛሬ የዘለቀው ዴሞክራሲያዊው የገዳ ስርኣትና የስነ ከዋክብት ጥናት (Urjii Dhaha) ስልጣኔው ነው። ኦሮሞ በኩሽነቱ የነኑቢያና ኬሜት (ጥንታዊት ግብፅ) የግንባታና የስነፅሁፍ ስልጣኔዎች ባለቤት ነው። እንደ ሁዋለኛው ዘመን ኦሮሞነቱ ደግሞ ኣፍሪቃ ውስጥ በምሳሌነቱ የሚጠቀሰው የዴሞክራሲያዊ ፖለቲካ መገለጫ የሆነው የገዳ ስርኣት ስልጣኔ ባለቤት ነው። ኦሮሞ በገዳ ስርኣቱ መሪውን (ኣባገዳውን) በሰላማዊ መንገድ ሲመርጥና ሲሸኝ፣ ከዚያም በታች ያሉትን ኣስተዳዳሪዎቹን ያላንዳች ደም ጠብታ ሲሾምና ሲሽር ኣለማችን ላይ ህዝቦች በስልጣን ጥም ደም ሲፋሰሱ ኖረዋል። ይህ እንደ ኦሮሞነታችን የምንኮራበት የስልጣኔያችን ዋልታ ሲሆን ለሌሎችም ጎሮቤቶቻችን በምሳሌነቱ የሚጠቀስና እንዲሁም እንደ ጉዲፈቻችን ሁሉ በተውሶ ስራ ላይ መዋል የነበረበት እንጂ በትምክህት መንቁዋሸሽ የሚገባው ባህል ኣይደለም።
ወደተነሳንበት ጉዳይ ስንመለስ የዛሬዋ የምኒልክ ኢምፓየር ኢትዮጵያም የኦሮሞውና የሌላው ኩሽ ህዝብ ሁሉ መፍለቂያና መኖሪያ መሆኗን ልናሰምርበት እንሻለን። እኛ ትምክህተኞቹ የነፍጠኛ ልጆች የኣገሬውን ኣንጋፋ ህዝብ ኦሮሞውን ‘ኣገርህ እዚህ ኣይደለም’ ስላሉት ተረብሸንና ተርበትብተን ‘እናንተም ከደቡብ ኣረቢያ ቀይ ባህርን ኣቁዋርጣችሁ በመምጣት እዚህ የኛ ኩሽ ኣገር ላይ ሰፍራችሁኣልና ለቃችሁ ውጡልን’ እስከ ማለት ኣንሄድም። ትልቁ ጥያቄያችን የትላንትናው የታሪክ ጥያቄ ሳይሆን የዛሬው የፖለቲካ መብት ጥያቄ ነው። የዛሬው የፖለቲካ መብታችን በትላንትናው ታሪካችን ልክ እንዲሰፋልንም ኣንገደድም። ኣብዛኛው የኣለማችን ህዝብ በታሪክ ማንነቱ ላይ ብቻ ተመርኩዞ ኣይደለም የፖለቲካ ኣስተዳደሩን ያዋቀረው።
ይህን ስንል የኣማራ ልህቃን በኣኩይነታቸው ገፍተው ኦሮሞ ኣገሩ እዚህ ኣይደለም የሚል የደንቆሮ ጨዋታ ከቀጠሉበት እኛም ምላሽ ይኖረናል። ኣማራው ማነው፣ ኣገሩስ የት ነው የሚለው ጥያቄ ሊከተል ይችላል። የዚህ ጥያቄ ምላሽ ደግሞ በእጅጉ መልሶ የሚጎዳው ኣሳ ጎርጉዋሪዎቹን የነፍጠኛ ልህቃንንና መከረኛውን የኣማራ ህዝብ ይሆናል። ስለሆነም ዶሮ ጭራ ጭራ… እንዲሉ የምኒልክ ልጆች በገዛ ሰውነታቸው ላይ እባብ ከመጠምጠም እንዲቆጠቡ ኣክመራለሁ።
* ያህያ ጀማል: Gulummaa75@gmail.com

Sunday, March 23, 2014

Siidaa Aanoolee fi Siidaa Minilik

Abdii Boruutiin*
Biyya tokko keessatti, siidaan yaadannoof dhaabbatu ykn ijaaramu tokko kan uummatootni biyya sanaa ija takkaan ilaalani fi fedhii irraa qaban akkasumas kan waan waloo tokko calaqqisu ta’uu qaba. Siidaan akkanaa kun ammoo siidaa biyyoolessaa ti yoo jedhame waan dhara ta’u natty hin fakkaatu. Waayee siidaa Aanolee fi kan Minilik yoon ilaalu, gaafiilee tokko tokkotu sammuu kiyya keessatti uumamu. Siidaaleen wal faallessan lamaan kun biyya takka keessa dhaabbachuun isaanii, biyyi tun akka takka hin taane agarsiisa. Biyyi tun takka miti yoo jedhame ammoo, gaafii: “Aanooleetu biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessa hin jirre moo Finfinneetu qaama Oromiyaatii miti?” kan jedhu kaasa. Aanolee fi Finfinneen dachee Oromiyaa (biyya takka) akka ta’an waan mormisiisu waan hin taanef, siidaan waayee uummata Oromoo faallessu tokko dachee Oromiyaarra jiraachuu hin qabu. Kanaaf, gabaabumatti, siidaan Minilik handhuura Oromiyaa, Finfinnee keessa jiraachuu hin qabu jechuu dha.
Asirratti wanti hubatamuu qabu, kaayyoon barreeffama kiyyaa, siidaa Minilik ajandaa godhachuuf otuu hin taane, siidaaleen walfaallessan kun Oromiyaa keessa jiraachuu hin qaban; siidaan ajjeesaa fi ajjeesamaa akkamitti biyya tokko keessatti ijaaramu jechuufi. Uummatni Oromoo uummata weerara Minilik keessatti lammiilee isaa miliyoonaan lakkaawaman dhabe dha. Kanaaf, yaadannoo lammiilee dhuman kanaatiif Aanooleettis ta’ee bakkee birootti, siidaa ijaaruun barbaachisaa dha; kun mirga uummata keenyaatis. Nafxanyoonni warri Minilik isaaniitiin boonan, siidaa isaa yoo barbaadan biyya dhaloota isaatti ijaaruu danda’u. Siidaan kun Finfinnee keessatti kan ijaarame, waan nu mooyatanii fi nu gabroonfachaa turaniifi. Har’a garuu, yeroo QBOn injifannoolee hedduu galmeesse kana keessatti; yeroo biyyi teenya Oromiyaan xinnaatullee kaartaarratti beekamte kana keessatti, akkuma kaleessaa biyyi kan Minilik ijaare jechuudhaan; maaliif siidaa Aanolee ijaartu jedhanii nuun mormuu barbaadu. Seenaa uummata keenyaallee dhara jechuurraa of hin qusanne.
Akkuma miidiyaalee adda addaarraa hubatamuu danda’u, diinotni qabsoo bilisummaa Oromoo, keessumaayuu ilmaan nafxanyootaa, waayee siidaa Aanolee kanarratti wacaa akka jirani dha. Harkaa fi harma muraa nama-nyaataa Minilik isaanii faarsaa; kan harki fi harmi murame ammoo, dhara fakkeessuudhaaf, seenaan akkanaa barreessamee hin argamne jechuudhaan asi fi achii wacaa jiru. Siidaaleen Aanoolee fi Calii Calanqoo diigamuu qaban jechuudhaan hawwii isaanii ibsuurraa duubatti hin jenne, ifaa ifatti dubbachaa jiru. Siidaaleen walfaallessan kun (kan Minilik fi Aanolee) biyya takka keessa jiraachuu hin qaban jechuu isaanii ti. Akkana jechuun isaanii ammoo, siidaa’umti Minilik Finfinnee (Magaalaa guddoo Oromiyaa) keessa bara baraan haa jiraatu; kan Aanolee sun biyya Minilik ijaare tana keessaa haa diigamu jechuu dha. Karaa biraatiin, biyyaa hin qabdanii, maaliif siidaa kana biyya keenya keessatti ijaartu jechuu fedhu. Akkuma Madagaaskaar irraa dhuftan jedhan, har’as biyya keenya nu dhabsiisuuf abjootu.
Haa ta’u malee, wanta firas ta’ee diinni uummata Oromoo hubachuu qabu, har’a abbaabiyyummaa dhabnee, nafxanyoonni moofaa fi haaraan (Wayyaanotni) dabareedhaan biyya keenyarratti abbaa qabeenyaa ta’anii uummata keenya gabrummaa keessa tursiisanillee, gaaf tokko injifannee, bilisummaa fi abbaabiyyummaa keenya deebisnee akka argannu mamiin ykn shakkiin akka hin jirree dha. Gaaf sana ammoo, siidaa Minilik isaanii fe’atanii gara irraa dhufanitti kan godaanan isaani malee uummatni Oromoo achuma biyya isaa keessatti, siidaa Aanolee biratt walgayee; bara baraan lammiilee keenya kan dhuman yaadachaa jiraata. Hanaga guyyaa bilisummaa fi walabummaa keenyaatti, isaanis (nafxanyootni) nuyis biyya hin qabnu. Biyyi kan abbaa irree, kan abbaa qawwee, kan Wayyaanee ti. Biyya takka hin taane fi abbaa hin qabne kana keessatti ammoo, ammaaf siidaan lama yoo jiraates waan nama dinquu miti.
Dubbii guddoon hubatamuu qabdu, wanti ilmaan Oromoorraa eegamu, nuyi akka isaanii waayee siidaarratti wacuuf yeroo hin qabnu. Siidaa ijaaramuu qabu bakka danda’ametti ijaarrachaa, garuu qabsoo tana yoomiyyuu caalaa jabeessaa; bilisummaa fi abbaabiyyummaa keenya deebisnee argachuurratti ciminaan hojjechuu dha. Wanti nuyi dagachuu hin qabne ammoo, wacuu isaanii kanas akka laayyootti ilaaluu dhiisnee; akkamitti akka tokkummaa keenya cimsinu fi humna jabaa horannu irratti halkani fi guyyaa hojjechuu akka qabnuu dha. Yoo kana hin taane, yoo jarri kun humna cimaa horachaa deeman, sirna dulloomaa duri sana nutti deebisuu qofaa otuu hin taane, yoo haalli isaaniif mijate, dachee keenyarraa nu dhabamsiisuuf akka carraaqan mamiin hin jiru. Kun sodaa otuu hin taane, balaa namatti dhufuuf deemaa jirus alaalatti hubachuu danda’uu dha. Furmaatni balaa kana hanbisuu danda’u, tokkummaa keenya cimsuu fi humna Oromoo jabeessuu dha.
Yoo tokko taanee; harka walqabannee; karaa hundaan walgargaarree hojjechuu dandeenye; yoo wanti hin danda’amne hin jiru jennee ofitti amantaa qabaanne, waan hawwinu fi barbaadnu tokko wanti hin arganneef sababni hin jiru jedheen yaada. Akka fakkeenyaatti fudhachuuf, kunoo akkuma miidiyaa Oromoo walaba ta’e (OMN) jabeenya ijoollee teenyaa fi gargaarsa uummata keenyaatiin milkaayuu danda’e, haaluma kanaan tumsa waliif taanee; cimnee yoo irratti hojjenne, boru waraana cimaa diina injifatee bilisummaa fi abbaabiyyummaa keenya nuuf argamsiisu wanti hin ijaarreef ykn hin qabaannef sababni hin jiru. Wanti hunduu harka ilmaan Oromooti jira. Oromoon wal malee gargaarsa biraa akka hin qabne hubachuu qabna. Waan guddaan tokko, kan Oromoon hubachuu qabu ammoo, akkuma seenaarraa hubatamaa jiru, dhimma uummata ykn saba ofii dhiisanii, diina fi alagaa tajaajiluun booddeen isaa salphina malee bu’aa akka hin qabne dha.
Biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun, uummatoota ishiitiif biyya takkaa miti. Akka ilaalcha kiyyaatitti, biyya takka ta’uus waan dandeessu natti hin fakkaatu. Kanaaf, warri (Oromootni) tooftaafis ta’ee dhugumatti kaayyoon isaanii tokkummaa impaayara tanaatiif hojjechuu ta’e, ofduuba garagalanii waa hundaa mil’achuu fi hubachuu qabu. Projektii hin milkoofnerratti beekumsa, qabeenya fi dandeettii isaanii balleessuurra, gara qabsoo saba isaaniitti deebi’anii hojjechuun; yoo du’anillee seenaa boonsaa barreessanii dabru; uummata isaanii biratti maqaa bareedaadhaan yaamamu. Kan faallaa kanaa dalagan ammoo, akkuma argame fi argamaas jiru, wanti boodarra isaan muudatu salphina fi seenaa badaa barreessanii dabruu dha. Asii fi achi jechuun eessanuu nama hin gayu. Murannoo, kutannoo fi obsa qabaatanii qabsoo uummata keenyaa kana keessatti gahee ofii taphachuu ykn/fi qooda ofii gumaachuutu gootummaa dha. Gootummaa akkanaa qofaatu injifannoo xumuraa argamsiisuu danda’a.
Galatoomaa!
* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Friday, March 21, 2014

Buqqifama Oromoota Shaggarii fi Naannoo Isaa – Kutaa Sadaffaa

Taammanaa Bitimaa irraa*-
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffama kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kutaalee lamaan dabran akka argattanii dubbiftan nan abdaddha. Xumura kutaa lammaffaa keessatti, kunoo akkana jedheetan buleeyyu: “Kutaa isa kanatti aanu keessatti waayee seenaa Oromoo Gullallee waggaalee hedduu dura walitti qabe keessaan waa isinitti qicaa, mee hammasitti nagaa fi nageenyi qeyee hunda keessanii irraa hin dhabamini!” Ilaamee, amma akkuma jedhame kanatti kallachumaan inni jedhame kun jalqabamaa, yoo yeroon fi wanneen biroo isiniif hayyaman mee duukaa-bu’uuf yaalaa!
SEENSA
Akkuman kanaan dura barreeffatoota kiyya garii keessatti deddeebisee ibse sana, Oromoonni kalachumatti daangaa Biyya Habashaa wajjin qaban, bara akkaan dheeraa tahe, waraana weerartoota Habashaa ofirraa ittisaa turani. Gaafiin: “Oromoonni kun eenyu fayi?”, jedhu dhiyaachuun isaa waan ooluu mitii, mee amma eenyu faa akka isaan tahan ibsama. Oromoonni duris, harras qarmammeettii-tti daangaleen isaanii daangaa Habashootaa wajjin waltuqu Oromoota: Raayyaa fi Asibuu, Walloo, Tuulamaa keessaa (Bacho Kaabaa, Jirruu, Abbichuu, Darraa, Jaarso Salaalee, Kuyyuu, Jidda, Galaan, Ada’a Waayyuu, Ada’a Liiban, Jillee Kaabaa fi Gimbichuu faa), Macha Bahaa keessaa Torban Kuttaayee, Calliya, Torban Guduruu, Jimma Raaree,  Kudhalamaan Horroo  fi Amuuruu fayi. Oromoonni kun gara waggaalee 300 olii akka dallaa sibiilaatti waraana warra Habashaa dura dhabatanii ofi irraayyis, Oromoota biroo irraayyis, dabraniituu uummatoota Kibbaa hedduu irraayyis dhoorkaa turani. Isaan warreen kanaa olitti kaafaman kanneen irraayyi waraana Habashaa dhoowwina jedhanii otoo hin taane, isaan ofuma irraa dhoowwuu sanatu mataan isaa weerartoonni kun warreen jedhaman kana akka hin qabamneef ittisaa ture.
Haatahu malee, bara 1868 irraa kaasee dallaan sibiilaa sun waan humna Habashootaa kan meeshaa Oroppaa irraa maqaa Kiristaanummaatiin argatee fi leenjiftoota-waraanaa, riqicha-tolchituu fi kaarta-qartuu warra Oroppaatiin gargaaramee dallaa sibiilaa kana olitti ibsame san cabsuu dandaye. Oromoonni kun Minilikiin cabsamanii qabamuun Oromoonni biroo fi uummatoonni Kibbaa akka cabanii qabaman taasise. Keessumaa erga akaakayyuun Minilik kan Sayila-Sillaasee jedhamu akka namoonni Oroppaa biyya isaa seenaniif karaa baneefii: imaltoonni, daldaltoonni, misiyoononni fi jabdooteewwan (“adventurers“) hedduun Biyya Habashaa isa karaa kanaan jiruu, gara Manjeetti yaa’aa turani. Inni yoo xiqqaate waggaatti yeroo lama Oromoota Tuulamaa: Abbichuu, Jirruu, Darraa, Salaalee, Bacho Kaabaa, Jillee Kaabaa, Gimbichuu, Galaan, Meettaa, Muloo (Sululta), Gullallee, Aabbu, Ada’a Liibanii fi Eekkaa faatti duulaa ture. Kun kan inni gaggeessaa waraanaa tahee, abbunni taabota baachisee duukaa-yaa’u malee, inni abbootiin duulaa (“raasonni“) duulchisan waggaatti jahaa torba faa ture. Namoota Oroppaa kanneen qeyee Saayila-Sillaasee turan keessaa gariin fakkeenyaaf, kan akka Major Harris (nama Biritaaniyaa guddoo), J. L. Krapf (nama Jarmanii) faa duukaa-deemuun oggaa warranni Habashaa kun qeyee Oromoo fi midhaanillee oobruu (maasii) keessatti ibiddaan barbadeessu, loonii fi fardeen kumaa hedduun lakkaawaman boojiyatu, namas gabaa baasee gurgursiifachuuf qabatu: ijoollee, dubartoota, daddhabdootaa fi dhukkubsatoota daggalaa fi tusii keessa dhokatanillee qabsiisee gorraasisu jarreen kun arguun barreessanii jiru.*
SEENAA OROMOO GULLALLEE
Warri abbootii ibiddaa, warri abbootii gabraa, warri abbootii qawwee kun, eekaa mootoliin Amaaraa garri irra caalan silaa shiftootaa, silaa gaadduu fi saamtuu dhaa, Biyya Oromoo isa Shaggar irraa gara kaabaatti argamu guubaa, barbadeessaa oggaa daangaa Oromoota Kurnan Gullallee gawuuf waa hafu, silaa Oromoonni naannoo kanaa marti oggaa san sirna gadaatiin buluu, yaa’iin Kurnan Gullallee hatattamaan waamame. Yaa’iin seena-qabeessichi kun wiirtuu Finfinnee Shaggar, bakka durattumaa yaa’iin Gullallee itti-tahutti ture. Bakki kun Tulluu Daalattii kan jedhamu iddoo amma silaa Mallas Zeenaa sokkee, amma Hayila-Maaram Dassaalany taa’ee, ajajaa fi abboommii warra Wayyaanee fixaan-baasu kana, isa afaan warra abbaa qawweetiin “Taallaaquu Beetamangist” jedhamu.**
Yaa’iin Gullallee guyyaa guutuu wal-mariyaachaa oolee, booda sagalee tokkoon waraana Minilik dura dhaabachuuf murtii dabarse. Yaa’ii sana irratti yaada lamatu wal nama falmisiisaa ture. Inni tokko: “Sidaamni nuti dur eeboo fi wantaan (gaachanaan) ofirraa ittisaa turre, amma miya waraanaa Biyyoota Faranjii irraa argateen nutti dhufaatoo jira. Nuti garuu miya waraanaa kan akka eeboo fi wantaa faa malee, homaayyuu harkaa hin qabnu. Kanaaf, odoo hin lolin harka-kennannee wanna tokko tokkorratti waliigalu dandeenya. Waraanni Oromoota biraa kan nurra jajjaboo Abbichuu fi Galaan faayyuu moyamanii jiru.”  Yaanni inni lammafaan garuu, “waanuma qabnuun dura gorra malee, diinatti harka hin keennannu. Oromoon diinatti harka keennatee hin beekuu, nuti kana gochuun maqaa Gullallee, maqaa Tuulamaa dabrees maqaa Oromoo hin balleessinu!”, kan jedhamu ture. Booda guyyaa guutuu wal-mariyachuu fi wal-amansiisuun sagalee tokkoon dura dhaabachuuf murtiin dabarfame.
Murtii yaa’ii seena-qabeessicha kanaa keessaa gariin Ernisto Cerulli: “The Folk-Literature of the Galla of Southern Abyssinia, Cambridge, 1922“, keessatti barreeffamee jira. Inni kanaa gaditti isiniif dhiyeeffamu garuu, kanan Oromoota Gullallee fi Oromoota ollaalee isaanii: Aabbuu, Eekkaa fi dabrees Oromoota erga Oromiyaan qabamtee asii dubbii, gibraa fi “waltaraa“-f Shaggaritti marmaaraa turan, kanneen gosaan Jahan Bachoo fi Afran Walisoo tahan irraan dhagayee walitti qabeeyyu. Namoonni kun Shaggar gayuuf, keessumaa ganna-ganna guyyaalee lamaa fi sadii faa isaan irraa fudhata ture. Otoo wiirtuu Shaggar hin dhaqqabin gandeen warra Gullallee keessa waan dabraniif yookaan bulaniif, gariin isaan wajjin firummaa hundeeffatu ture. Egaa, kanaaf namoonni Bachoo fi Walisoo kanneen akkanaa kun, seenaa Oromoota Gullallee akka gaariitti beeku. Naannoo kana: biyya Jahan Bachootti,  Sadeen Sooddotti, Afran Walisootti, Jahan Ammayyaatti, Torban Kuttaayeetti, Sadeen Aabbuutti, Afran Abbichuutti, Jahan Galaanitti, maarree Tuulama guutuu fi Macca Bahaatti harrallee namni sirba geerrarsaa fi dhiichisaa keessatti maqaa jagnicha Oromoo Gullallee, maqaa Tufaa Munaa kaasuun sirba. Oromoota Gullallee gabroomfatoonni Habashaa isaan duris, isaan hardhas dachee isaanii irraa buqqisanillee maqaan isaanii buqqifamee hin bannee kunoo ni jira.
Egaa, isa kanaa gadii kana waanan kanaan dura, kitaabee “MANDIISUU” jedhamtu irratti baaseefan isuma keessaa waa isiniif tuqa. Ilaamee akkana jedha, murtiin yaa’ii Oromoota Gullallee bara sanaa (1875) inni walaloo-dhaan dabarfameeyyu***:
Koottu,
Dhufe, Akka ati dhufte,
Nagaan biyyattaa dhufu,
Toltuun warrattaa dhufu,
Kormi gorbattaa dhufu,
Midhaan qeyeettaa dhufu!
Tume seera,
Muree seera,
Seerri seera Gullalleeti,
Seerri seera Tuulamaati,
Seerri seera abbootii Oromooti,
Hin darbatamu,
Hin dagatamu!
Luugama fardarraan baasin,
Meendhacha harkarraan baasin,
Kan dhufaa jiru diinaa,
Diinatti harkan kennatin!
Dhakaa kattaa tayii,
Dura jaajji,
Wantaa baldhaa tayi,
Dura jaajji!
 Tume seera,
Mure seera,
Hin darbatamu,
Hin dagatamu!
Kurnan Gullallee murtee kana dabarsee, kutannoo daran jabaadhaan waraana Habashaa isa ibidda tufaa, margaa-muka, sa’aa-nama barbadeessaa deemu sana dura dhaabate. Booda dubbiin dubbii meeshaa waraanaa isa kan ammayyaatii, akkuma uummanni keenya jedhu sana “qawwee ibiddaatiin” gubatee moyamuu dandaye. Kutaan kun akka nutti hin dheeranneef, asuma irratti dhaabuun bullaa, mee nagaa fi nageenyaan naa bubbulaa!
============    Hubachiisota Miiljalee    ============
* Barroolee Faranjoota kana lamaanii dubbisuun hedduu barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, Krapf Afaan Oromoo qubeedhuma (fidaluma) Saabiyaa (warra Gi’iizii) sanan barreessuu jalqabeet ture. Garuu, lubeewwan (qeesonni) Amaaraa daran isa rakkisani. Akka lammata gara Manjeetti hin deebinellee kan mooticha isaaniitti himuun dhoowwisiise abbootii bataskaanaa kana. Inni Biyya Oromoo isa karaa kanaan jiru, Oromiyaa seenuu dhoorkamnaan gara Biyya Oromoo isa Keeniyaa keessaatti qajeeluun, qorannoo isaa itti-fufe. Hubaddhaa, jarri kun oggaa sana, bara 1838 faa irraa qabaniiti kan farra Afaan Oromoo fi farra Oromoo tahaa deemani.  Major Harris yommuu Amaartonni Habashaa Oromoota Tuulamaa irratti gara-bineensummaa isaanii agarsiisan sirriitti ijaan argee kitaabe. Dabaleesoo, barreeffata obboleessi keenya Barachiis (Pirofeesar) Makuraa Bulchaa nuuf dhiyeesse mee ilaalaa! a) J. L. Krapf: “Travels, Researches, and Missionary Labours, 1858″, b)  Major Harris: “The Highlands of Aethiopia, 1844″, c) Mekuria Bulcha: “A DECADE AFTER THE ABORTED OROMO EVICTION FROM FINFINNEE - A Persistent Story of Expropriation, Humiliation and Displacement“, Gadaa.com, isa gaafa 10. 01. 13. 4) Tamene Bitima/ Jürgen Steuber: “Die ungelöste nationale Frage in Äthiopien -  Studie zu den Befreiungsbewegungen der Oromo und Eritreas“, 1983.
** Tulluun seena-qabeessichi kun waan mukkeen isarra turan keessaa, kan akka heexoo faa bona-bona baalli fi midhaan baala sana irra jiru faa daalachaawanii muldhataniif, “Tulluu Daalattii“, jedhame. Akkanuma bakki loon Gullallee hammi tokko oolaniiyyu, urufni keessa oolan sun dhooqee loonitiin (faltiidhaan) dhoqqaayeef, iddoon sun: “Urufa Boombii” jedhama ture. Achi boombiin silaa akkuma nuti damma jaalannu dhooqqee loonii jaalattii, urufa sana keessa uursaa oolittiyyu. Warri abbaa geeddaraa isa kanas geeddaruun, “Jaan Meedaa” jedhaniini. Maqaa baasudhaan eenyutu Oromoo keenyaan morka-ree? Mee warri Shaggar shaggaa biyyaa kana beektan takkaa boombii, “Jaan Meedaa” isaanii kana keessatti agartanii beektuu? Jarri kun akkuma namoota keenya fixan sana: boombii keenyas, leenca keenyas, gafarsa keenyas, arba keenyas, mukkeen keenya faas lafarraa duguugani.
*** Taammanaa Bitimaa: “SEENAA OROMOOTA FINFINNEE SHAGGAR“, MANDIISUU, Hidhaa 6, Lakk. 1, Bitootessa 2004, fuulee 10-29.
Tamene Bitima: “ON SOME OROMO HISTORICAL POEMS” – in, PAIDEUMA 29, 1983, pp. 317-325.
———————–
*- Taammanaa Bitimaa: gurree@web.de

Wednesday, March 12, 2014

IJAAN QALAAN KAL’OO HIN URRE !!!

)DHiheenya kana mata duree “Ob. Juneeddii Saaddoo Eenyu?”  jedhuun gabaasa Obboo Ahmad Saayyootiin TVOMT irratti dhiyaate daawwadhee ykn dhaggeeffadheen ture.