FIRAOL GUUTUU Irraa

- Oromoon kan uumaa isaa waaqessu, afaaniifi aadaa isaan boonu akkasumas uumama hundaaf kabaja qabu waan ta’eef, inni kuun diinaaf gufuu ta’e nuun fakkaadha,afaan keenya haasa’a, waaqa keenya waaqessa, nu malee of hin ta’iinaa ergaa jedhu qabaachuun diinni nuratti baayya’atte.
- Oromoon gara laafessa ,arjaa sorgaana, kan qabu kan hiru ,rakkataa kan gargaaru, mana isaa karaa deemaa kan bulchu waan ta’eef, irraa nyaachuu ,harkaa dhuguu ,kan isaa saamuu ,hiyyoomsuu fi jedhee lafaa fi qee’ee isaa irraa balleessuuf diinni irratti wal ijaare ka’e! Halaan garaamomuun oromoo diina irratti margisiise.Sagaleen waaqayyoollee kitaaba qulqulluu keessatti akkas jedha, akka gugeetti garraamomaa, akka bofaattis abshaaloma jedha, kana jechuun lamaan isaaniyyu ni barbaachisu ,oromoon garuu eenyuuf, maaliif hagamitti akka garaamomu dagate. kan isa balaalefatuu fi kan jiraachuu isaa mormuun isa ajjeesaa jiru irratti garaamummaa baay’ise! Ummata Oromoo fi Oromiyaa Itti Maaliif Diinni Baayyataa
No comments:
Post a Comment