Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Wednesday, January 7, 2015

Biyya Saudi Keessatti, Abbaan Duulaa Gammadaa Barattooti Oromoo Ajjeefamanii fi Oromoonni Mana Hidhaa Wayyaanee Jiran Hundi Yakkamtoota Jechuun ibsa Keene ilaachisee ,Qeerroon Bilisummaa Balaaleffate

Ergamaan Wayyaane A/Duulaa Gammadaa (Minaaseen waldee Goorgiis) olola diinummaa butachuun hawwaasa Oromoo saawudi Arabia jiran dura dhaabbachuun yakki ajjeechaa fi hidhaa akkasumas saaminsa Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF fudhachaa jiruun tarkaanfii sirriidha  jechuun yakka lammaffaa kan dhiifama hin qabne ilmaan Oromoo irratti dalagee jira.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo olola diinummaa Abbaan Duulaa gaggeessaa jiru kun uumata Oromoo biraatti yakka  ulfaataa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n uummata Oromoo irratti rawwate jabeessuun kan itti fufsiisa jiru ta’uu hubachuun jabeessee balaaleffachuun Qeerroon gadi jabeessee ibsa.
Qeerroon, Dargaggootni Barattootni Oromoo olola Abbaan Duulaa (Minaaseen) ofaa jiru cimsinee kan balaaleffatu  fi Abbaan Duulaa Gammadaa ofiin jedhu Yakka dugugginsa sanyii (genocide ) uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiruuf itti gaafatamaa ta’uu jabeessinee hubachiifna. Uummatni Oromoo Biyyoota ambaa garaagaraa keessa jiraatu ergamtoota Wayyaanee kam waliin iyyuu qunnamtii akka hin goonee fi Qondaalota Wayyaanee kanneen dura mormii guddaan akka dhaabatu fi FDG akka irratti kaachisuu waamicha dabarsina.
Torbee kana Keessaa Ergama Wayyaanee bakkaan gahuuf kan bobbae Abbaan  Duulaa Gammadaan ergama diinummaa butachuun  duguginsa sanyii Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo irratti fudhachaa jiru sirriidha jechuun uummata Oromoo  biyyoota  Saawudi Arabia garaagaraa jiran dura dhaabbachuun yakka itti gaafatama seeraa fi seenaa jalaa isa baasuu hin dandeenye dalagaa jira.  Abbaan Duulaa Gammmadaa gaaffii barattootni Oromoo karaa nagaa fi Dimookiraasii gaafachaa jiraniif deebii mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF deebise Ajjeechaa jumlaa, hidhaa, barnoota irra arii’amuu, keessumattuu Mootummaan Wayyaanee human waraana Liyuuhayil fi Agaazii jedhamu uummata Oromoo irratti bobbaasuun guyyaa saafaa daa’imman umrii ganna 7 fi manguddoo gannaa 80 ajjeesee utuu jiruu  Abbaan Duulaa (Minaaseen) kan Mootummaan ajjeese kashalabboota fi waanbadeedha jechuun warraa dhukaasee ajjeesee olitti yakka ulfaataa uummata Oromoo irratti rawwaachaa jiraachuu ifatti ba’ee dubbachaa jira.
Yaa Uummata Oromoo hubadhaa ilaalaa diina keessan Warra Oromiyaa dabarsanii gurguran, warra uummata Oromoo ficisiisaa jiran,Qabeenyaa Oromoo saamsisaa jiran, warri Oromiyaa gurguraa jiran  keessa tokkoo Abbaa Duulaa Gammadaa ta’uu Oromoon dagachuu hin qabu. Mee Oromoon Minaasee Gaaffii kana gaafadhaa  Daa’imni gannaa 7 maal balleessetu  rasaasaan reebamee ajjeefame?, manguddoon gannaa 8o badii maalii qabaaf rasaasaan reebamee ajjeeffame?? Qabeenyaan Oromiyaa maaliif samamaa?  Barattootni Oromoo meeshaa maleeyyii irratti mootummaan wayyaanee waraana bobbasuun maaliif ajjeefamanii? Jumlaan hidhamanii? Barnoota irraa arii’atamanii? Gaaffii barattootni Oromoo gaafachaa jiraniif maaliif rasaasni deebii ta’ee? Gaaffiin barattoota gaaffii mirga Abbaa biyyummaa fi hiree Murteeffannati. Master plan Finfinnee warraa qopheesse keessa tokko Abbaa Duulaa Gammadaa (Minaasee) ta’uun ifatti saaxilamee jira.  
     Walumaa galattii ilmaan Oromoo sabboontotni Oromoo mooraa dhaaba jalee Wayyaanee OPDO keessatti argamtan ergamtuu Wayyaanee kanneen akka Abbaa Duulaa Gammadaa, Dhaabaa Dabalee, Muktar Mohaamed, Asteer Maammoo,  fi Zalaaleem Jamaanee irra of eeguun bakka isaan argaman hundatti FDG akka irratti kaachiftan dhaamsa dabarsina. Uummatni Oromoo Fincila waliigalaa irratti kaachisuun bara xummura abbaa irree akka goonu  waamicha dabarsina.

ETHIOPIA: Oromo Voices from Ethiopia Prisons

HRLHA Urgent Action

January 6, 2015
HRLHA FineSince the March-April 2014 crackdowns against the peaceful Oromo protesters who have protested against the Ethiopian Federal Government’s plan of annexation of 36 small Oromia towns to the capital city of Addis Ababa under the pretext of the “Addis Ababa Integrated Plan”, thousands of Oromo nationals from all walks of life from all corners of Oromia regional state including Wollo Oromo’s in Amhara regional state have been detained or imprisoned. Some have disappeared and many have been murdered by a special commando group called “the Agiazi force”. The “The Agiazi” force is still chasing down and arresting Oromo nationals who participated in the March-April, 2014 peaceful protests. Fearing the persecution of the Ethiopian government, hundreds of students did not return to the universities, colleges and high schools; most of them have left for the neighboring states of Somaliland and Puntiland of Somalia where they remain at high risk for their safety. Wollo Oromos who are living in Ahmara regional state of Oromia special Zone are also among the victims of the EPRDF government. Hundreds of Wollo Oromos have been detained because of their connection with the peaceful protests of March-April 2014. The EPRDF government has detained many Oromo nationals in Wollo Oromia special Zone under the pretext of being members or supporters of the Oromo Liberation Front (OLF), as prisoners’ voices from Dessie/Wollo prison have revealed.
From among the many Oromos who were picked from different districts and places from Wollo Oromia special Zone in Amhara regional state in April 2014, the HRLHA reporter in the area has received a document which shows that 26 Oromo prisoners pleaded to the South Wollo High Court that they were illegally detained first in Kamise town military camp for 36 days, Kombolcha town Police Station for 27 Days, and Dessie city higher 5 Police Station for 10 days- places where they were severely tortured and then transferred to Dessie Prison in July 2014. According to the document, they were picked up from three different districts and different places by federal police and severely beaten and tortured at different military camps and police stations and their belongings including cash and mobile telephones were taken by their torturers. In their appeal letter to the South Wollo high court they demanded
Full document in PDF

Monday, January 5, 2015

Godinaalee Oromiyaa Garagaraa Keessatti Uummanni Ajaja Wayyaanee Lagachuu fi Fesheleessuu Eegale‏

Gabaasa Qeerroo  Amajjii 5,2015

diddaa9Godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti ayyaanni jijjiirraa bara haarawaa fi guyyaan WBO Amajjii 1/2015 haalaan kabajamee jira. Gabaasoti Qeerroo kallattii Oromiyaa gara garaa irraa kan dhaamamaa jiru akka ibsutti.  Waggaan haaraa Amajjii 1 fi guyyaa WBOn  uummata Oromoo birattis kan durii caalmaadhaan beekamee barattootaan, hojjetootaan, qonnaan bulaadhaan, caasaa opdo keessaallee uummata Oromoo waliin kan hiriiraniin haala hoo’aadhaan kabajamee darbe.
Walumaa gala kabajaan guyyaa kanaa bara kana mootummaa Wayyaane biratti mufii fi aariin bakkoota gara garaatti humnoota tikaa bobbaasuun yerootti uumata adamsaa turan muldhata. Wayyaaneen uummatni Oromoo duukkaa akka hin jirre yeroo hubatee naasuu guddaadhaan guutameedha yeroon kun, Oromiyaa godinaa hanga gandaatti kan mul’atus ijoolleedhaa hanga abbootii Oromootti Wayyaaneen galafaataa, gabroonfataa, ajjeesaa tahuu isaa caasaa mootummaatti ifaa ifatti yeroo itti baasanii dubbatanii fi waajjiraalee, manneen barnootaa, buufata fayyaa, bulchiinsa magaalota garagaraa fi naannoolee isaanitti barruulee mootummaa Wayyaanee abaaruu fi dhaadannoolee uummata Oromoo jajjabeessuutu mul’ata, kunis caasadhuma OPDO keessaa qabaniin kufaatii mootummaa Wayyaaneef warra yaadda’an irraa gara mootummaatti gabaasa tahu irraa Wayyaaneen waan dhagayuuf haala uummata Oromoo yeroo ammaa irra jiru ilaalchisuun keessattuu ayyaanni guyyaa WBO kan miillanaa kun uummata Oromoo biratti haalaan beekamee waan jiruuf akkuma beekames kabajamuun isaa ifatti waan mul’ataadha. kanumaan wal qabsiisuudhaan:-
Godina wallagga lixaa, Gimbii, Najjoo, Dambi Doolloo, Anfilloo, Jimmaa Horroo, Aayira Gullisoo, fi buufata manneen barnootaa keessatti caasaa OPDO  irraas amantaa waan dhabeef, humna waraana isaa keessaa kanneen sabaan Oromoo hin taane filee gara kanatti erguuf karoora keessa galchee jira jechuun odeessaan qaama mootummaa keessaa bahe nu gahaa jira. naannolee kanatti guddaa kan shakkee jiru yeroodhaa yerootti kan gabaafamaa ture uummanni ilaalcha ABOn dhugamee, ajaja ABOtiin socho’aa jira malee mootummaadhaan miti, fincilli ka’uun dura caasaa OPDO irraa abdiin waan hin jirreef humnuma waraana isaa keessayyuu kan sabaan Oromoo hin taanetti fayamuuf akka jiru qophii mootummaa Wayyaanee gama kanaan dursee odeessaan ibsa.

Adeemsa bulchinsa haqaa dhabeesaa sirna wayyaane

Sirna bulchinsa motumma Ethiopian ittin gaggeefama jiru yoo illaale keyyata duraa irratti jecha bareeda akkana jedhu arkannaa . sirna bulchinsa gaarii irratti kan hundaa`e  mirgi  hawaasa fi mirga dhunfa bu`ura kan godhete kan ja`u daddeebi`e bareefame jira , garu yakki motumman cunqursaa ADWI (TPLF) ummata Oromo irratti yeroo adda addaa gaggaeesa jiru seeruma ofiif baafatani walin wal faaleessa .
Seerri biyya kenya yeroo amma kan ummaanni mirga isaa itti kabajsifaatu osoo hin ta`in motumman woyyaanne akkam ofiin feedheti ittin nama dorsiisuf hojirra olcheedha. Yeroo ammmaa balaalefannaan guddaan hawaasa keessa jiru seera ofii baase olaantumma seera kabaju dhabuu motumman woyyaanneti. fakkeenya biraa haa dhahu, Namni kamiyyuu hirira nagayaa yookin mirga waligahu isaa kan seeraan kabajame qaba kan ja’u ka`ame  jira kanaaf hirira nagaayaa bahuuf qaama seera beksisu malee hayyama argaachun irraa hin egamu jedha, garu cunqursaan motumman woyyaanee yeroo adda addaatti hirira nagayaa barattoonii Oromo, hawaasini Oromo mirga isaani kan seeraan murtaa`ef kabajsiifachuuf bahan irratti tarkaafii sukkaanneesa(ajeecha, hidhaa fi dararaa ) barattoota, haayoole, abbooti, dubartoota fi ijoole Oromo irratti fudhecha tureera .
Mottuman woyyaanne haawaasa yeroo dheeraaf seera bulmaata biyyaatii kabajaa dhufe hundeera buqqaasa jira . yeroo ammaa hojilee naannawa mana murtilee mottumman woyyaanetti hojatama jiru mirga hawaasaa mulqissisa jira .
Lakkuma yeroon debraa jirtun cunqarsaan hawaasa biyya keenyaa irratti keysaafu ummata Oromo irratii akkaan jabaachaa dhufeeraa.     Yeroo ammaa biyyiti teenya dorsisa waraana federaala, partiile hawaasaaf aantummaa hin qabnen, abbooti amanti jalee motumman tahanifi gaazaxesoota prafeeshinaa  isan hin kabajneen kan guutamteedhe.    Walumaagalatti dhittaa mirga lammumma hawaasa keenya,  hawaasa lafa isaaniraa buqaasu , shanyumma ol- guddisu saba tokko saba biro caalchisun kan bira jibba irratti gaggeesun babal`ate kan calaqisudha .
Mirga dhala nama/ mirga bilisaan jiraachu dhabuun dargaggeessiifi dubartii Oromo baqaatumaaf afeeramani jiraa biyya itti dhalatan gad-dhisani gammojjii sahara fi bishaan baharitti lubbu isaani gaaga’a jiru.     Bakka mirgi hin jirre hawaassni hin jiru bakka hawaasni hin jirretti biyyati takka hundee jabeefate dhaabbachun hin dandeessu. Nutis bakka bulchinsa haqaa hin jirreetti dhalanne (umamne ) jirreechun gatii hin qabuu. Kanaaf yeroo baay’ee mirga namumma bulchinsa haqaaa wajjiin daddeebi’e kan ka’uuf.
Namni akka namummaa isaati mirga namummaa isaa fedhii jireenya isaati olitti barbaada hawaasni  takka mirgaa nammumma umamma arkate fi mirga dimookraasiisaa kabajsifate jiraachu barbaada, garu cunqursaan motummaa woyyaanne seera fi heera biyyati ummata ittin cunqursuf malee kan mirga isaa goonfachisuuf baafate miti . mottuman wayyaanne seeraa fi heera biyyati kan baasu yeroo fedhi itti hojjate yeroo fedhe itti dhesuudha. Yeroo ammaa rakkoon guddann biyya keenya keessa jiru rakkoo bulchaa dimookraatawa dhabu qofaa miti sanii olii seeraa fi heerii fedhii ummataa irratti hundaa’e hin jiru, murtiin haqaa hin jiru. Yeroo irra gara yerooti roorroon hawaaasa Oromo irra geysu dangaa dabree jira.      Hawaasni Oromo yeroo adda addaa keessattii gaafilee mirga isaa kabajsifachuuf ol- iyyataa turera, Garu waggoota 23n dabran keessatii debbiisaan gaafi isaa ajeecha , dararaa fi hindhaa bira kan kutee miti.
Adeemsi motumman wayyaanne hawaasa Oromo strategic godhate deema jiru ummata Oromo lafa isaa irraa buqqisun yeroo dheera keessa enyumaa isaa, afaan isaa fi aadaa isaa dhabsisu kan  xiyeffanaa  godhatedha.     yeroo ammaa motumman wayyaanne maxxantoota (jalee) isaa hanga gandaatti gad-dirirsun waldaalee hawaasa, gumilee arti afaan Oromo fi aadaa iratti hojjitan hunda sochii isaani wayyaanne wajjin akka hojatan gaafilee hawaasa keessan jiran akka ol-baasan hin dhageeysifne gad-qancarsaa jira. Kanume beekne yaa ummata Oromo tokkoo taane roorroo motummani wayyaanne hawaasa keenyarraan gahu kana yeroon itti dhaabnu amma.
Oromiyaan ni bilisomtii!!!!
Kiya Tesfaye

Friday, January 2, 2015

OPride’s Oromo Person of the Year 2014: OROMO STUDENT PROTESTERS

oprideperson_2014-218x300.jpg
 1, 2015 (OPride) — For energizing and unifying the Oromo public both at home and in the Diaspora, for keeping the beacon of liberty from being extinguished, for selfless sacrifice to advance Oromo rights and for bringing international media attention to the plight of Oromo people,Oromo Student Protesters are OPride’s Oromo Person of the Year.
The Master Plan 
In March 2014, the Addis Ababa and Surrounding Oromia Special Zone Integrated Development Plan Project Office organized a workshop for journalists and civil servants in Adama, 90 kms east of Ethiopia’s capital, Addis Ababa. The training, conducted by officials from the Oromia regional state and representatives of the Addis Ababa city administration, continued through mid-April. It was intended to generate momentum before “a joint master plan,” which would ostensibly facilitate efficient resource use, eliminate existing contradictions and link the city’s developmental activities with the Oromia Special Zone, is unveiled.
Established in 2008, the Oromia Special Zone is comprised of eight towns (Dukam, Lagatafo-Lagadadhi, Sandafa Buke, Sululta, Holota, Burayu, Sabata and Galan) and six districts (Walmara, Sabata Hawas, Akaki, Sululta, Mulo and Barak). The zone has a total area of 4,800 square kms and 15 townships.
The special zone was established in response to local concerns over lack of attention and proper planning in the hinterland and the unchecked, horizontal urban sprawl around the capital. The renewed interest in the area, which ironically coincided with rampant land speculation and a chaotic industrial construction boom, was further strengthened by Oromia’s local development plan crafted in 2010.
For detail report Opride

Thursday, January 1, 2015

Ibsa Bara Haaraa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

qeerroo2.jpg
Amajjii 1, 2015
Uummata Oromoo hundi baga nagana bara haraawaa  Amajjiin 1, 2015 fi guyyaa WBOn isin gahe.  Barri 2015 Sabni Oromoo bara cunqursaan jaarraa olii keessaa hiikamee Oromiyaa keessa nagaa, tasgabbii fi jaalanaan abbumaan jiraatu akka nuu ta’u hawwii fi dhugoomsa kaayyoo kanaaf ciccoominaan qabsaawuu qabnuu isinii dabarsina.
Bara 2014 darbe keessatti uumati Oromoo baadiyyaa irraa hamma magaalaatti dararaa sirna bulchiinsa EPRDF Wayyaanee jalatti argaa bahe dha. Qabeenya saamamuu irra darbee hidhaa,ajjeechaa fi biyyaa arihamuu dhittaa mirga namaa haalaan hammaataa keessa darbe. Haalli gabrummaa dhufaa darbaa daran hammaachuu irraan dargaggooti Oromoo(Qeerroon) cunqursaa kana darbaa baadhachuun nu gahe jechuun fincila diddaa gabrummaaf (FDG)Oromiyaa guutuu keessatti qabsiisuun mirga uumata keenyaa yeroo falmataa turre dha. Haala kanaan gaaga’ami lubbuu dhabamuu fi hidhaan uumata Oromoo addattis dargaggoota Oromoo irraan gahe kan yeroo kamuu caalaa hammaataa ture. Falmii mirga Oromoo fi dhumaatii uumata Oromoo irraanis lammiileen Oromoo biyyoota ambaa jiraatan tokkummaan dhaabbatanii mirga sabaa falmuu irratti eenyummaa fi jalaala biyyaaf qaban muldhisanii jiru. Haalli tokkummaa Oromoo waliigala bara 2014 keessatti muldhate jabinaan itti fufuun waggaan itti deemnu 2015 keessa kan kaayyoo saba Oromoo injifatnoon golboobu akka ta’u hogganni Qeerroo bilisummaa Oromoo gadi jabeessee dhaammata.
  1. Guyyaa seena qabeessa guyyaa WBO Amajjii tokko bara 2015 sababeeffachuun  hojii qindeesitooti Qeerroo bilisummaa Oromoo  Oromiyaa bakka maraa walitti dhufuun walitti dhufuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo  sochii warraaqsa FDG Qeerroo bilisummaa Oromoon durfamuu, haala Siyaasaa Impaayerri Itoophiyaa  keessatti kuftee jirtuu, gochaa hammeenya  mootummaan abba irree Wayyaaneen EPRDF itti fufinsaan uummata Oromoo irratti gaggeessa jiruu, olola maqaa filannoo dimookiraasii sobaan oofaa jiru, haalaa Master planii Finfinnee  fi waligalatti haala uummatni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoo biyyatti keessa jiran irratti hundaa’uun marii bal’aa gaggeessuun uummata Oromoo hundaa fi lammiilee cunqurfamoo biyyattii hundaaf ibsa gabaaba armaan gadii dabarsee jira!!
  2. Amajjiin tokko guyyaa WBO, guyyaa warannii Oromoo mirga uummata Oromoo kabachiisuuf bara baraan wareegama qaalii kanfaluun Oromiyaan har’a arginu kunii fiuummatni Oromoo har’a jiraatnu kun akka jiraannu waraana uummata Oromoo irraa ijaaramee fiuummatichi bilisummaa isaa fi birmadummaan isaa kabajamee fi mirgi abbaa biyyummaa isaaeegamee fi Oromoon qabeenyaa isaa fi uummata isaa fi biyya isaa irratti aangoo siyaasaa qabateeakka ofiin of bulchuuf waraana wareegama qaalii fi bu’aa ba’ii qabsoo keessa darbuun as ga’eewaan ta’eef nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo WBOf kabajaa fi jaalala guddaa qabna.Uummatni Oromoo hundi waraana kana akka qaroo ija isaatti akka ilaallatuu fi tumsa gamahundaan godhamuun akka cina dhaabbatu waamicha dabarsina. Amajjiin tokko guyyaan WBObarri 2015 guttummaa Oromiyaa fi biyyoota Oromoon jiru hundatti sirnaan akka kabajamuudhaamsa dabarsaa, addatti Qeerroon bilisummaa Oromoo guyyaa kana bifa adda ta’een lafacaasaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo jiru hundatti kabajuuf qophii dursaa xummuruu keenya nihubachiifna.
  3. Mootummaan abbaa irree EPRDF gochaa hammeenyaa uumata Oromoo Oromiyaa irraa kaasuu fiballeessuu imaamata godhatee jiruu fi olola dharaa uumata Oromoo irratti gaggeessa jiruufseeratti dhiyaachuu qaba. Dhiitaa mirga dhala namaa fi ukkamsaa mirga dimookiraasiimootummaan abbaa irree gaggeessa jiruuf mootummootni gamtooman, dhaabbileen mirga dhalanamummaa addunyaa, fi uummatni Oromoo gama hundaan mootumman yakkamaanWayyaanee himatamee mana murtii idil addunyaa ICC ‘tti dhiyaachuun yakka duguginsa sanyiigaggeessa jiruuf akka itti gaafatamu jabeessinee gaafatna!! Kana irratti irra guddaan hayyoonniOromoo alaa fi biyya keessa jirtan tokkummaan irratti akka qabsooftan abdii isin irratti gatna.
  4. Biyyaa fi dachii Itiyopiyaa dimookiraasiin hin jirretti maqaa Filannoo jedhuun mootummaan Wayyaanee olola deemsisaa jiru ni balaaleffanna. Filatnoon dharaa baroota 23 deemaa jiru umriiWayyaanee dheeressuuf kan deemu malee diimokiraasii dhugaa kan muldhisu akka hin taanebeekama. Kanaafuu filmaati ammaa kunis lammiilee cunqurfamoo biyyattii fi uummata Oromoohunda kan hin ilaallannee ta’uu hubachiisuun uummatni Oromoo cufti dimookiraasii dhugaa, kanmirgi ilma namaa fi mirgootni dimookiraasii keessatti kabajamanii fi bilisummaan uummataOromoo kan itti mirkanaa’uu fiduuf Warraaqsi FDG haalaan jabaatee kan itti fufuu ta’uu nihubachiifna!!
  5. Dhaabbileen mormitoota biyyatti maqaa uummata Oromoon ijaaramtanii diraama dimookiraasiikijibaa Wayyaanee keessatti hiriirtanii jirtan, maqaaf malee mirga kan hin qabne, miseensabilisaan ijaarrachuu kan hin dandeenye, uummata Oromoo bilisaan ijaaruu fi sochoosuu haalaahin dandeenyee fi bakka barbaadanitt wajjiraalee banachuun socho’uu kan hin dandeenyee ,taatanii utuu jirtanii, Dimookiraasiin jira filmaatatti seenee Wayyaanee waliin morkii goonajechuun sochii bu’aa hin qabnee fi jijjirama fiduu hin dandeenye keessatti waan argamtaniifyeroon gara sochii Warraaqsa FDG ‘tti makamuun akka mirga Oromoo dhugaaf falmitanwaamicha lammummaa isinii dabarsina.
  6. Goototni Qeerroon (dargaggootni Oromoo) bara darbee jalqaba baatii Ebla 2014 irraa eegaluungaaffii mirga abbaa biyyummaa fi dimookiraasii karaa nagaa bifa qindaa’een mootummaa abbaairree Wayyaanee gaafachuun FDG irratti kaasuun sagaleen uummata Oromoo hanga sadarkaa idil-addunyaatti dhaga’amuu danda’ee jira, gaaffii karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyeeffanneefdeebii ajjeechaa fi hidhaa Oromoo irratti raawwachuu EPRDF/TPLF fudhateen ija mootummataaddunyaa duratti yakkamaa ta’uun isaa hubatamee jira. Sochiin FDG bifa garaagaraan jabaachuunhanga guyyaa har’atti itti fufinsaa fi qindoomina haala qabuun jabaatee itti fufaa jira. UummatniOromoo bakka jirtan hundaa warraqsa kana cina akka dhaabbattan waamichaa keenya dabarsina!!
  7. Hogganni Qeerroo Bilisummaa Oromoo yeroo kamiinuu olitti qabsoo bilisummaa Oromoo galiiisaan ga’uuf sochii warraqsa FDG qindeessuu, uummata Oromoo sadarkaa garaagara keessa jiruuijaaruun jabeessuu, garaagarummaan ilaalchaan akka wal hin qoodnee fi tokkummaa UummataOromoo jabeessuun ,mootummaa abbaa irree Wayyaaneetti xummura gochuuf kutannoo fimurannoodhaan qabsoo warraqsaa biyyooleessaa (national revolution) gaggeessuuf qophii ta’uuni hubachiifna.
  8. Walii galatti Oromiyaa irratti Oromoon ofiin of bulchuuf furmaatni guddaan jiru FDG jabeessuufi Uummani Oromoo bakka hundatti gaaffii mirga hiree murteeffannaa jabeessuun sagaleetokkoon harka wal qabatnee yeroon gamtaan warraaqa biyyalessaa FDG keessatti hiriiruuntokkummaan qabsoofnu amma jechuun uummata Oromoo waliigalaaf dhaamsa dabarfatna.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Injifannoon Uumata Oromoof!
Bara Milkii
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajjii 1,2015 Oromiyaa