Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Friday, June 27, 2014

Seenaa Luba Guddinaa Tumsaa ( 1929-1979)

(Oromedia, 22 Waxabajjii 2014) Luba Guddinaa Tumsaan bara 1929 Wallagga keessatti iddoo Boojjii jedhamutti dhalatan. Luba Guddinaan obboleessa waa’ee Oromootif wareegame Baaroo Tumsaa jedhamu qabu.
Waldaan Makaana Yesuusii dandeettii geggeessummaa fi beekumsa obbo Guddinaa waan hubatteef, bara 1963tti gara Ameerikaa deemanii Luter Tiyoolojikaal Seminaari (Luther Theological Seminary)tti tiyooloojii akka baratan goote. Ijoollee isaanii shananii fi haadha manaa isaanii Itoophiyaatti dhiisanii 1963 amma 1966tti achitti barumsarra turan. Yeroo barumsa xumuran baachiler digirii diviiniitii (bachelor’s degree in divinity (B.D.)) fudhatan.
Erga barumsa isaanii xumuranii booda, Luba Guddinaan gara Itoophiyaatti deebi’an. Akkuma deebi’aniin Jeneraal Sekreeterii (Dura ta’aa) Waldaa Makaana Yesuusii Itoophiyaa ta’anii muudaman. Bara 1966 kaase hanga 1979 ajjeefamanitti jeneraal sekreterii ta’anii tajaajilaa turan.
Geggeessummaan isaanii waldaan Wangeela, kabaja ilma namaa(human diginity) fi walqixxummaa sabaa (social justice) irratti akka xiyyeeffattu godhe. Yaadni isaanii tiyooloojii Kiristoos bu’uura godhatee fi guutummaa ilma namaa irraatti xiyyeffatu ture. Barumsa argachuu, dhukkubsataa yaaluu, guddina diinagdee, tokkummaa cimaa (strong sense of community), fi amantiitti cimuu walitti kan qabate ture. “Afrikaa keessatti siyaasni eenyu jiraachuu akka danda’uu fi eenyu du’uu akka qabu murteessa” jechuun komiidhan dubbatu.
Mootummaa fiwudaalii Hayila Sillaasee warraa balaaleffatan(criticize) xiqqoo keessa Luba Guddinaan tokko turani. Boodarras waan mootummaan Dargii jedhe namoota “lakki” jedhan keessaa tokko turan.
Luba Guddinaan bara 1979 mootummaa Dargiitin qabamanii mana hidhaatti galan. Pirezidaantiin Federeeshinii Luteraanii Addunyaa yeroo sanaa lubbu isaanitif waan sodaataniif Pirezidaantii Tanzaaniyaa yeroo sanaa Juuliyees Nereeree kadhachudhaan dhimma isaanii keessa akka seenu godhan. Nereereenis mootummaa Itoophiyaa wajjin dubbatanii akka gad lakkifaman godhan. Carraa kanatti fayyadamanii akka biyyaa baqatanii Tanzaaniyaa jiraatan yeroo gaafataman, Luba Guddinaan garuu waldaa koo gadhiisee hin baqadhu jechuun didan.
“Waldaan koo fi amantooni koo as jiru. Egaa ani dura bu’aa waldaa ta’ee oddon jiruu akkamittan yeroo qormaataa kana keessatti amantoota gatee baqadha? Irra deddeebi’ee abbootii wangeelaa wajjin asuma turuun akka narra jiru itti himeera.”
jechuudhan didani. Macaafaa qulqulluu keessaa 2Qor 5:15 isa
“Egaa warri jiraatan si’achi isa isaaniif jedhee du’ee du’aa kaafameef malee, ofii isaaniitiif akka hin jiraannetti, inni hundumaaf du’eera” jedhu dubbatan.
Gaafaa Adoolessa 28, 1979 Luba Guddinaan qabamanii ajjeefaman. Duuti isaanii mullataa fi dandeettii guddaa tiyooloojiirratti isaan qabanii fi waldaan Itoophiyaa yeroo sanatti baayyee barbaaddu akka dhabdu godhe. Tiyooloojii Afrikaatiifillee miidhaa guddaa ture.
Yaadanno Luba Guddinaatif jecha dhaabbanni Gudina Tumsa Foundation jedhamu dhaabbateera. Kaayyoon dhaabbata kanaas namoota rakkatoo fi miidhamoo ta’an gargaaruudha.
__________________________________________________________________________
Gudina Tumsa (Boji, Oromia, 1929 – 28 July, 1979) was an Ethiopian theologian and General Secretary of the Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus.
He helped form the Council for Cooperation of Churches in Ethiopia, an ecumenical council, and was elected its first chairman. Tumsa “gave his church a decisive push towards independence in theological thought and church practice, criticizing many aspects of Western Christianity. Much of his theology is contained in the letters he wrote to church leaders and the general public, as well as in the addresses he gave at various conferences around the world in the 1960s and 1970s. Tumsa was abducted and killed by Derg soldiers on 28 July, 1979, and has been called the Dietrich Bonhoeffer of Africa in the years following.
Inspired by Tumsa’s life, the Gudina Tumsa Foundation was founded in 1992 to help people who are suffering physically as well as those longing for justice and freedom. In 2008, a group of youth Ethiopian theologians formed the Gudina Tumsa Theological Forum to provide a platform for sound theological reflection on developments within the church and society at large.
REFERENCE:
1. http://www.dacb.org/stories/ethiopia/gudina_tumsa.html Gudina Tumsa, 1929 to 1979, Ethiopian 2. Evangelical Church Mekane Yesus
Ethiopia, Dictionary of African Christian Biography
2. Jodock, Darrell. Gudina Tumsa Awarded the Christus Lux Mundi, Luther Seminary Story Magazine, Third Quarter, 2004. Retrieved on 13 February, 2013.
3. Eide, Øyvind. Revolution and Religion in Ethiopia: Growth and Persecution of the Mekane Yesus Church, 1974-85. 2nd ed. Oxford: James Currey, 2000. Print.
4. Eide, Øyvind M. “Gudina Tumsa”, Dictionary of African Christian Biography. Retrieved on 13 February, 2013.
5. Gudima Tumsa Foundation, The Vision, retrieved on 13 February, 2013.
6. Luther Seminary, Gudina Tumsa Theological Forum, retrieved on 13 February, 2013.

No comments:

Post a Comment