Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Wednesday, October 29, 2014

Akka sabaatti ijaaramne, Oromummaa fi Oromoo duwwaa abdannee. Gooboo garee fi maqaa qabsoon daldaaltuu hundeen diiguu qabna!

Kutaa tokkoffaa
Sadarkaan guddinni qabsoo Oromoo irra gahee jiru, yeroo gandaan, gareen, amantaa fi sammuu alagaan yaadan irra ce’ee jira. ilmaan Oromoo bahaa-dhiha, kaabaa-kibba dhimmi isaan walitti hidhee jiru oromummaa fi oromiyaa dha. waanta hunda dursuu kan qabu, dhaabbileen maqaa oromoon ijaaraman, fayidaa nama dhuunfaa fi garee keessaa bilisa ta’anii waanta akka sagantaatti baafatanii jiran gara hojiitti jijjiruun dirqama yeroo ti. Maqaa qabsoo oromoon dhaabbilee ijaaramanii jiran yoo ilaalle, bifa barruun sagantaan isaan waraqaa irraa qaban, Oromoo abbaa biyyaa gochuu fi bilisummaa sabaa dhugoomsuuf akka ta’e, barruu irraa ni dubbifama. Hoogganootii fi miseensi dhaabbilee siyaasa garuu, waanta akka sagantaa siyaasaa irratti maxxanfatanii fi baafatan hojiitti hiikamaa akk hin jirre tolchanii beeku. Waanti akka sagantaatti wixinatanii jiranii fi waanti hojiin muldhisaa jiran faallaa sagantaa isaanii ti.
Oromoo ta’ee qabsoon keenya maaliif dadhabe kan hin jenne jira hin se’u. falaa fi malas namni hin akeekne hin jiru. Hoogganootiin qabsoo Oromoo hoogganaa jiran, midiyaa fi waltajjii ummataa gara garaa irratti yoo dhihaatan, waadan isaan galanii ummatatti lalaban yoo jiraate, qabsoo sabaa jabeessuuf hunda dura oromummaa fi tokkummaa mooraa qabsoo oromoof akka hojatan dhaammatu. Qabatamaatti garuu faallaa kanaatu muldhata. Rakkoon kun amma iyyuu hin dhaabbanne. Rakkoon kun ummata Oromoo ykn miseensa dhaabbilee siyaasa Oromoo bira hin jiru. Rakkoon amtuu fi ijoon kan jirtu hooggantoota dhaabbilee siyaasaa bira jira. kanaaf hooggantootiin dhaabbilee siyaasaa rakkoo amma harkaa nuqabdu kana hiikkachuuf of irratti murteessuu qabu. dubbii dandahuudhaan, waliin dhahuudhaan, fakkeessuudhaan, natu caalaadhaan, maqaa hin taane waliif kennuudhaan……. Kana booda ummta Oromoo joonjessuu fi ofiifis joonja’anii mooraa alagaa yeroo itti jabeessan dhaabbachuun dirqama ta’a. ammas tarii maqaa qabsoo oromoon daldaaluuf gareen ykn murni amma iyyuu abjootu jiraachuu mala. Kun dhaloota ammaa biratti fudhatama hin qabu. gabaa galtu dhaquu taati.
Karaa biraatiin rakkoo mooraa qabsoo Oromoo jiru yoo ilaalle, dhaabbileen siyaasa Oromoo, dhimmoota irratti garaa garummaa qabanii fi waantota irratti waliin hojachuu danda’an adda baafatanii mataa isaaniitiin beekuu dadhabuu dha. xiinxala guddaa otoo hin gaafatiin sagantaa siyaasaa dhaabbilee Oromoo amma yoona jira, ( nama tokkos haa qabaatanii nama lama) harka saddeetama kan ta’u dhimmoota waloon isaan hojachiisuu danda’an qabu. garaa garummaan isaanii harka 20 hin caalu. garuu hooggantootiin dhaabbilee siyaasa Oromoo, dhimma sagantaa siyaasaa qaban ilaalanii waliin hojachuuf fedha horachuu irra, isa harka 20 hin caalleef dursa kennuudhaan akkaataa waldhibdee isaanii furatan irratti danqaa ta’u. bifuma wal fakkaatuun bilchinaa fi dandeettii hoogganummaa akkasuma, siyaasaa dhabuudhaan haaloo walbahuuf kulkulfatanii hojatu.  Kun dadhabbina keenya isa guddaadha. Yaadi namni tokko dhiheessu, gaariis ta’ee gadhee yaada irratti xiyyeefachuu irra eenyutu jedhe (Tolasaa moo Mohaammadi) bifa jedhuun namaan nama danquutu dursa hargata.
Garaa garummaan dhaabbilee siyaasaa Oromoo harka 20 hin caalle kun, yoo diriirsinee ilaalle,  harka 10 kan ta’u hoogganni mataa isaanii walitti dhufanii kan fala itti kennuu danda’anii fi rakkoo isaani dhalchanii dha. harka 5 kan ta’u, waliin waldhaggeefatanii waliin mari’achuu irraa kan madduu dha. harka shan kan ta’u mammoo kan ummati Oromoo akka sabaatti boru murteeffatuu fi aangoo ummata Oromoo ta’ee otoo jiruu dhaabbileen Oromoo dursanii murteessuufiidhaan  madda danqaa godhanii argamu. Danqaaleen kun hunduu kan fala argatu yoo ilaa fi ilaameedhaan jibbiinsa siyaasaa keessaa baahee egeree sabaaf jecha waliin dubbachuu fi rakkoo Oromoo furuuf ofirratti murteessine duwwaa dha.
Akka sadaffaattin kan kaasamuu danda’u, collummaa wal gowwoomsuu keessaa baanee, dhaabbileen siyaasaa gaggeessaa jirru rakkoo edduun xaxamee kan jiruu fi fala kan barbaadu ta’uu isaa ofitti himuu qabna. Keessi dhaaba siyaasa keenyaa rakkoon xaxamee otoo jiruu rakkoo jiru ifatti baafnee fala itti kennuu irra, fayyaa jirra jennee ummatatti dubbachuun, ummata gowwoomsina otoo hin taane, walaalaa ta’uu keenya ummataaf labsina. Rakkoo jiru irra dibaa tokko malee ifatti dubbannee fala itti kennuutu beekumsaa fi ulfina namaaf kennisiisa. Kanaaf collummaan arrabaan dubbachuu dhaabbachuu qaba. rakkoo keenya akka sabaattis ta’ee akka dhaaba siyaasaa oromootti qabnu hiikkachuuf ifatti dubbannee daboo itti kadhachuu qabna. Kun harsaa nama gaafatu qaba. kana kaffaluuf qophii ta’uutu qabsa’aa nama jechisiisa.
Hoogganni dhaabbilee siyaasaa guddinaa fi sochii ummata Oromoo fi addunyaa wajjin of ammayyeesaa fi of jabeessaa deemuun murteessaa dha. qabsoo sabaa galmaan gahuuf haala waltajjii tokkoo keessatti toftaa fi kallattiin qabsoo maddisiifame haala waltajjii biraa keessatti ammoo dhimmi wal simuu fi sira’uu qabu, ykn akka yaadameetti yoo deemuu baate, sirreessuu fi badii yoo ta’es badiidha jedhanii balfachuun beekumsa. Hoogganni dhaabbilee siyaasa keenyaa harki caalu kanaaf of kennaa miti. Kun qabsoo keenya eddu miidhe. Siyaasa karaa cabeen haa yaasuu keessaa baanee, dhimma hojiin muldhachuu danda’u irratti waliin deemuun murteessaa dha. kanaaf kaleessa kanatu ture arddha ammoo haala biraatu jira, kana keessatti of madaksaa fi qabsoo gara fuunduraatti haala tarkaanfachiisu huumaa deemuun bilchia hoogganaa gaafata.  Badiin otoo jiruu sobanii wal faarsaa fi wal jajaa waliin deemuun qabsoo sabaa duwwaa otoo hin taane, gareedhumma abbaa dhimmaatu dhuma irratti hayyallaa buusa. Kanaaf nama si faarsuu fi sijaju irra nama siqeequu fi nama yaada haarawaa siif gumaachu ofitti qabuun aadaa hoogganoota dhaabbilee siyaasaa ta’uu qaba. namni yeroo hunda sifaarsuu fi dadhabbina otoo qabduu sijaju, diina kee beekamaa caala gara badiitti si hoofaa jira.
Dhumma irratti mooraa qabsoo Oromoo tasgabbeessuuf, akkasuma tokkummaa qabsa’otaa jabeessuuf huda caala dursa kennuufii qabna. Aldureen wal xaxuu irra, ilaa fi ilaameedhaan dhimmoota waloon qabnuu fi garaa garummaa jiru dubbannee dhumma irratti fedhii fi hawwii oromoof abboomamnee tokkummaa sabaa cimsuu qabna. Kun salphaa miti.  haarsaa gaafatu qaba. isa kaffaluuf qophii ta’uun murteessaa dha. siyaasa jibbiinsaa fi haaloo wal bahuu irraa fagannee fedhii fi hawwii saba keenyaaf abboomamuun murteessaa dha. as irratti waanti dagatamuu hin qabne, siyaasa jibbiinsaa fi haaloo wal bahuudhaan kan injifatu dhaabbileen siyaasaa kamuu akka hin jirre beekuun gaarii ta’a. qophaa injifachuuf yaaluu irra waloon dhimma waloon injifachuuf qophii ta’uun gahumsa hooggan siyaasaa muldhisa. Garaa garummaa faarsuun yeroo hunda of jiraachisuu fi ni jirra jechuuf dhama’uu irra murtee siyaasaa kan hawwii ummata Oromoo fi saba keenyaa gitu fudhachuun murteessaa dha.
Camadaa Hundee
camadaa@gmail.com

Saturday, October 25, 2014

Nobody said it will be easy

Yaadasa Dafaa
Yaadasa Dafaa

Oromo Nation’s ever burning conundrums: After my lifelong journey and years of living in it, my personal and respectful opinion of the main Oromo Nation’s staggering issues are specified as follows. The sources of the problems and my intimate expressively re-mindful resolutions are also verified concisely. You can have your own say on these issues. Some of the solutions are added to the edited version of the original document.
  1. Sources of the problems: Leaderships of Oromo political organizations.
    Problems: They could not stick to the original kaayoo formulated by our heroes for our national struggle because of fundamental difference between them about the independence of Oromia. They had also various problems among them of which are: Lack of discipline, Lack of command and control, Lack of direction, Infighting, Confusion , Division, Weakness, Lack of responsibility and accountability, Lack of rigid stands, Deceptiveness, Self denial, opportunism and self aggrandizing. etc.
Solutions: Hopefully they are trying to restructure themselves if possible, but one might as well forget that they will come up with anything because they have tried it several times and failed. The basic solution is in the hand of the Oromo mass, and also in the hands of the new generation who are not adulterated by the Abyssinian culture. The struggle will continue. Perseverance and non biased dedication will be core of the solution for the genuine struggle of the Oromo Nation. It is not one stop fix syndrome, it will continue, and we shall never give-up!!!!!!!
  1. Sources of the problem: The Oromo public.
    Problems: After more than a century of slavery and colonization the psychic or mood of mind of some Oromo have changed 180 degrees from pro actively engaging, assertive and challenging personality to passive none reconstructing and docile personality. Confusion and lack of directions coupled with pressure and harassment by the colonizers consume their daily lives. It is true that the present day of ethnic cleansing and eviction from their lands made life unbearable for any ordinary Oromo. Consequently, the Nation of Oromia appears on the surface that they are/were not able to control their political organizations to do what they want them to do(Libration). But on the other hand, the Abyssinian regimes are their own worst enemy, by pushing the Nation of Oromo to the Point of no return. It is natural phenomenon to react for the Nation of Oromia in defences of their land, dignity, and basic human rights.

Tuesday, October 14, 2014

SOCHIIN OROMOO BARA 2014 WAAN NU AKEEKU QABA ! HUMNA TA’UUF BAKKAYYUTTI HAA HOJJANNU !!!

SEENAA  Y.G(2005) | Onkoloolessa 14, 2014
Sochiin Oromoo, Fincila Diddaa Gabrummaa Bara 2014 Biyya keessatti gaggeeffamen wal-qabatee gaggeeffame, Sochii Oromoon taasisuu dada’u keessaa hangam ta’a jedhanii tilmaamu irra, waan inni nu akeeku irraa barachuutu dansaadha jedhee mata duree kana filadhe malee, falmaa Diddaa Gabrummaa waggaa 100 olii hanqisuuf akka hin taane, naaf hubattu jedheen amana. Seenaa Qabsoo Oromoo Jalqabaa hanga Bilisummaatti jiru yeroon itti katabnuu fi seenaaf keenyu ni dhufa. Hojii guddaan, yeroo sana asi butuuf hojjachuudha. Sochii itti jirru kana yeroo hundaa madaaluun dansaadha. Madaalliin kun gama lamaan ta’uu danda’a.
  1. Humna qabaachuu qabnu ykn baayyina keenyaan , beekumsa keenyaan, dandeettii lammiilee keenyaan, kkfn wal-gitaa ?
  2. Humna diinaa nu dura dhaabbatee jiruun. Gama kanaan yennaa ilaalluu , tarii waa hedduu nu akeeku danda’a. hangam hojjachuun akka nu irraa eegamuus nu akeeka. Sochiin jiru garuu rakkoo fi danqaalee keessa ofi illee dabalatee jiru keessa taree kan hojjatame waan ta’eef, waan nu akeeku qaba. odoo yaadaa fi qalbiin keenya gama tokko jiraatee woo ? jennee akka of gaafannus nu akeeka……humna Boonsaa hojii iccittii bobaa diinaa jala taa’anii ykn bakka biraas taa’anii hojjatan, Hojiin qofaa akka irra aannu kan nu mirkaneessan qabaachuu keenyas nu akeeka. Kun dhugumatti kan itti boonnuudha. Seenaa kanas yeroon itti faarsinu ni dhufa. Amma garuu yeroo isaa miti. hojjachuu, falmuu, xiiqeffachuu, gumaa ba’uuf halkanii guyyaa hojjachuu qofaatu furmaata ta’uu nu akeeka. Qabsaa’oonni kaleessa haqa Ummata isaaniif manaa ba’an , duuchaamatti diinaan olitti isaan abaaruun illee sabummaa irraa ka’amee akka akka hin taane nu akeeka. Ijoollee dhalootaan qaroo ta’an, ABO dhaga’uu irra taranii ijaan arganii hin beekne wareegama Boonsaa akkasii Bilisummaaf kafalaa jiraniin, “Bilisummaa Ummata keenyaa nuutiyyuu ijaan arguu dhiisuu dandeenya” jedhenii miidiyaa of harkaa qabaniin tamsaasuun sirri akka hin taane nu akeeka. Sochiin Oromoo Bara 2014 waan nu akeeku qabaan waa hedduudha. “Haasaa 1,000,000 irra , gocha 1 tu Bilisummaatti dhihoodha” kanan jedheef kanaafi.
Kutaa 2ffaatti deebina.
BARA 2014 SOCHIILEE HOJII CAALAAF NU KAKAASUU DANDA’AN :
  • Fincila Diddaa Gabrummaa Barattootaa fi Dargaggootaa Biyya keessaa
  • Hawaasa Oromoo Biyya keessaa ijoollee cinaa hiriiruu,
  • Hawaasa Oromoo Biyya alaa deeggarsaa fi ajjeechaa morme hiriira qindoome gaggeessuu,
  • Qabsaa’oonni Ilaalchaan tokko ta’an ABO jabaa gadi dhaabuuf murteessu
  • Midiyaalee walabaa (Intarneetaanis) dhimma Ummata isaanii irratti hojjataa jiran,
  • Dhaabbileen, Waldaaleen gargaarsaa fi Amantii dhimma Oromoo irratti hiriiruu eegaluu ,
  • Baqattootaaf birmannaa taaisfame,
  • Aadaa, Seenaa fi Oromiyaa beeksisuuf sochiilee taasifaman,
  • Ayyaana Irreechaa 2014 irratti Sochii Biyya keessaa fi alatti gaggeeffame,
  1. Fincila Diddaa Gabrummaa 2014 fi Hawaasa Oromoo Biyya alaa 
Qindoominni Hiriira Deeggarsaa fi miidhaa Ummata keenya addatti ijoollee irra ga’ee addunyaatti beeksiisu irratti hojjatame, Nama boonsa. Humna qabaachuu qabnu keessaa amma tokkon ykn wareegama nuuti baasu qabnu keessaa ka’umsaaf kan ta’uun, dhimmi  keenya sadarkaa Senaatarooraatti akka irratti mari’atamu taasifnee jirra. Biyyoonni fi dhaabbileen edila addunyaa adda addaa ajandaa akka taasifatan taasifnee jirra. Sochiin taasifame kun waa hedduu nu akeekee jira . Lammiileen Oromoo Biyya alaa dhimma Ummata isaanii addunyaatti beeksisuuf carraan qaban bal’aadha. Ummati Biyya keessaa sirna guyyaa saafaa Taankiin Nama irra deemu, Gogaa Namaa quncisee nama adabu keessa jiraatanii wareegama baasaa jiranii, Bilisummaa isaan wareegamaniif nuufis qorichaa maaltu nu irraa eegama ? jedahnii sochiin eegalan itti fufu qaban. Haala ijoolleen falmaa keessatti gaggeessaa jiranii fi haala Biyya alaa Kanaanis of madaaluu barbaachisa.
Dhimma Ummata keenyaa irratti wal bira dhaabbachuu danda’u irra tarree, waliin Asfaaltii irra teenye beelaan of adabnee aantummaa Ummata keenyaa mirkaneessinee jirra. Jireenya Biyya alaa Ulfaataa sana keessatti yeroo ofiillee wareeganii Ummata ofiif dubbachuun waan salphaa akka hin taane beekamaa. Jiraachuun ammoo waan hundaa dursa waan ta’eef. Kanas ta’uu yaadaa fi gaaffii ummata ofii akka fedhanitti bakka dhiheessuun danda’amutti hangam hojjannee ? jennee akka of gaafannu kan nu akeeku tokko sochii 2014 kanadha. Biyya alaa kana keessatti akka yaada ofii ka’anii hiriira ba’uun ykn waan yaadan gaggeeffachuun rakko. Akka sochii 2014 kanaa garuu qindeeffannaan waggaa guutuu sagalee Ummata keenyaa eessattu dhageesisuun akka danda’amu nu akeeka. Yeroo Ajjeefamuu fi hidhamuu Ummata keenyaa qofaa odoo hin taanee,yeroo hundaa miidhaa ummata keenya irra ga’u dhageesisuu akkamiin dandeenya ? jedhanii mari’achuu fi hojiitti hiikuun fardiidha.
Qabsoo jechuun Miseensa dhaabaa irratti qofaa kan gatamu osoo hin taanee, Hawaasa Biyya keessaa fi alaa kan ilaallatu ta’uu qabatamaatti arginee jirra.kana caalaatti akka dhaabaattis, akka Kominiitittis, akka Waldaalee Amantiittis, Akka waldaalee Gargaarsaattis, kkf wal gargaaruun , waliin dhaabbachuun hangam dhageetti akka namatti horu hubanneerra. Kana irra dhaabbatanii akeekkachuun kan nama qalbii qabuuti. Isaan asittis waan qindoomiinaan deemaa jiran argaa jirra. Faranjiinis warra takkaa ho’anii deebi’anii qabbanaa’an jettee , gaafa nuuti iyyannee isin dhageenye jechaa amma nuuti deebinee iyyannutti akka nu hin eegne fi, jarri kun dhugaa qabu jettee kaka’umsa isaanii irraa ajandaa isaanii hanga taasisanitti hojjachuuf, dabareen hiriirrii fi sochiin adda addaa akka taasifamu danda’u waan baranneef itti fufun barbaachisaadha.
“Wal dhaggeeffachuu fi waliif birmachuun aadaa keenya keessatti jiru , garuu nu harkaa bade nutti deebi’uuf nu suufachaa jiru kanaaf balbala bananii simachuun hedduu nu gargaara. Waan adda itti ta’anii beekanii, waan irratti waliif galan irratti hojjachuun, Dimokiraasiin nuuf aadaa dha isa jennuu nu dhugeessa. yeroo gaddaa fi rakkoo adda ba’uu mannaa, yeroo gammachuu adda faca’uu wayya. Gammachuu waloo keessaa yoo dhabanillee dhuunfaatti nama biraa hin hafu. Gaddi garuu Ummata waliin yoo ta’e Nama jabeessa. Yoo qophaa ta’an garuu Nama cabsa.” Kun falaasama Oromooti. Barumsi hammayyaa nu fuutee baddee kan dagatame. Kanaaf Hawaasi Biyya alaa Sochiin taasisu humnoota alaattis iyyachuuf, Ummata Biyya keessaaf hamilee ta’utti amannee, yoo xiqqaate waan Ummata Biyya keessaa Boonsu irratti hojjachuun baroodha. Diinaa Ummata keenya miidhaa Ulfaataa irraan ga’aa jiru irratti hojjachaa , waan keessa ofii tolfachaa deemuun murteessaadha. Qindoominni socii Hawaasa Oromoo Biyya alaa kana caalaa jabaatee dhageetti Ummata keenyaa akka ol kaasee addunyaa irra nu dhaabu hin shakku.
  1. Mooraa Qabsoo Oromoo Irroomsuu :-
Barri 2014 Seenaa Qabsoo Oromoo keessatti waan ittin ibsamu hedduu. Waan hundi yeroo isaa malee akka hin taanee, Maanguddoonni Oromoo barnooti hammayyaa hin booressine gadi jabeessanii dubbatu. Dhugumatti miidhaan Ummata irra ga’u jabaataa wayita deemu fi waan nuuti keessa jirru ilaallee waa hedduu dubbachuu malla. Waa hedduus hawwina ta’a. waanuma halkan tokkotti waa hundaa jijjiirru nutti fakkaatee, waan fagoo nu hin tarkaanfachiifne keessa seennee Maraammartoo siyaasaan kufana ta’a. waan ana qofaaf dubbiin galte goonee Xiinxala hedduus tarrifna ta’a. Addunyaan, amma Miidiyaama yeroos keessa teenya dubbannu yk amma waraqaa irratti katabaa jirru geessi jennee waan boruu deebi’ee mataa gadi nu qabsiisuu haasa’uus dandeenya.kkf.
Kun hundi yeroo isaa malee yoo ta’ee isuma akka har’a teenye of taajjabaa jirru hordofsiisa. Har’a dhalli Oromoo bakka jirutti of ilaalaa jira jedheen amana. Dhugaan eessa akka jirus caalaatti adda baafachaa jira. Dirree siyaasaa keessatti of ilaaluun hedduu barbaachisaadha. Odoo hin hojjannee fi hin falmannee Bilisummaan hin jiru. kan hojjatee fi dhama’u Bilisummaa yoo gaafate irraa bareeda. Kan wareegama waa maraa baasuu Bilisummaan maa fagaattee ? jedhee yoo komate irraa bareeda. Kan Umurii guutuu xiinxalaaf taa’e garuu, guyyuu yoo komataa olee bulu qaama irra na hin yaa’u. Ummati keenya kana adda baafachuun dansaadha. Adeemsi Siyaasaa Mana Ijaaramu tokkon fakkeeffama malee, yeroo inni jaraamee dhumuun wal bira hin qabamu. Mana tokko hundee isaa ijaaruu kaasee, waan mana isa taasisuu fi jabiina qabu ilaalanii siyaasaaf fakkeenya taasifachuun ni danda’ama. Garuu hundee isaa torban tokkotti , gidaara isaa, achi kkf herreeganii waggaatti yk baatii ammanaatti jedhamee herreegamu, Adeemsa qabsoo fi siyaasaa akkasiin lafa keewwachuun rakkoodha. Akkasitti yaaduun hedduu nu dhamaaseera. Firiin muka tokko yeroo isaa malee akka bilchaatu hawwinee, hundee isaatii yoo murree kan yaadine ni argannaa ? ykn firiin sun haa bilchaatu jennee Bishaan guyyaa guutuu itti guurreef, xaa’oo humnaa olii itti dhangalaasneef bilchaachuu firii Sanaa ni ariifachiifnaa ?
Amma yeroon isaa ga’ee ABO jabaa gadi dhaabuu irra ga’ameera. Kun Ummataaf Abdii ol aanaadha. Itti baha isaa argachuuf ammallee yeroo nu gaafata. Kun haala keessa jirru irrattis hundaa’a. kana irra waan jabaas dhaga’uu dandeenya. Waan keessa dabarree nuuf barnoota guddaadha. Humni akkasitti yaadu yeroo keessa dhufa . dhawaataan argama. Calalamee kan akka sibiilaa jabaatu hanga argamutti , yeroo gaafata. Warri Addunyaan nu harka jirti jedhan Biyya waggaa 40 booda dhuunfachuu barbaadaniif, itti duulanii dhaloota yaada isaanii qabu keessatti dhalchaa fi guddisaa jiran. Yeroo guddatan iskoolaar shippii barnootaa jedhanii ofitti fudhatanii barsiisanii akka Biyya bulchu taasisanii waan fedhan hojjatan . fkn……
Biyyi Iskotilaand jedhamtu waggaa 300 booda Biritaaniyaa jalaa ba’uuf hiree murteeffannaaf dhihaattee waan ishee mudate agarree jirra. Isaan tarii waggaa amma kana sabboonummaa isaanii Ummata keessa tursuu yaalaa turan ta’a. Ingiliziin garuu dubbiin garamitti akka deemu waan beektuf, karaa waan kana danqitu irratti hojjachaa turte. Addatti Dingdee gama hundaa jiru tu’atanii dhiibbaa har’aa kana raawwatan. Kanaaf waan hin yaadamne arguu dandeenye.warri dhibee wal fakkaataa qabanis keessaan waa hedduu dalagan. Addunyaa akkasii keessa jirra .(shira kana hawwuu ykn bilisummaa dhabuu jaraa deeggaru koo miti) shirri akkasiis nu irratti raawwatamu mala.nuutis akkas fageessinee yaaduun dansaadha. Mooraan Qabsoo YK Qabsaa’oonni walitti dhufuu qofaa irratti hojjachuun ga’aa natti hin fakkaatu. Hegaree keenya ijaaruu irrattis gorsaa fi yaada laachufiitu dansaadha. Waan har’a arginu fi nu miidhe kana dhaloota itti aanu keessatti akka hin umamneetti akkamiin gadi isaan dhaabnaa jedhanii yaaduun bilchina .Biyyoonni hedduun sagantaan siyaasa isaanii waggaa 20-25ttii akkas goona jedhanii akeekkatu. Yoo kun yaadamuu jalqabee waan har’aa irratti wal qabuun dhibee Nagaan waliin tarkaanfachuutu eegalama jedheen yaada.
Waan har’a irra geenye jirru tuffachuun , qeeqa akka baallee indaaqqoo salphatuun saaduun,kkf eessaanu nu hin ga’an. Halgaa gammachiisuu danda’a. miidhama Ummata keenyatti jabeessuus danda’a. ABO jabaa nuuti hawwinu Ummataaf kan labsu , Nama Jabaadha. Qabsaa’oota jabaadha. Hojii jabaadha. Wareegama jabaadha. Keessa tikifachuudha. Waan hundaa hojiin irra aanuu keenyadha. Diina irraa keessaa fi alaan of irraa ittisuu yoo dandeenyedha. Rakkoon kaleessaa nutti hin deebitu jennee warra yaada kana dhugeessaa jiran waan maraan yoo waliin dhaabbanneedha. Kun haqa. Kun hundi odoo hin taanee yk gochuuf odoo hin murannee hawwuun hawwuumadha. ABOn Jabaachuun Ummati jabaachuudha. Qabsoo walii galaa Ummati keenya itti jiruufis hundeedha. Hundee qabsoo keenyaa jabeeffachaa, sochii Bara 2014 bifa gara garaan itti fufuun murteessaadha.
Gama kaaniin, fedhii Ummata ofii ialaallatanii dantaa ofii nama hollachiiftu of keessaa baasanii , Qabsoo Ummata ofii tarkaanfachiisuun, kakuu jaallanii  dhugeessuu ta’aa jedheen yaada. Gaddaa fi miidhaa keessa taa’aanii dantaa dhuunfaa dhaggeeffachuun sirri natti hin fakkaatu. Waan hunda dura wareegama Biyya keessaaf bakka laachuutu gaariidha. siyaasa addunyaa keessatti , saba tokko keessaa miti, Biyyumti bara baraaf diina wal taasifate hin jiru. yoo barbaachisees, wal irraa fagaachuun keenya lola addunyaatu itti jirtuun tokko miti. taa’aanii yoo yaadan iyyu, kun akkamiin ta’ee ? jedhanii kan nama gaabbisiisuudha. Ilaalchuma tokkotu bakka lama dhaabbate. Yeroo ammanaa fudhachuu isaattuu gaabbuu qabna. yoo bara baraaf wal lolu ykn wal jibbuu ta’es, wayyaanee faa’a waliin malee, obbolaan lama ……hin tolu.
Mooraa Qabsoo walii galaa keessatti tasgabbii Uumanii waliin socha’uun murteessaadha. Kana Umuuf, sochii bara 2014 caalaa akka taasifnu hin shakku. Hundumtu waan ummata kanaaf tolu qofa irratti odoo hojjatee fi waan nu booressu irraa odoo dhaabbatee, Tokkomuun ykn Gamtoomuun Oromoo waggoota nu hin eegsiisu ta’a. Halagaan sadarkaa dantaa isaaf jedhee wal dhabee nu miidhaa jira. Kufaatii keenya irratti mana waloo ijaarrachuuf yaadan. Nuuti ammoo lola isa dhumaan wal dhamaafna. Kana dhaabnaan karaan eegalame milkiin akka xumurru hin shakku.
  1. Miidiyaalee dhimma Oromoo irratti hojjataa jiranilaalchisee:-
Kutaa 3ffaan itti fufa
HORAA BULAA !!!!!!!!!!

Monday, October 13, 2014

kana bektu laata?

waggoota dura maqaan iddo /naannolee adda adda finfinne kessatti argaman maqaa oromoon ofii isaatiin moggaafaten ittifayyadamaa turee ,kan kessa





 kan duraanii                                                kan jijjirame

  1. Dildila..............................................Inxooxxoo                                               
  2. Hurufa Boombii..............................jaanmeedaa
  3. Qarsaa .............................................Kaazaanchiis
  4. Caffee Tumaa.................................. 6 kiiloo
  5. Daalattii..........................................4 kiiloo
  6. laga harree .....................................lagahar
  7. Agamsa.........................................Markaatoo
  8. Muujjaa.........................................Shiromedaa
  9. Birbira Gooroo...............................Piyaassaa
KKF.......


Monday, October 6, 2014

A 1917 Photo, Taken Before Erection of Menelik’s Statue in 1930 at Birbirsaa/Piazza in Finfinne, Shows Odaa Ya’aa Gulelee

A 1917 photo (i.e. a photo taken before the erection of the Menelik’s Statue in 1930 at Birbirsaa/Piazza in Finfinne) shows Odaa Ya’aaGulelee (i.e. the Assembly Site of the Gulelee Oromo tribe.) That’s exactly what our forebears told us in their history. According to the history, the Odaa was cut down to build the statue of Menelik II, which now stands at Piazza (if front of the church shown in the photo). ThisOdaa (the holy sycamore tree) used to be where the original inhabitants of this part of Finfinne (i.e. the Gulelee Oromo tribe) used to hold their periodic assemblies per the Gadaa System before their conquest by Menelik of Ankober.
StGeorgeIn1917_BeforeMenelik
UPDATE: For reference, one can compare the below image of the Statue of Menelik as it stands now where the Odaa Ya’aa Gulelee used to be before 1930 (one can use the main gate of the Church – found in both images – as a reference to identify the location of the Odaa, which was displaced by the Statue as of 1930).
MenelikStatue2014

October 6, 2014
(NTV Uganda) – The Oromo people, Ethiopia’s largest ethnic group celebrates Irreecha, a festival of thanksgiving. Oromo communities spread out across the world on this day perform rituals around water sources to thank God for enduring the rainy season and ushering in the spring season. The Oromo Community in Uganda have held their celebrations at the Kabaka’s Lake in Lubaga.