Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Tuesday, July 28, 2015

“Hidhamtooti Keenya Gadhiffamuu Qabu” Jedhchuun Gaaffii Mirgaa Ka’een Wallagga Dambi Doolloo Keessatti Hidhamtooti Oromoo Namni 3 Yeroo Ajjeefaman 10 Ammoo Dhukaasa Waraanni Wayyaalee Itti Baneen Haalaan Madaa’uun Gabaafame.


Oromo oromiaAdoolessa 27,2015Godina Qeellam Wallaggaa Magaalaa Dambii Doollootti Ilmaan Oromoo Oromummaan yakkamanii hidhamanii turan hamma yoomitti hidhamnii ta’u gadhiifamuu qabu sababbaa jedhuun diddaa gaaffii mirgaa uummannii fi Qeerroon kaasaniin hidhamtooti ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti badii tokko malee hidhamanii turan cabsanii bahuuf yaalii gootaniittu sababaa jedhuun Oromoota 10 yeroo rasaasa Wayyaaneen rukutamu namni sadii ammo lubbuun wareegamuu Qeerroon gabaase.
Ilmaan Oromoo badii tokko malee Oromummaa qofaan yakkamuun yeroo garaagaraatti mana hidhaa Magaalaa Dambii Doolloo keessatti ukkanfamuun dararamaa kanneen turan hamma yoomitti Oromummaan yakkamnee badii tokko malee hidhamna, murtiin seeraa fi mirgi keenya sarbamee mirgi namummaa nurraa mulqamee nuuf kabajamuu qaba, mootummaan Wayyaanee seeraan ala nu hidhee jiruu nu gadhiisuu qaba jechuun gaaffii mirgaa dhiyeeffachuun  FDG gaggeessan sagalee mirgi keenya kabajamuu qaba, Oromummaan dhaloota malee yakka miti, Oromummaan yakkamuu fi hidhamuun nurraa dhaabbachuu qaba jechuun sagaalee mormii guddaa mooraa mana hidhaa keessatti dhageesisuun mana hidhaa Wayyaanee diiguun bahuuf FDG kaachisuun walqabatee Mootummaan Wayyaanee humna waraanaa isaa kora bittinneessa jedhamuun kan beekamu irratti bobbasuun dhukaasaa irratti bane namoota 3 yeroo ajjeessu 10 ammoo madeessuun madden Qeerroo bIlisummaa Oromoo magaalaa Dambii Doolloo gabaasan. Ilmaan Oromoo rasaasa wayyaaneen Mana hidhaa Dambii Doolloo keessatti madeeffaman :
  1. Malkamuu Boggalee
  2. Lataa Yaadasaa
  3. Birhaanuu Fireewu kanneen keessatti argaman yeroo ta’u guutuu maqaa Qeerroon hordofee ni gabaasa.

Thursday, July 23, 2015

Dhimmi Master Plaanii fi Saamichi Lafaa Tooftaa Jijjiirratee Deemaa Jiru Dura Tokkummaan Dhaabbachuuf Qonnaan Bulaa, Barataa fi Hojjettooti Shaggar Kaabaa‏ Jiraatan Ibsan


Adoolessa 22,2015 Finfinnee

aa
Naannoo Sulultaa
Qonnaan bulaa, barataa fi hojjetaan garagaraa shaggar kaabaa aanaa Kuyyuu, Sulultaa, Caancoo, Akaakoo fi kanneen biroonis godina addaa dabalatee dhimmi Master Pilaanii deebi’ee ka’uu hin qabu jechun walitti dhufuun kana duras dhaabbachuuf of qopheessuu Qeerroon gabaasee jira.
Ammos dhimmi Master Palan Finfiinnee kun tooftaa jijjiratee qonnaan bultootaa fi jiraattotaatti waan dhufaa jiruuf qabeenyaa fi mirga Oromummaa keenya kan sarbu dura of qusatnoo tokko malee ni dhaabbatna jechuun  qonnaan bulaan aanaalee kanneen irraa ibsuu Qeerroon naannicha irraa gabaasee jira.
Tooftaa fi malli mootummaan Wayyaanee saamicha lafaa raawwatuu fi qonnaan bulaa Oromoo balleessuu fi qabiyyee lafaa Oromoo dhuunfachuuf
gama kamiinuu itti wareegamuuf dargaggootni barattootni Oromoo fi uummanni godina kana keessatti har’a dhaamsa waliif dhaamuun yomiyyuu
mootummaa Wayyaanee ofirratti hin goobsinu jechuun murteeffachuu gabaasni Qeerroo addeessa.
Shaggar Kaabaa aanaa Caancotti halkan Adoolessa 20,2015 halkan waraqaaleen garagaraa magaala keessa faca’an
– Dacheen Oromiyaa kan Oromooti, oromoodhaan haa bultu,
-Saamtotni fi sobdoonni nun bulchin.
-Mootummaan wayyaanee shororkeessaadha.
-Dinaaf hin jilbeenfannu
-Uummata oromoo saamuun haa dhabbatu
-Miirri maqaa Master Pilaanii waamu haa dhaabbatu
-Wayyeen diina uummata oromooti
-OPDOn uummata oromoof hin dhaabbanne
Kan jedhu waraqoonni bakka garagaraatti barreeffamuun maxxanfaman irraan kan ka’e har’a poolisii fi humni waraana federaalaa naannicha qubachuu Qeerroon gabaasee jira.

Monday, July 13, 2015

“ UTUBAA FI DAGALEE ”

“ UTUBAA  FI DAGALEE ”

SEENAA  Y.G (2005)
Barreessaa dhugaa baasa!Mana ijaaramu tokkof  UTUBAA  FI  DAGALEETU hundeedha. Utubaan qophaa isaa dhaabbatee Mana ta’uu hin danda’u. Dagaleenis akkasuma. lameen isaanii adda baasanii mana ijaaruun habjuudha. Ijaarsi Manneen durii, Utubaa fi Dagalee irratti hundaa’an. Kan hammayyaa har’aa ammoo , Kolamii (colum) fi Biimii (Beem) irratti hundaa’an . haalli hojii isaanii baraan adda haa ba’an malee, faayidaan isaanii tokkuma. Dagalee fi Utubaan durii garuu, isa hammayyaa har’aaf bu’ura waan ta’aniif, Kaayyoo barruu kanaaf filadheera.
Manni Utubaa malee, Utubaan Dagalee malee hiikkaa hin qaban. Utubaan qophaa isaa ijaajjee, waan mana sanaaf tolu baadhatee mana fakkeessuu hin danda’u. Dagaleenis Utubaa malee, qilleensa irratti dagalfamee waan mana sanaaf tolu walitti qabuu hin danda’au. waan waliif Umame kana adda baasanii dhimma itti ba’uun, baayyee rakkisaa qofaa odoo hin taanee, hin danda’amu jechuutu salaphata. Ijaarsa manaa keessatti , hojiin Utubaa fi dagalee walitti hidhuu gaggeeffamu tollaan , dhumni manichaas tolaa ta’a. Utubaa fi dagalee bakka malee, yoo walitti hidhan, YKN maal na dhibeen yoo ijaaran, umurii manichaa gabaabsuu qofaa ta’a. Walumaa galatti, UTUBAA FI DAGALEENijaarsa Mana tokko keessatti bakka ol aanaa ni qabaatu. Mana waggaa dheeraa ykn dhalootaaf dabru ijaaruuf, jabinni fi Ijaarsi isaanii isaaniin murtaa’a. Akkasuma, Ijaarsi Utubaa fi Dagalee irratti tollaan, qaamoota manichaaf barbaachisan hundi akka tolan hin shakkisiisu jennee haa xumurru. UTUBAA FI DAGALEEN….

Saturday, July 11, 2015

Poolisoonni Mooraa Yuuniverstii Wallaggaa Diddaa Barattooti Oromoo Taasisan Deggertan Sababaa Jedhuun Qondaalota Wayyaaneen Qoratamaa Jiru


Adoolessa 10,2015 Naqamte
dsc02197
Maqaa gamaggama poolisootaa jedhuun guyyaa har’aa Adoolessa 10,2015  bulchiinsi Yuunibarsiitii Wallaggaa poolisoota moorichaa qorannoodhaan afaan faajjessuuf yaalus poolisooti geggeessitoota kana afaan qabachiisaa jiru.
Har’a sa’a laaqanaa irraa kaasee hanga ammaa kanatti odeeffannoon nugahe akka ibsutti Poolisooti moorichaa yeroo FDG barattoota deeggartu,keessaayyuu barattoota Oromoo jajjabeessuun adda adurummaa qabdu,kanaaf isin  loogi addaa gootu jedhamuun geggeessitooti sirnichaan wayita sagalee jabaan itti dubbatan ykn dheekkaman illee  Poolisoonni mooraa Yuuniversitii Wallaggaa “Oromummaan yakka miti”  jechuun geggeessitoota ergama Wayyaanee rifaasisuusaa jiraachuun beekame jira,itti baha walgahii kana guutuu fuula duraatti dhiheessina.

Saturday, July 4, 2015

ወረኛዉ ዝም ይበል!!


barruuቃሊቲ እስር ቤት ፣ ዞን ሦስት 2006:- አንድ ካኪ ሱሪና እጀ-ጉርድ ሸሚዝ መልበስ የሚያዘወትሩ አዛዉንት እንደአሸን ከሚተራመሰዉ እስረኛ መሃል መታየት ከጀመሩ ሰንብቷል። ተክለ-ሰዉነታቸዉ ቀጥ ያለ ሲሆን የራስ ጸጉረቸዉ ደግሞ ሙሉ በሙሉ ወደ ነጭ ተለዉጧል። በባሕሪያቸዉ ቁጥብ ይመስላሉ።   በሰዉነታቸዉ ላይ መጠነኛ መጎሳቆል ቢታይም ያሉበትን ሁኔታ ለመጋፈጥ ግን አሁንም ቁርጠኛ አቋም እንዳላቸዉ ያስታዉቃል። ቀን ቀን ብቻቸዉን ነጠል ብለዉ ግቢ ዉስጥ ከሚያደርጉት የእግር እንቅስቃሴ ይልቅ ሌሊት ሌሊት  በተሰጠቻቸዉ የማረፊያ ቦታ ላይ ነጭ ጋቢያቸዉን አፍንጫቸዉ ድረስ ተከናንበዉ ኩርምት ብለዉ የምያሳልፉት ምሽት ይበልጥ ስለሳቸዉ የቀደመ ማንነት እንዳሰላስል ያደርገኝ ነበር። ለዓመታት ሲታሰሩበት ከነበረዉ በተለምዶ የቀይ-ሽብር ቀጠና ከሚባለዉ ዞን በምን ምክንያት ወደዚህ እንደተዛወሩ አይታወቅም። አሁን ከምን ጊዜም በላይ እጅግ ፈታኝ ሁኔታ ዉስጥ ሳይገቡ አልቀረም። አጫዋች ጓደኛ የላቸዉም።  ለማረፊያ የተሰጣቸዉ ቦታ የኣእምሮ ሕሙማንና በተለያዩ ምክንያቶች ከሌሎች ታሳሪዎች እንዲገለሉ የተደረጉ እስረኞች የሚቆለሉበት ስለሆነ አስከፊነቱ ከቃላት በላይ ነዉ። ሽታዉ አይጣል፤ ተባዩም የከፋ!። ይበልጥ የሚገርመዉ ደግሞ አንዳንድ ግዴለሽ ወጣቶች ከመጸዳጃ ክፍል ሲመለሱ እግራቸዉን በእሳቸዉ ፍራሽ ላይ እየጠራረጉ እንደዋዛ ተረማምደዉበት ያልፋሉ። እኚህ በሰዉ እግር ስር የተጣሉት ሰዉ በዘመነ-ደርግ የኢትዮጵያ ጠቅላይ ሚኒስተር የነበሩ – ሻምበል ፍቅረሥላሴ ወግደረስ ናቸዉ!
ይህችን አጭር ትዝብቴን ያስቀደምኳት “የጨቋኞች መዉደቂያ በተጨቋኙ ሕዝብ እግር ስር ነዉ!” የሚለዉን ፅንሰ-ሀሳብ ለማጉላት እንጂ ለጊዜዉ ስለ ሰዉዬዉ የማነሳው ጉዳይ ኖሮኝ እንዳልሆነ ይታወቅልኝ። እርግጥ ነዉ ጨቋኝ ገዢዎች ሥልጣናቸዉን ዘልዓለማዊ አድርገዉ ያስቡታል። ጊዜም የማይቀየር፣ ዘመንም የማይሻር ይመስላቸዋል። ያ ግን ፍፁም ስህተት ነዉ። ካሰጠማቸዉ ቅዠት ሲነቁ ራሳቸዉን እንኳን ለማስተካከል ጊዜ ሳያገኙ ነገሮች ይቀየሩና በሰሩት ወኅኒ ይጣላሉ። በዘመናቸዉ ግፍና መከራን ዘርተዋልና ከምቾት ሰገነት ቁልቁል ይፈጠፈጣሉ። የጭንቅና የመከራ ጉድጓድ ማረፊያቸዉ ይሆናል። ይህንን ሀሳብ በጽሁፌ ማጠቃለያ ላይ እመለስበታለሁ። አሁን ባሩድ ባሩድ ሸቶኛልና ወደዚያዉ ልገስግስ!