Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Saturday, January 31, 2015

Sochii Tarkaanfiif fuchachuu bara 2015

Hawi Olani Kesesa | Amajjii 31, 2015
Hawi
Hawi Olani Kesesa
Uummatni Oromoo baroota darban keessatti qabsoo bilisummaa isaatiif adeemsisaa ture keessatti dargaggootni qabsoo boonsaa galmeessisaa turuun  isaanii beekamaa dha. Jalqabaa qabees wal’aansoo farra garbummaa keessatti barattootni Oromoo, dardarrii fi shamarraan kan afaaniin dhaadatanii  qofa osoo hin taane aarsaa boonsaa kanfaluun kan tasumaa ni galagala jedhamee kan hin yaadamne galagalchaniiru, kan ni jijjiirama jedhamee hin yaadamnes jijjiiraniiru. Isa kanaaf ammoo aarsaa hanga lubbuutti kan gatii baasisu hunda keessatti hirmaachuun kanfalaa turuun isaanii ni yaadatama.
Aarsaa boonsaa kanaan uummatni Oromoo jarraa taraniif kan lafa ilaalchisee fi goophesse jala akka mataa ol qabatanii deemaniif bara itti wal’ aansoon hin taane tokko iyyuu hin jiru. Isa kanaaf heedduun dararamaniiru, reebamaniiru, biyya oromaattis bittaa alagaa diduun baqataniiru.  Haa ta’u iyyuu malee dararamaa fi rakkina sodaachuun hin callisne. Maalummaa isaanii rakkina dandamachuun mirga uummata Oromoo kabachiisuuf  boodatti hin deebine. Inni kun har’as taanaan hanga ilmaan Oromoo jiranitti kan boodatti deebi’u hin ta’u. Hanga goototni saba Oromoo jiranitti Oromoon har’as ta’e bor boquu isaa buusee akka gaala biyya ormaatti qaaniin afaan isaatti yeella’uun ciqilee ormaan gadi qabamee hin jiraatu. Isa kanaa wareegama kamiin iyyuu baasuun saba kana haala inni keessa jiru keessaa baasuun kan maree barbaadu hin ta’u. Sababi isaa haalli qabatamaan mul’atu isa namn Oromoo ta’e kam iyyuu callisee maaltu na dhibe jedhee taa’u hin ta’u. Yeroo kam caalaa harka wal qabachuun fiixeetii hanga fiixee biyya Oromootti socho’an hirree garboomfataa cabsuuf wal’ansoof qophaa’uun yeroon isaa amma . Kanaan dura baroota darban waggoota digdamaa oliif uummatni Oromoo bittaa saba muraasaan dararamaa turuun beekamaa dha. Si’achi garu hanga nuti ilmaan Oromoo jirrutti inni kun itti fufuu hin qabu.
Haaluma kana irratti hundaa’uun bara haraa kanatti kanatti dargaggootni, barattootni akkasumas uummatni Oromoo maal gochuun akka irra jiraatu kallattii hundumaan sochii barbaachisaan godhamuun hirree garbooftaa cabsuun uummata bara dheeraaf mataa isaa gadi qabate jalaa baasuun barbaachisaa ta’a. Isa kanaaf haala qabatamaa sabni Oromoo keessa jiru hubannee tarkaanfii cimaa bara 2015 keessa fudhatamuu malan ilaalchisee waliin socho’uun barbaachisaa dha.
Rakkoolee qabatamaa yeroo ammaa uummatni Ormoo keessa jiru ilaalchisee akkuma beekamu Ummatnii Oromo hanga eenyummaa isaa dhabu irra ga’ee jira. Isa kana keessaa yeroo ammaa waraqaa eenyummeessaa uummatni Oromoo naannoo bulchiinsa magaalaa addaa Finfinnee jiraatan karaa kamiin iyyuu mirga lammummaa sababa hin qabneef akka namaatti ilaalamanii waan dhalli namaa argachuu malan argataa hin jiran. Filuus ta’e filatamuu hin dandaa’an. Daldala irratti kan hirmaatan yoo jabaatan qofa waggaa tokko hojjechuu danda’u. Warri hojii mootummaa keessan jiran abbaa manaa fi haadha manaa gargar baasuun, namoota doofaa isaan deggeran qofa OPDO’n kaa’achuun manni namoota heedduu jalaa diigameera. Mana jireenya namoota Oromoo ta’anii keessa ari’uun maqaa investimeentiin saba kan biraaf kennameera. Namootni baratan heedduunis hojjechuu utuu dandaa’anii hoji maleeyii ta’aniiru. Kan hojjechuun irra hin jiraanne dandeetti kamiin hin qabne angafa gochuun akka hayyuutti lakkaa’amaniiru. “Biyya fardi badde harreetu garmaama” jedhama mitiiree?  Isa kanaaf yeroo kam caalaa Qaruuxeen OPDO hattuu fakkaachuun mana namaa seenuun raga addaa addaa waraqaa ragaa barnootaa dabalatee jala fuudhuun namootni heedduun akka hojii kamiin iyyuu hin hojjenne ta’aniiru.  Isa kanaaf Oromoon marti yeroo ammaa kana addumaan bara 2015 keessa tarkaanfii addaa hirree garboomfataa cabsuuf fudhatamu keessatti akka iyya bokkaa dabarsuun sochii boonsaa kanaaf qophaa’uun filannoo hin qabu. Dhaamsa barbaachisaa waliif dabarsuun gurmaa’uun qabsoof ka’uun kunoo har’a.
Kanaaf Uummatni keenya eenyummaa isaa isa sarbame haa gonfatuuf dargaggootni Oromoo hidhannoo qabsoo fonqolcha abbaa hirree keessatti hirmaachuuf martinuu  waliin socho’uun barbaachisaa dha. Naannoo jiran maratti uummatni Ormoo addumaan dargaggootni Oromoo tarkaanfii qinda’aa cabsuu abbaa hirree keessatti hirmaachuuf :
  1. Dargaggootni bakka jiran maratti waliin mari’achuu, diddaa bittaa garboomfataa kanaan dura ture cimsanii itti fufuu, achumaanis filannoo dhufu kana keessatti tarkaanfii addaa fudhatamuuf of  qopheessuu,
  2. Hubatnoo qabsoo Oromoof ta’u keessatti ammaa eegaluun akka qophee barbaachisaa gochuun sochii eegaluu. Inni kun kanaan dura akkuma beekamu kallattii addaa addaatiin itti fufee jiraachuun isaa ifaa dha.
  3.  Filannoo keessatti uummatni Oromoo sababa waraqaa eenyummaa dhorkamaniif filachuus ta’e filatamuu hin dandeenyeef tarii bitamtoota OPDO qofa irraa kan hafe akka Oromoon hin filanne beekamaa dha. Kanaaf Oromoo kan ta’e kam iyyuu fulannoo dhufu kana akka hin filanne, isa kana ammo akka hiriira nagaan wal qindeessee ba’ee uummata addunyaa akka hubachiisu gochuu,
  4. Warri filamanis akka uummatta Oromoo hin ilaallanne akkasumas akka uummata kana hin hammannee warri filamanis uummata Oromoo akka bakka hin buune qabsoon biyyya keessattis ta’e alatti bifa qindaa’aa ta’een akka eegalu, kan eegales akka itti fufu.
  5. Tarkaanfiin kun bifa ittiin guutummaa uummata Oromoo hirmaachisuu danda’uun akka ta;uu malu. Isa kanaaf ammo akka naannootti, gandaatti, aanaatti, caasaa ijaaruun wal gurmeessuun gara qabsootti akka seennu
Walumaa galatti bara 2015 keessatti uummatni dararame Uummanni Oromoo bifa qinda’aa ta’een socho’uuf wal qindeessuun akka tarkaanfii barbaachisaa ta’e hunda bifa qinda’aa ta’een fudhannu cimsinee beeksisuun Oromoo bittaa bara dheeraa, dararama dhuma hin qabne keessaa baasuun barbaachisaa dha.
Injifannoon Uummata Oromoof,

Hawi Olani Kesesa
31/01/2015

Friday, January 30, 2015

Barruuleen Warraaqsaa fi Dhaadannoon Qeerroo Godina Gujii Aanaa Garagaraa Keessatti Maxxanfamee, Bittimfame Uummataanis Raabsame.‏

Gabaasa Qeerroo Godina Gujii aanaa Shaakkisoo  Amajii 30,2015,
diddaa9Dargaggootni fi Qeerroon oromoo godina Gujii kaleessa Amajii 29 aanaalee garagaraa Gujii keessatti waraqaalee dhaadannoo bittimsuun mootummaa Wayyaanee rifaasisuu fi uummatnis dammaqsuun Qeerroon gabaase, baatiima kana keessa mootummaan wayyaanee rakkoo uummanni jiraattotni Gujii miliyoonaan lakkaawamu rakkina daandii fi ibsaa qabaachuu,rakkina isaanis furmaata itti gochuuf, yeroon filannoon jala gahetti hojii misoomaa daandii baasuu fi ibsa uummataaf galchuu irratti caasaa isaa misoomaa gara bobbaasee jiraachuu miidiyaa of harkaa qabu RTVOn lallabaa ture, odeessi midiyaa Wayyaannootan darbu uumata biyyattii biratti odeessa kijibaan darbu malee kan haqa of keessaa qabu akka hin taane saboonni biyyattii gahaatti ni beeku. Haala kanaan Qeerroon godina Gujii keessa jiraatu olola mootummaa Wayyaanee soba of keessaa qabu ifatti saaxile, dhaadannoolee:-Mootummaan wayyaanee waggaa 25 aangoo ture keessatti rakkoo uummataa
furuu hin dandeenye,Daandii baasuu fi ibsaa galchuun mootumma wayyaaneef dadhabbii tahe,
kanaaf nurraa haa ka’u,Dirqamaan kaardii filannoo hin fudhannu,Humni waraana mootummaa nu keessa hin deemin nu keessaa haabahu,Nuti bilisummaa barbaanna,walabumaatti ammanna! Oromiyaan kan oromooti, kan habashaa miti!Mirgi keenya nuuf haa kabajamu!Mootummaa sobduu hin barbaannu!Mootummaan Wayyaaneen ajjeesaadha, saamtuudha, aangootti fufuu hin qabu!
Dhaadanollee hedduun uummata keessatti aanaalee adda addaa keessatti darbatamuun bittimfamee jira, uummannis har’a akkuma jirutti waraqoota faca’e kanatti gurra dhaabuun gammachuun itti dhagayame, diddaan isaaniis dargaggoota godinichaa waliin hiriiruuf mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuun falmii gaggeessuu kutatan,dhaadannon Qeerroo kaleessa galgala ka’ee aanaalee hunda keessatti naannoo mana barumsaatti faffaca’uu fi bakka uummanni arguttis maxxanfamuun dhagayame, kanumaan har’as barattootni kanneen akka mana barumsaa sadarkaa lammaffaa, qophaayinaa aanaa Shaakkisoo barumsa dhaabuun dhagayame.

Thursday, January 29, 2015

Filannoon Sobaa Bilisummaa Oromoo fi Mirga Sabootaa Hin Fidu Mata Duree Jedhuun Sochiin FDG Magaala Adaamaa fi Naannoo Isheetti Itti Fufe



Yes We Can!!Amajjii 29,2015 gabaasa Qeerroo Adaamaa, Sochii mootummaan Wayyaanee maqaa filannootin ummata keenya burjaajessu dura dhaabbachuuf ,akkasumas filannoon biyya keenyaa ol’aantummaa paartii biyya bulchu qofaan kan adeemsifamu waan taheef ummatni Oromoo filannoo irraa akka of daangessee QBO faana sochii isaa akka taasisuuf ibsoota ejjennoo fi dhaaddannoowwan garagaraa kaleessa galgala magaala Adaamaa,bishooftuu,duukam fi fantaalle mataa haraa keessatti manneen barnootaa fi waajjiraalee jiran hunda irratti raabsamee jira. dhaaddannoowwan kunis
  1. Filannoon kijibaa mirga saba keenyaa hin dhugoomsu,akkasumas gabrummaadhaa nu hin baasu
  2. Filannoon mirga malee dirqamaa miti ,kanaaf kaardii filannoo dirqamaan kennuun haa dhaabbatu
  3. Barattoonno oromoo sababa gaaffii mirgaa gaafataniif qofa hidhamuu fi ajjeefamuun akkasumas mana barumsaa irraa ari’amuun haa dhaabbatu
  4. Qote bulaa oromoo sababa investimentiin qe’ee isaa irraa buqqisuun haa dhaabbatu
  5. Hoogganoota OPDO ergama wayyaanee galmaan gahuuf ummata keenya irratti hojjetan ni balaaleffaffa. fkn 1Abbaa duulaa Gammadaa (minaasee w/goorgis) 2,Kumaa Dammaqsaa (Taayyee Taklahayimaanot) 3,Muktaar Kadiir ,4,Abdul Aziiz Mohaammad fi kkf fa’a
  6. Ummata oromoo saboota ollaan walitti buusuf daangaa oromiyaa ciruun saba biraaf kennuun haa dhaabbatu
  7. Ilmaan oromoo oromummaa isaanin yakkamuun akka bineensaa adamsamanii jireenya isaanii irraa hidhaatti guuruun haa dhaabbatu
  8. Seerri ummata Oromoof  hin hojjenne ummata Oromoo irrattis hojjechuu hin qabu.
  9. HUB-Nuti sabni Oromoo mirgaa fi biyya diinaan nurraa mulqame filannoo sobaatin otoo hin taane qabsoodhan deeffanna- dhalli Oromoo shira mootummaan Wayyaanee uumata Oromoo irratti hojjechaa jiru hubachuun kaardii filannoo dirqamaan nutti laatamu dura haa dhaabbannu -maaster pilaanin finfinnee dhaabbatee otoo hin taane sochii barattoota oromoo dhaamsuf tooftaa bahe ta’uu hubachuun falmii keenya itti haa fufnu
    INJIFANNOON UMMATA OROMOOF
    Sochii taasifame kana erga agartee tikoonni wayyaanee daran yaaddoo keessa galuun dabballoota ishee magaala keessa facaasun waraqaa faca’e guuraa jiru ,dabalataanis haalichi mataa bowwoo itti tahee waan qabanii fi dhiisan dhabuun rifannoota keessa seenanii jiru  Qeerroo naannichaa irraa

Tuesday, January 27, 2015

Barattooti Oromoo Diddaa Sirnna EPRDF Kaasuuf Jedhu Sababaa Jedhu Irraa Ka’ee Waraanni Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Sakatta’aa Jira.


Gabaasa Qeerroo Jimmaa Amajjii 27,2015
Qeerroo JimmaaAmajjii 27,2015 Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF dhiphina kasaraa Siyaasaa isa Mudatee jiruun yaaddoo keessa seenuun  dargaggootni Oromoo FDG mootummaa irratti kaasuuf qophaawaa jiru yaada jedhuun ka’ee sakatta’iinsa cimaa mooraa Yuunversitii Jimmaa Keessatti gaggeessaa jira.
Guyyaa har’aa balbala Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa irra poolisoota dhaabuun gadi ba’uu fi oldeebi’uu barattootaa irratti guyyaa guutuu sakkatta’insi bifa haaraan eegalame jira.Magaalaan Jimmaas humna waraanaa fi dabballoota milishoota dhiyeenya maqaa Filannoo kijibaa Wayyaanee eegsisuuf jedhuun leenjifamaniin eegama jira. Uummatni Oromoo jirattootni Magaalaa Jimmaa, Aggaaroo, Yabbuu, Asendaaboo, Saqqaa fi Deedoo kardii filannoo sobaa wayyaanotaa ofumaaf hin fudhannu jechuun diddaan uummata itti fufe jira.  Lafa dimookiraasiin hin jirreetti kaardii filannoo fudhachuun bu’aa hin qabuu jechuun uummaatni dhaamsa qeerroon dabarsaafii jiru fudhachuun kaardii filannoo fudhachuun faayidaa hin qabu, dura mirgaabbaa biyyuummaa  keenyaaf haa falmannuu, Oromoon biyyaa isaa keessatti samamaa, hidhama, ajjeefamaa, qe’eef qabeenya irra buqqifama jira, Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa gaaffii dimookiraasii fi nagaa karaa dimookiraasii fi nagaa dhiyeeffatan, gaaffiin barattootni Qeerroon Oromoo gaafatan gaaffii keenya, mootummaan Wayyaanee har’a duula filannoo dimookiraasii sobaa labsu kun gaaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyaateef diibii ajjeechaa, hidhaa jumlaa, barnoota irraa arii’uu, doorsisuun biyyaa irraa arii’uu deebii godhate; egaa Dimookiraasiin wayyaanee isa kamii? Jechuun uummaatni waliigalee wayyaanee dura dhaabbachuutti jira.
Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF sochii uummataa fi qindoomina Qeerroo Bilisummaa Oromootti yaaddoo guddaa keessa galuun human milishaa bifa haaraan leenjisee human waraanaa waliin magaalaa jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaa irratti bobbaasee eeggicha guddaa godhaa jira, guyyaa har’aas sodaan wayyaanotaa kun daran hammachuun gara sakkatta’insa barattootatti tarkaanfachuun sakkatta’insii bifa haaraa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa irratti gaggeeffama jira.
Goototni Qeerroon barattootni Oromoo nuti Waraanatti hin amannuu waraannii fi sakkatta’insi, filannoon kijibaa warraaqsa FDG ni finiinsa malee dhaabuu fi ugguruu hin danda’u, nuti Dimookiraasii dhugaa barbaadna, gaaffiin keenyaa gaaffii mirga abbaa biyyuummaa gaaffii mirgaa fi Dimookiraasiitii waan ta’eef mirga keenyaa fi hiree uummata keenyaa kabachiisuuf bakka jirruu tokkummaan harka walqabannee ni qabsoofna jechuun dhaamsa dabarfatan!.

Sunday, January 25, 2015

Gootonni Oromoo Salaaleetti Seenaa Agarii Tulluu Haaromsan, Gootummaanis Wareegaman.


Gootota Oromoo Wayyaaneen Qaltee Bakka gabaatti fannifte-Gocha faashistii xaaliyaanii fi hayila Sillaasen kan Wal fakkaatu-1.25.15Suurri argaa jirtan kun GOOTOTA ilmaan Oromoo roorroon hammaannan Wayyaanee fuuldura gootummaa dhaan falmaa dhaabbatanii utuu lolanii kanneen harka diinaatti gaafa kufan wayyaaneen gochaa suukaneessaa akkanaatiin uummata yaamtee raawwii akkasii jiilchaf ilmaan Oromoo kanneen irratti raawwatte. Oromoo diina isaa ajjeessaa, falmaa du’uun ykn wareegamuun kabajaa guddaa dha. Bakki gochaan fashitii Wayyaanee kun itti raawwatame godina SALAALEE, aanaa Darraatti baatii dabre gaafa 09/12/2014 ture.
Sababiin gootonno Oromoo kunneen itti bosona seenaniifis roorroo warri ergamtuu wayyaanee OPDO, dabballoota aanaa saniitirraa irra gahaa ture waan dadhaabaniif jiraachuus waan dadhhabaniif tahuutu gabaafama. Maqaan gooticha kanaa KATAMAA WUBETUU kan jedhamu erga dhiirummaasaa fi gootummaasaa loltoota wayyaanee 4 fi foolisoota hedduu galaafatee booda harka diinaatti kufuudhaan gaafa guyyaa 09\12\2014, aanaa Darraa, magaalaa Gondo Masqaal irratti wayyaaneen gochaa gara jabummaatiin uummata keenya jiilchuu fi sodaachisuuf hiriyaa isaa walin fannifte.
Dirreen inni itti lolaa ture, aanaa DARRAA naannoo Harbuu Masqaalee keessatti akka tahe qeerroon aanaa Darraa gabaasaniiru. Jaallan KATAMAA waliin qabsootti bahan ammas qabsoo akka finiinsaa jiraniifi ilmaan Oromoo hundaan hidhadhaa ka’aa! dhaamsa jedhu dhaammataniiru jedhama. QABSAAWAN NI KUFA,QABSOON ITTI FUFA! OROMIYAAN NI BILISOOMTI!

Friday, January 23, 2015

‘Ethiopia’s media crackdown is bad news for Africa’

Without a free press in Addis Ababa, Africans are being locked out of the important decisions being made in their de facto capital, writes Simon Allison
 “Ethiopia’s media should be playing a crucial role in the May elections, but instead many journalists fear that their next article could get them thrown in jail.”
“Ethiopia’s media should be playing a crucial role in the May elections, but instead many journalists fear that their next article could get them thrown in jail.”
January 23, 2015 (The Guardian) — It’s not easy being a journalist in Ethiopia. In fact, it’s nearly impossible, according to a new 76-page Human Rights Watch report that documents the scale of the state’s censorship apparatus. As a journalist, it makes for highly disturbing reading.
“Ethiopia’s government has systematically assaulted the country’s independent voices, treating the media as a threat rather than a valued source of information and analysis,” says Leslie Lefkow, the organisation’s deputy Africa director.
“Ethiopia’s media should be playing a crucial role in the May elections, but instead many journalists fear that their next article could get them thrown in jail.”
The authors of the report spoke to 70 Ethiopian journalists, many in exile, who painted a dismal picture of the state of Ethiopian media. The government exerts control in many different ways – some subtle, some quite the opposite.
Constant fear
In November, a report from Reporters Without Borders said at least six publications had been forced to close in recent months and 30 journalists forced to flee abroad as the result of the biggest crackdown on privately-owned press since 2005.
“Most print publications in Ethiopia are closely affiliated with the government and rarely stray from government perspectives on critical issues,” said the findings from HRW, which explain how publications critical of Ethiopia’s government are regularly shut down, and printers and distributors of critical publications closed.
“Journalists critical of government policies and their families live in constant fear of harassment, arrest, and losing their livelihoods,” writes Lefkow, as “the state controls most of the media, and the few surviving private media self-censor their coverage of politically sensitive issues for fear of being shut down.”
We were publishing our magazine twice a week, and usually afterwards we would receive threats by phone and cars would follow us,
“We were publishing our magazine twice a week, and usually afterwards we would receive threats by phone and cars would follow us,” Thomas Ayalew, an Ethiopian journalist living in exile, told the organisation.
Senay Abate, another journalist who was forced to flee Ethiopia, experienced similar pressures. “I was receiving intimidating threats via text message to discourage me from doing what I was doing. It was obvious it was coming from government security agents,” he said.
Social media is also heavily restricted, and many blog sites and websites run by those living in the diaspora are often blocked inside Ethiopia. In April 2014 authorities arrested six people from the Zone 9 blogging collective, who have now been in prison for more than 260 days under antiterrorism laws.
Human Rights Watch says that this particular case has had a “chilling effect” on freedom of expression in the country, “especially among critically minded bloggers and online activists.”
Hub of diplomacy
This is bad news for Ethiopia, of course. It is rarely a good sign when a government attacks the press, but it’s also bad news for the continent as a whole.
The Ethiopian capital Addis Ababa is home to the African Union, the continental body tasked with driving African development and righting the continent’s many wrongs. This makes it the de facto African capital, a hub of diplomacy, a place where important people meet to exchange secrets and make deals.
If we want to know what’s happening in Africa, we need to know what’s happening in Addis Ababa. Without a free press, we can’t. How else are we going to figure out what our leaders are up to? They are certainly not going to tell us themselves.
If we want to know what’s happening in Africa, we need to know what’s happening in Addis Ababa
It’s not just media, either. Ethiopia keeps a close eye on NGOs and think tanks working in the country too, even those with continental mandates, and has the power to grant or deny access to the African Union by manipulating visas – if you don’t get a visa for Ethiopia, you don’t get to visit.
The result? Researchers and advocacy organisations are wary of being too critical of the current Ethiopian administration, even if they shout loudly about the failings of other African governments.
We’re getting a distorted picture of the Ethiopian story – a story that is a vital one in the context of African development
We’re getting a distorted picture of the Ethiopian story – a story that is a vital one in the context of African development. Ethiopia, along with Rwanda, is advocating a very specific developmental model, one that prioritises economic growth and socio-economic rights ahead of liberal luxuries such as democracy, participation and human rights. It sees the stifling of a free press as a justified causality in this process.
A short Human Rights Watch documentary interviewing journalists in Ethiopia.

Can we trust the figures?
The figures suggest that this model might just be working. Ethiopia’s GDP is growing at about 10.4%. Over the past decade, the country has registered statistically significant growth in the welfare, education and health categories of the Ibrahim Index of African Governance. But can we trust these figures?
A recent example from Rwanda, where free press is also non-existent, is instructive. On 15 January, David Himbara, a former economic adviser to President Paul Kagame, explained why he quit his job in an op-ed for Quartz.
“I resigned not only because he was tyrannising the nation, but also because he asked me to tamper with the truth about the economy,” he said.
In the absence of a free press, or a free civil society, this data goes unchallenged
Himbara argues that the apparent successes of Rwanda’s model for economic growth are illusory, and based on poor or deliberately misleading data. But in the absence of a free press, or a free civil society, this data goes unchallenged, and the Rwandan model is hailed as a success and eyed by other African leaders (especially those with an authoritarian streak) as a role model for their own countries.
So too with Ethiopia: without anyone to tell us otherwise, Ethiopia’s development approach looks like it is working, even if it’s not. In the absence of any kind of independent information we cannot gauge its effectiveness.
That’s why the absence of independent media in Ethiopia affects us all. Without the beady eye of a free press observing Addis Ababa, we really have no idea what deals our leaders are making at the AU, or why they are making them; and we run a real risk that the Ethiopian story will become the African story, without any real idea if that story is fact or fiction.
Source: The Guardian

Wednesday, January 21, 2015

URGENT: Statement released by Western Australian Oromo Community

(Oromedia, 21 January 2015)The Western Australian Oromo Community says any individual or/and group of individuals who may take part in  meeting with the Ethiopian government do not represent the Oromo Community in Western Australia.
This is in reference to telephone conversation and written request made by Ethiopian Embassy in Canberra, Australia to meet with Oromo diaspora by high level of delegate from Oromia Regional State led by Vice President. Thank you for your invitation.
As Oromo Community in Western Australia, we held a series of meeting and discussion about your request and made the following official statement to your request. We would like to inform you that we are not only unable to participate in any formal or informal discussion or dialog with the current Ethiopian Government body or it’s representative, but also we strongly and firmly oppose such gathering in its any form.
We the Oromo community in Western Australia demands that the current Ethiopian regime immediate cessation of hostility against Oromo people. We demand that Government stops its lip service campaign in the election year; release all political prisoners without any precondition, respect the basic human right of freedom of speech, peaceful assembly, and expression.
We also demand that the Government stop displacing Oromo people from its ancestral lands. We speak loud and clear that the Government cease the power immediately and allow opposition political parties to operate in the country freely. We also demand that the Government respect its article 39 constitution and allow the nation and nationalities in the empire of self-determination including cessation or union at will. Then only we believe that the door of dialog and discussion with this Government be open.
According to the press release “the current Ethiopia Government is the regime that dehumanized the Oromo public: marginalized the Oromo people politically, economically, and socially.”
Here is the press release from Oromo Community of Western Australia. Official Statemen_OCWA
The email letter sent to the Oromo community from Ethiopian Embassy Canberra indicated that “high level delegation of the Oromia Regional State led by the Vice President will visit Perth after January 23, 2015 (the specific date will be notified later) to meet with Oromo Diaspora in your city and the surroundings.”
The purposes of the meeting are:
  1. To brief on the objective situation (political, economy and social development) of the region,
  2. To brief on the Diaspora Housing Development Program and
  3. To brief on the upcoming Oromia International Diaspora Day
The venue will be in one of the big hotels in Perth, the cost of which will be covered by us. Therefore, as Chairman of your association, we seek your assistance to inform the leadership and members to attend the forthcoming meeting in Perth. The Diaspora Minister Counselor will call you on Saturday, 17 January 2015, for detailed discussion.
Here is a letter sent from Ethiopian Embassy Canberra: Ambassador’s Letter

1. Ethiopian Embassy letter to Dr. Nuru Said, Chairman of Oromia Community

2. Response to the letter by Oromo Community in W. Astralia

Tuesday, January 20, 2015

Seenaa Jaal Durrii Muusaa (1945-2015)

Jaal Durriin Abbaa isaa Obbo Abubakar Muusaa Biyyoo fi Haadha isaa aadde Mariyam Shonkor irraa bara 1945 tti  Oromiyaa bahaa Konyaa Harar  Ganda Biyyoo lafa ija Ginnaa jedhamutti dhalate. Yeroo umuriin isaa barnootaaf gahutti mana barumsaa sadarkaa duraa Harar Ras Mokonnintti, sadarkaa lammataa Harar Medihanalemtti barate. Sana booda dammaqina qabuun nama sochii adda addaa gochaa turee(activist) fi Barreessaa fi Horii qabaa Walfaya Qotattoota Harargee  tahee hawaasa naannoo keessatti sochii jajjabduu gochaa turuu isaa seenaan isaa ni ibsa.
Sana boodas haalli sochii qabsoo bilisummaa Oromoo jabaachaa dhufuu fi dammaqina qabu waliin qabsoo hidhannoo farra gabroonfattuu mootummaatti dabalamuun gahee Oromummaa isaa nama bahaa ture dha. Qabsoo hidhannoo kana keessa osoo jiru harka  humna gabroonfattuu mootummaa dargii bu’uun waggaa 8  mana hidhaa hadhooftuu sana edda tureen booda mootummaan abbaa irree dargii aangoo irraa ariiyamnaan hiree sanaan mana hidhaatii bahe.  Edda mana hidhaatii baheen boodas Mootummaan gabroonfattuu haarayaan biyya qabatte keessattis haalli nageenyaa fi jireenyaa yaaddeessaa tahuu irraa bara 1998 biyyaa bahuun baqatee Keenyaa seene.
 Biyya baqaa kana keessattis rakkinootni baqatummaan qabdu hedduun kan irratti wal jijjiirte tahuu fi sanaanis osoo abdii hin kutatiin  Mana Barnoota Saphaloo keessatti yeroo dheeraa hanga biyya sadaffaa argatee keessaa deemutti hifannaa tokko malee tajaajila haga humna isaa kennaa ture.  Bara 2005 hiree biyya sadaffaa argachuun gara Amerikaa Kaabaa seene. Edda biyya Amerikaa Kaabaa seenees miseensa konyaa naannoo Minisootaa jiru keessatti of kenninsaan waan humni isaa gochuu dandahu maraan  tinnisa qabsoo kanaa gochuun  gahoo isaa taphachaa kan turee fi  jiruu fi jireenya hawaasummaa keessattis hirmaannaa gahaa nama qabu ture.
Jaal Durriin hanga gaafa lubbuun isaa addunyaa kana irraa dabartutti miseensa Konyaa Oromiya naannoo Minisoota jiru keessatti dirqama miseensummaa isaa nama bahaa ture dha. J/ Durriin jiruu fi jireenya isaa keessatti qabsoo kana waliin kan wal qabateen namoota jireenya mataa keenyaa  jiraatna hin jedhiin lubbuun isaanii dabartee fi yeroo har’aa kana illee jireenya mataa isaanii hin horatiin qabsoo kana geggeessaa jiran waliin tokko tahuu seenaan isaa ni ibsa.
Jaal Durriin  uumama isaatiin nama hin jarjarre obsa guddaa qabuu fi Oromummaan hundeen keessatti kan ijaarmte tahuu namootni waliin jiraatan raga bahu.
Jaal Durriin Muusaa ykn Arafaat dhukkuba tasaan Amajjii 16, 2015 addanyaa kana irraa boqote. Sirni awwaalcha isaas Sanbata darbe, gaafa 1/17/2015  bakka maatiin, firootni, miseensotnii fi ummatni Oromoo hedduun argametti raawwatee jira.
Jaalli  kun qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti umurii isaa guutuu hirmaannaa guddaa nama godhaa turee fi hanga gaafa lubbuun isaa dabartutti illee konyaa  ABO Oromiyaa naannoo Minisootaa jiru keessatti hirmaannaa irraa eegamu hundaa nama gochaa ture dha.
Miseensoti ABO konyaa Oromiyaas gadda isaanitti dhagayame dabarsanii jiran. “Nuti Miseensotni Konyaa Oromiyaa illee jaala kana of biraa dhabuu keenyaaf gaddi guddaan nutti dhagahama. Firoottan isaa fi maatii hunda akkasumas miseensota jaala kana of-biraa dhabneen illee Rabbi jabina isaa nuuf haa kennu jetna. Jaala keenya nu biraa du’eefis Rabbi qabbana isaa haakennu jetna.”
Namni Saba isaaf, lammii isaa fi biyya isaa roorroo jalaa baasuuf Osoo qabsaawuu lubbuun isaa dabarte qaamaan nama waliin jiraachuu baatus bara baraan akka jiraatutti hubatama jechuun seenaan isaa bara baraan kan lubbuun  jiru waliin jiraata jechuu dha.
Qabsaawaan ni kufa Qabsoon itti fufa!

Monday, January 19, 2015

Kutaalee Oromiyaa Keessaa Hogganoota Gandaa Walitti Qabuun Leenjii Bultii 6 Magaalaa Adaamaa Keessatti Kennaa Kan Jiran Qondaaloti Wayyaanee Gaaffii Hirmaattota Irraa Itti Ka’een Salphatan

Gabaasa Qeerroo Amajjii 18,2015 Adaamaa
AdaamaaMagaalaa Adaamaa Keessatti Maqaa  Leenjii jedhuun seenaa Ithiopia fi akkaataa ittiin filmaata mohatan kan barsiisan qondaaloti Wayyaanee hirmaattota irraa gaaffii itti ka’een salphataa akka jiran gabaasi Qeerroo walgahicha irraa nu gahe addeessa
Konkolaattonni kun tibba kana sochii mootummaan Wayyaanee kutaalee Oromiyaa mara keessaa hanga gandaatti hooggantoota gandaa fi seelii sarviisii akkasumas anga’oota OPDO walitti qabuun maqaa leenjii jedhuun magaala Adaamaa galma Abbaa Gadaa fi galma Hoteela Karrayyuutti teesisaa jiru  dha.
Maqaa leenjiitiin walgahiin yaamame kun mootummaa Wayyaaneef milkoomina fidaa hin jiru, akka maadheeleen Qeerroo walgahii kana keessaa gabaasanitti mootummaan Wayyaanee sodaa ummata Oromoo irraa qabu irraa ka’uun olii fi gadi nu joorsaa jiru jedhu qabiyyeen walgahii kanaa bulchiinsa gaarii jechuun dhimma filannoo fi seenaa Itoophiyaa barsiisaa akka jiran gabaafama. Haa ta’u malee akkuma armaan dura artistoonni Oromoo aangawoota Wayyaanee  gaaffiidhan muddan hirmaattonni kunis gaafilee garagaraa itti kaasan akka fakkeenyaatti lafti qote bulaa sababa investiin fudhatamaa qote bulaan qee’eerraa maaf buqqa’a kan jedhu fi kkf haa tahu malee hooggantoonni walgahii kanaa gaaffii mana keessa ka’u sagalee dhoorkuf jecha namoota gaaffii kaasan isin ilaalcha addaa qabdu jechuun nurratti xiyyeefachaa jiru jedhu ,waan fedhes tahu nuti gaaffii gaafachuu hin dhiifnu jedhchaa akka jiran maadheen Qeerroo walgahicha irraa gabaasa.
Walgahiin kunis guyyoota 6 akka turuu deemu gabaasi qeerroo addeessa.

Sunday, January 18, 2015

Sad News: Five Oromo refugees die on the Sudanese-Libya border

Report by Boruu Barraaqaa | January 18, 2015
Dungujee Ittanaa (from her facebook profile)
Dungujee Ittanaa (from her facebook profile)
According to a close source, five Oromo refugees have reportedly died and other wounded after they just crossed the border into Libya. The report didn’t identify the exact date and time of the accident, but confirmed that it happened in the last week.
More than half a dozen Oromo refugees were carried on the back of an old Toyota pickup owned by human traffickers when the accident happened. The car was heading from Khartoum to Tripoli, crossing the dangerous Sahara Desert with the haphazard fast speed.
The reason that caused the accident was also said to be driving with the highest speed in attempt to escape from the border police.
The source identified Dunguje Itana, a sister of Feven Itana, a famous spiritual (Christian) singer in Afan Oromo was one of the victims. Dunguje, who was a businesswoman and had her own house in Finfine had gotten her house being demolished by government forces under the pretext of ‘illegally built house’, said the report.
She was left with no compensation for her demolished house, moreover, previously she had been experienced prolonged persecution by government militias in Finfinnee due to her allegiance to being OLF supporter, added the report.
According to one of her close friends, it was this political reason that forced her to flee to Khartoum, however, the city has never been a safe place for thousands of Oromo refugees like Dungujee from across Oromia.
It is estimated that in 2014 alone, more than 5000 Oromo refugees left Sudan for Egypt and Libya, looking for safe place and better life. Among them more than half were forced to leave the capital, fearing day and night persecution by Ethiopian government security agents.
Boruu Barraaqaa


Walaloo Abdii Balee Oromiyaa

BILISUMMAA 

Akkam nagaa jirtuu ilmaan Oromiyaa,
Anillee nagumaa,yoo ta’es yaaddayaa,
Galata Rabbii guddaa;gurri waa dhagayaa,
Xiqqoollee haa taatuu,kaleessarra wayyaa,
Kanaaf,yaa saba koo,gamtaadhaan gad bayaa,
Bilisummaan dhuftee,simachuuf qophaayaa!!!
Kaleessa Habashootaan fira guddaa taanee,
Aannanii fi damma keenya,itti laannee,
Keessummaadha jennee,siree gubbaa baafnee,
Jarri Waraaboo ta’uu,nuti yoom hubannee,
Kabaja namummaa,isaan keessumsiisnee,
Galaa,gala hin qabne,gadoodhaan argannee,
Kanaaf,yaa saba koo,nu gargar kan baanee,
Badii kana hundaa,Goobanaan badhaanee,
Har’as nama heddutu,diina jala seenee,
Qabsoo Oromiyaa fi Oromootaa ganee,
Ammas of eeggadhaa,akkas akka hin taanee,
Ofirraa darbuu qabna,gabrummaa mulqannee,
Kanaaf,ofirraa haa kaasnu,bineeyyii Wayyaanee!!!
Yaadni Habashootaa,ofumaa jiraachuu,
Nama biraa miidhaatiin,ofuma jaalachuu,
Horoo namaa saamaa,ofii ijaarrachuu,
Jiraachuu nama biroo,sirumaa dagachuu,
Adda of baasanii,beekaan numa jechuu,
Kanaaf,yaa saba koo,hin dhiisin falmachuu,
Hanga Bilisummaa fi Walaba argachuu,
Qabsoon itti haa fuftu,dhiisi wal baqachuu!!!

Friday, January 16, 2015

BARRI KUN BARA OROMOO HAA TAHU

Taammanaa Bitimaa irraa | Amajjii 16, 2015
Dubbiftoota barreeffama kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, waan hunda durseen barri haaraa kun bara nagaa fi bara badhaadhinaa akka isinii tahuuf cimsee isiniif hawwa! Bara dabre kana keessa qabsoo fi diddaan ijoolleen Oromoo, Oromiyaa guutuu irraa ka’uun gooteen uummanni Oromoo fi Oromiyaan uummatoota addunyaa biratti beekamaniiti jiru. Bineensummaa Wayyaanotaa irraa kan ka’ee dhalawwan Oromoo hedduun gorra’amnii, kaan manneen hidhaatti guuramanii, kaan immoo manneen barumsaa fi unibarsiitota irraa hariyamanii, kaan achi-buuteen isaanituu dhabamee jira. Nuti Oromoonni biyyootambaa keessa jirru, bakka jirru maratti hiriira bawuun, marii addaddaa waamuun, kurfiiwwan garagaraa kurfeessuun ijoollee teenya fi biyya keenya cinaa dhaabannee jirra. Ee, dhiiga fi lafee, imimmaani fi madaa ijoollee Oromootiin Oromiyaan teenya qalbii fi sammuu uummatoota addunyaa keessa turte. Barri inni amma seene kunis bara Oromoo fi kan Oromiyaa akka tahu cimsee abdatama.
Bara dabre kana, bara 2014 irraa kaasee eenyumtu uummataa fi saba Oromoo akka duriitti jilbeeffachisetoo bituu gonkumaa hin dandayu. Baay’inni meeshaa waraanaa, balaliyaan waraanaa samii irraa summii gadi-roobsu, taankiin gangalatee margaa-mukaa, sa’aa-namaa hurreessu uummata Oromoo tokkoomee haqaa fi mirga uumaan qabuuf oljedhe kana, duubatti deebisuu hin dandayu. Akkuma dhiigni magaalaa Soweetoo sun bilisummaa uummata Afrikaa Kibbaatiif gumaache san dhiigni ijoollee Oromoo Oromiyaa guutuu irratti lolaye kun bilisummaa fi walabummaa Oromiyaatiif sonaan gumaacha taha. Amma irraa kaasee, Oromoon hundi: “BILISUMMAA OROMIYAA YOOKAAN DU’A” jechaa garuma fuulduraatti tarkaanfata. Uummata Oromoo du’aaf qopphaaye kana wanni duubatti isa deebisuu gonkumaa hin argamu.
Ginni bittee Habashaa uummata Oromootti ba’aa inni baatee deemuu hin dandeenye itti-fe’aa jira. Warri Wayyaanee karaa tokkoon, warri nafxanyoota moofaa karaa kaaniin uummanni Oromoo, eeyyee kitilli 46 kun waltuhuun akka finciluuf kakaasaa jiru. Jarreen kun uummata Oromoo irratti harqoota gabrummaa jabeessuu, madaa isaatti eeboo fi qoree nannaquu irra jiru. Jarreen sammuu fi safuu ilmoo namaatiin qullaa tahan kun kana gochuun waan qabsoo Oromoo laaffisu, itti-fakkaata. Oftuulummaa fi sanyummaan waan ijjeen isaanii jaamseef, homaayyuu arguu hin dandeenye. Wayyaanonni harka laateef nyaatan kun uummata Oromoo isa oggaa ginne bittee Amaaraa, beelaan isaan harcaase san afaanii of-fuudhee oldabarseef san akkuma dachee Oromiyaa irra miilli isaanii ijjateen akka diina isaanii isa tokkoffaatti ilaaluu jalqabani. Maali jeneraalli isaanii sunuu: “manneen hidhaa Afaan Oromoo dubbatu” jedhee mitii? Bara Minilik naazichaa sanillee, bara Dargii dhiigaa-xuuxaa saniillee manneen hidhaa akkanatti Biyya Oromoo keessatti heddumminaan hin ijaaramne. Oromoonni akkanatti biyyaa ofii irraa baqachuun addunyaa keessatti faffacayanii hin argamne. Laggeeni fi harawwan Oromiyaa akkanatti summeeffamnii hin beekani. Qotee-bulaan Oromoo akkanatti qeyee isaa irraa buqqifamee hin beeku. Minilikii fi Raas Dargeen harkaa fi harma Oromoo mummuratan sunillee araddaadhuma isaa irratti gabbaarii isa godhatan malee, akka Wayyaanotaatti qeyee isaa irra akkanatti hedduminaa hin buqqifne.
Raajii Waaqaa, safuu namaa Wayyaanonni kun, isaan bara ifaa bardhibbee 21-ffaa keessatti argaman, gita-bittee Amaaraa, Minilikii fi Raas Dargee faa isaan bara dukkanaa san, birdhibbee 19-ffaa keessa waan ilmoon namaa ilmoo namaa irratti adeemsisuu hin dandeenye san godhan wajjin akka walbira qabneetoo ilaalluuf nu dirqisiisaa jiru. Waraabeyyiin warra Wayyaanee isaan Gaara Suufii irratti intala Oromoo, mucayyoo waggaa 14 nyaatan sun kunoo amma Oromiyaa mara keessaa nu ciccirachuuf yuusaa jiru. Warreen gara bineeyyiitti of-jijjiiran kana tokkoomnee akka ilmoo namaatti dura goruu malee, harka walqabanee qabsoo bilisummaa keenyaa fiinsuu malee, filmaata biraa tokkoyyuu hin qabnu. Bosonni Oromiyaa baldhaa-dhaa, gaarrenii fi laggeen Oromiyaa danuu-dhaa, nuti Oromoonnis akkanuma danuu-dhaa tokkummaa keenya akka sibiilaatti jabeeffanneebakka jirru cufa irraa olkaanaan eenyumtuu nu dura ijaajjuu hin dandayu. Kan deemnuuuf jara humna qawwee ibiddaatiin biyya keenya qabatee nus, biyya keenyas ibiddaan waxalaa jiru kana ofirraa kaasufi malee, mirgaa fi haqa warreen biroo tokkollee tuquufii miti. Nuti kan deemnuuf, mirgaa fi haqa kan addaa tahe wayiitii otoo hin taane, mirga fi haqa ilmoon namaa cufti, uummannii fi sabni cufti qabuuf, waan taheef mararfannoo fi eebbi ilmoo nama marti nu bira jira. WAAQNI guddichii fi ayyaanonni inni uume hundi waan nu bira jiraniif, mowuun keenya kan gaafii keessa galuu miti!   
Duris, hardhas kan diina nutti tahe qabeenya fi leecalloo keenya. Duris Minilikii fi Raas Daargeen faa kan harma hadholii teenyaa, harka abbootii keenyaa cicciratan, ija ijoollee teenyaa bubuqqifatan dachee Oromiyaa gabbattu Waaqni gabbisee nu badhaase tana qabatanii, nummoo gabra taasifatanii, nu qochisiifatanii siree irra ciisanii sooramuufi. Jarri takkaa kopheellee keewwatanii hin beekne, jarri bututtuu malee bullukkoo fi kumala faa uuffatanii hin beene biyya keenya qawwee Faranjii irraa maqaa Kiristaanummaa isaanitiin argatan saniin qabatan gooftolii nutti tahanii kun waggaalee 140 mataa keenya irraa taa’aa jiru. Kunoo, bara akkaan dheera kana keessa, waggaalee baay’ee kana keessa: kan qotuuf, kan loluuf, kan barreesseefii afaan isaani guddisu, kan fiigee addunyaatti isaan beeksisu numa Oromoota. Oggaa diinni hamaan akka Xaaliyaanii isanittis, nuttis dhufe sanis kan isaan irraa ittisee deebise numa Oromoota. Wanneen gaggaariin nuti isaaniif hin goone hin jiru. Garuu, wanneen hamoon isaan nu irratti hin goone hin argamu. “Amma gayeen gayee dhaa, nu irraa bu’aatii of-dandayaatii miila keessan lamaanii dhaabaddhaa” jenneenii jirra. Qabeenya keenya saammatanii manneenii fi afaan ofii guddifatu. Isaan haaraan kun immoo, warri Waayyaanee muktii fi kursiinillee otoo hin hafin, saammachuun Tigraay isaan san ijaarratu. 
Amma qabeenye Oromiyaa kun uummata Oromootii oolu qaba. Oromiyaa keessatti Finfinnee Shaggar otoo hin hafin, afaan hojii fi afaan balaqqeessaa Afaan Oromoo tahuu qaba. Amma waan ijoolleen Oromoo Afaan Qawween nutti fe’ame, Afaan Amaaraa barattuuf sababni wayiituu hin jiru. Nuti kan barannuu kutaa tokkoffaa irra hamma unibarsitiitii Afaan Oromootiin tahuu qaba. Sana irratti Afaan addunyaalessaa, Afaan ingilizii ni baranna. Amma maal tahuuf, maal gocuuf afaan qawween nutti dhufe kana, afaan qawwee nutti qabamee baranna? Qabeenyi fi leecalloon Oromoo afaan qawwee kanaaf ooluu, gara afaan nagaatti, Afaan Oromootti deebiyuu qaba. Dhaloonni Qubee daggalraasaan kun dubbii tana sirriitti qalbeeffachuun duukaa-bu’uu qaba. Afaan Oromoo, Afaan Oromoo, Oromiyaa keessatti bakka hallettuu Afaan Oromoo!
Dhuma irratti wannin hedduu jabeessee Oromoota mara yaadachiisuu fudhu, waayee tokkummaa keenyaa ti. Uummanni baldhaan kun karaa hundumaa waltahuun tarkaanfachuu qaba. Uummanni Oromoo karaa maraan, bakka maratti ijaaramee, inni ijaaramee immoo walitti qindoomee, karaa maraan hidhatee, wal -hindachiisee tokkoomee gaafa oljedhe, humni isa cabsuu dandayu hin argamu. Kanaaf, mee bakka jirru hundattuu jabaannee wal haa jabeessinu! Iyya harmee Oromiyaa dhageenyee wal haa dhageessifnu!

Woyane Sentences Three Britons to Jail on Terrorism Charges

Note: Is this true or false? You judge from Woyanes’s past performance.
Two Britons have been jailed in Ethiopia over terrorism
Two Britons have been jailed in Ethiopia over terrorism
January 15, 2014 (Bloomberg) — An Ethiopian court sentenced three British citizens to prison after finding them guilty of trying to establish Islamic rule in the country through acts of “terrorism,” according to a Justice Ministry official.
Ali Adorus was sentenced to 4 1/2 years in Ethiopian prison, while Somalia-born Mohammed Ahmed and Ahmed Elmi were each given jail terms of four years and eight months, Fekadu Tsega, coordinator of the federal center of prosecution, said by phone yesterday from the capital, Addis Ababa.
“They were accused of trying to unconstitutionally change the government and introduce Islamic government in Ethiopia by terrorism,” he said.
Ethiopia, where Christianity dates to about the fourth century and is followed by about 60 percent of the country’s 94 million people, sent troops three years ago into Somalia to help African Union peacekeepers battle al-Qaeda-linked al-Shabaab. The group has since 2006 been trying to overthrow the government in Somalia and impose Shariah, or Islamic law, there.
The militants have threatened to attack Ethiopia in revenge for its military presence in Somalia, as they’ve done in other troop-contributing nations, including Kenya and Uganda. Al-Shabaab carried out twin bombings in the Ugandan capital, Kampala, in 2010 that left more than 70 people dead and raided a shopping mall in the Kenyan capital of Nairobi in 2013, killing at least 67 civilians and security personnel.

Terrorism Charges

The three British men were charged with contravening the country’s 2009 anti-terrorism law, Fekadu said. The prosecution and defense have the right to appeal against the sentences. Donors such as the U.S. and the United Nations have said that Ethiopia’s 2009 anti-terrorism law is used to silence legitimate dissent from journalists, opposition politicians and other critics of the state.
The men formed a militia in 2006 and first entered Ethiopia in 2011, Fekadu said. The court found they had links with a Yemen-based section of the Oromo Liberation Front, a group banned in Ethiopia that’s fighting for more autonomy for the Oromo, Ethiopia’s largest ethnic group.
Adorus, who was arrested in January 2013 in Ethiopia, signed a false confession under torture, according to Cage, a London-based justice group,
“Ali Adorus was brutally beaten, handcuffed behind his back for extended period of time, beaten on his hands with heavy wires, hooded, electrocuted and denied toilet access,” Cage said in a statement on its website, citing a UN petition. “Without legal assistance, the Londoner eventually signed a false confession in Amharic, a language he does not even speak.”
The U.K. Foreign and Commonwealth Office has provided consular assistance to Adorus, a spokeswoman, who declined to be identified in line with policy, said by phone from Londonyesterday, without providing further information.
The mobile phone of Communications Minister Redwan Hussien didn’t connect today whenBloomberg News called him for comment, while Shimeles Kemal, state minister for communications, didn’t answer a call to his mobile phone.

Filannoon Dharaa Mirgaa fi Bilisummaa Hin Fidu, Jechuun Daraggoonni Adaamaa Kardii Filannoo Lagatan.

Gabaasa Qeerroo Adaamaa,Amajjii 16,2015
Qeerroo vivaFilannoon baranaa uleedhan fudhatamuuf jira jedhu jiraattonni magaalaa Adaamaa fi naannawa ishee tokko tokko akkuma beekkamu filannoo bara kana adeemsifamuuf mootummaan Wayyaanee lafa jala yaalii akka hin moo’amneef olola garagaraa magaalaa hanga baadiyyaatti taasisaa jira.
Yeroo kana immoo ummanni kaardii filannoo akka fudhatuuf dirqamaan mana manarra deemee fudhachiisaa jira achumaan duula na filadhaa jedhus taasisaa jira.Sababuma kanaan dargagootni naannawa magaala Adaamaa kaardiin keessan mirga ykn bilisummaa nuuf hin fidu kaardii kijibaa hin fudhannu jechuun didan ,ergamtoonni mootummaa wayyaanes dargaggoota kaardii fudhachuu didan isin ilaalcha addaa qabdu jechuun ganda keessatti doorsisaa sodaachisaa akka ummanni kaardii dirqiin fudhatu taasisaa jiratan illee dargaggoonni lagataa jiraachuu Qeerroo gabaase. Ummannis sodaachisuu fi doorisaan kaardii mootummaan nutti hiru mirga dimokoraasii fi bilisummaa sabaa waliin waan wal hin ilaalleef gochaa abbaa irrummaa kana dura ni dhaabbatna jedhanii jiru.

Thursday, January 15, 2015

Ethiopian Opposition Faces Difficulty in Entering Upcoming Elections


Ethiopian opposition parties say they are facing roadblocks in their efforts to register for the May elections. The parties say the National Election Board is complicating procedures for no good reason, and raising doubt that the elections will be free or fair.
The Unity for Democracy and Justice party has the only opposition member in Ethiopia's 547-seat parliament. But it is unclear if the party will be allowed to participate in the May elections, as the National Election Board has rejected UDJ logos.
Wondimu Golla of the National Election Board said it was not about the logos, but about procedural rules.
“According to their bylaws it says, the president of the party shall be nominated or elected by the general assembly. But they nominate by some few persons, the high officials there. So we oppose this. They have to strictly follow the bylaws, their own bylaws,” said Golla.
The National Election Board has given UDJ two weeks to organize a general assembly, and if its conduct is approved the party will be allowed to participate in the May elections. But the UDJ has decided to not hold another general assembly.
UDJ vice chairman Girma Seifu -- the only member of parliament not affiliated with Ethiopia's ruling party -- said the election board's actions were not justified.
“They do not have any legal ground or moral ground or administrative guideline to do these things. Because this is just an interference just to put a block on our active participation in the election,” said Seifu.
Voter registration in Ethiopia began last week and up to 60 parties may run for seats in the upcoming elections.
The Blue Party, formed in 2012, will be contesting elections for the first time. Blue Party chairman Yilkal Getnet said he was pessimistic about the elections as the party has repeatedly and unsuccessfully tried to work with the election board on certain issues.
"They are reluctant, and they did not give us any positive report or signs to improve these things. We did not get any signs that improve the political climate. Now for the coming elections to be free and fair we need to discuss about the political climate, to have a free media, to have international observers to observe the election, and including the budget sharing systems, and so on,” said Getnet.
During the 2005 elections opposition parties won about a third of the seats, but accusations of vote rigging led to mass demonstrations in which at least 200 protesters died and thousands were arrested.
The ruling Ethiopia’s Peoples Revolutionary Democratic Front has been in power since the overthrow of the military junta in 1991.