Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Wednesday, January 7, 2015

Geerarsaa


xixiixaa korra muka abbaan dhaabee hin jaalatu
Ilmaa xiixee guddaatee abbaan dhalchee hin jaalatu
Sii muruu ree yaa qooboo yaa qooboo afaan karra
sii furuu ree yaa Oromo yaa Oromo afaan damma
caakaa Jibaati walaakkaa Birbirsaa gudda jira iddaa tuu maarsee malee
Garra Qeerroo walakkaa onnee dhirra tuu jira diinatu  rakkiisee malee
lammataa qawwee hin bittu birri tokko taatulee
lammu OPDO hin ammanuu firra kankoo taatulee
Sabona ammantee hin dhabuu Majjoo Baqoo taatulee
gatirra muka siilki kani barritti oodeesituu
naa dhukkubee garran koo kani haarin bobeesituu
Eedaa dhaaladhee hin teenyee
lafa garra koo hin geenyee
jiduu kana qurquurra
akka masii gurguurra
irraa gaddee tokkoosee jajabaa seene laata
mirgaa malee fookooreen tajabaa seene laata
Bishaan fagaatee badee ooliqaa dhagaa tti galle
Soleesi hoo achii dhugaa dagaagaan maali godha ree
mirgoo fagaatee badee daari Maaji too galle
Saboni achii dhaqaa Opdon maali godha ree

No comments:

Post a Comment