Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Friday, January 9, 2015

MUU JALDEESSA

Kuunnoo gama sanaa
ga’eee jira makarri
Ati hojii dheensitaa,
Asumaa raammoo guuri
Ormi obbolaa kee hacuuceet
Kan fedhe keessaa qabata
Of wallaalchisee ka’eet
Bara itti dabarfata
Ati hanga inni deemutti eegdeet
Waan siif dhiise funaanta
Fakkaattiin kee ari’ee qabeet
Qalee, diimina muree nyaata
At’ teessoo kee garagalchiteet
Icciitiisaa gad diigdeet
Lubbuu jala jiru ofitti dhudhaata
Of baqataa halbaadhessa
Sin tuffadhe yaa dabeessa
*****      Of hattittii muu jaldeessa      *****
*Galaanaa Dheeressaa Jootee, 2014 G.C

No comments:

Post a Comment