Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Sunday, January 11, 2015

Waggaan Haaraa fi Guyyaan WBO Yuuniversitii Hawaasaa Mooraa Awaadaa Keessatti Kabajame.

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Hawaasaa
Gaafa Amajjii 1,fi guyyaan WBO sababa godhachuun Sabboontonni barattoota Oromoo Yuuniversitii Hawaasaan gaafa guyyaa  Amajjii 07,2015 haala hoo’aa ta’eenkabajamuu Qeerroon Yuuniversitichaa gabaase. Guyyaan kunis yaadatnoo gootota Oromoo qabsoo irratti wareegamanii barattoota bara dabre Yuunivarsiitii Oromyaa keessatti WAYYAANEEdhaan dhuman sababa gochuun kan eegalame yoo ta’u,qabxiilee ijoo ta’anhedduurrattis mari’atameera
1. Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gahee barattooti Oromoo qaban.
2. Barattooti Oromoo uumata bal’aa keessatti gadi bu’anii akkaataa dammaqiinsa falmata mirgaa kennamu.
3. Tokkummaa barattoota Oromoo darn cimsuu
4. Bifa dandayameen filannoo dharaa Wayyaaneen gaggeessuuf deemu dura dhaabbachuu.
Kanneen jedhan irratti bal’inaan marii gochuun kabajaa guyyaa WBO nagaan xumurachuu qeerroon gabaasa.

No comments:

Post a Comment