Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Monday, January 5, 2015

Godinaalee Oromiyaa Garagaraa Keessatti Uummanni Ajaja Wayyaanee Lagachuu fi Fesheleessuu Eegale‏

Gabaasa Qeerroo  Amajjii 5,2015

diddaa9Godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti ayyaanni jijjiirraa bara haarawaa fi guyyaan WBO Amajjii 1/2015 haalaan kabajamee jira. Gabaasoti Qeerroo kallattii Oromiyaa gara garaa irraa kan dhaamamaa jiru akka ibsutti.  Waggaan haaraa Amajjii 1 fi guyyaa WBOn  uummata Oromoo birattis kan durii caalmaadhaan beekamee barattootaan, hojjetootaan, qonnaan bulaadhaan, caasaa opdo keessaallee uummata Oromoo waliin kan hiriiraniin haala hoo’aadhaan kabajamee darbe.
Walumaa gala kabajaan guyyaa kanaa bara kana mootummaa Wayyaane biratti mufii fi aariin bakkoota gara garaatti humnoota tikaa bobbaasuun yerootti uumata adamsaa turan muldhata. Wayyaaneen uummatni Oromoo duukkaa akka hin jirre yeroo hubatee naasuu guddaadhaan guutameedha yeroon kun, Oromiyaa godinaa hanga gandaatti kan mul’atus ijoolleedhaa hanga abbootii Oromootti Wayyaaneen galafaataa, gabroonfataa, ajjeesaa tahuu isaa caasaa mootummaatti ifaa ifatti yeroo itti baasanii dubbatanii fi waajjiraalee, manneen barnootaa, buufata fayyaa, bulchiinsa magaalota garagaraa fi naannoolee isaanitti barruulee mootummaa Wayyaanee abaaruu fi dhaadannoolee uummata Oromoo jajjabeessuutu mul’ata, kunis caasadhuma OPDO keessaa qabaniin kufaatii mootummaa Wayyaaneef warra yaadda’an irraa gara mootummaatti gabaasa tahu irraa Wayyaaneen waan dhagayuuf haala uummata Oromoo yeroo ammaa irra jiru ilaalchisuun keessattuu ayyaanni guyyaa WBO kan miillanaa kun uummata Oromoo biratti haalaan beekamee waan jiruuf akkuma beekames kabajamuun isaa ifatti waan mul’ataadha. kanumaan wal qabsiisuudhaan:-
Godina wallagga lixaa, Gimbii, Najjoo, Dambi Doolloo, Anfilloo, Jimmaa Horroo, Aayira Gullisoo, fi buufata manneen barnootaa keessatti caasaa OPDO  irraas amantaa waan dhabeef, humna waraana isaa keessaa kanneen sabaan Oromoo hin taane filee gara kanatti erguuf karoora keessa galchee jira jechuun odeessaan qaama mootummaa keessaa bahe nu gahaa jira. naannolee kanatti guddaa kan shakkee jiru yeroodhaa yerootti kan gabaafamaa ture uummanni ilaalcha ABOn dhugamee, ajaja ABOtiin socho’aa jira malee mootummaadhaan miti, fincilli ka’uun dura caasaa OPDO irraa abdiin waan hin jirreef humnuma waraana isaa keessayyuu kan sabaan Oromoo hin taanetti fayamuuf akka jiru qophii mootummaa Wayyaanee gama kanaan dursee odeessaan ibsa.

No comments:

Post a Comment