Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Monday, September 29, 2014

Tesfaye G/Aab, becomes Gadaa Gebreab

By Rundassa Asheetee | September 29, 2014
10705012_372746786216163_2090887046_n10350448_10152698850304356_1604235575277038992_n
Yesterday September 28, 2014, Tesfaye Gebreab changed his name to Gadaa Gebreab before thousands of people in Washington Dc, USA. Of course, Tesfaye never considered himself stranger but an Oromo. He (Gadaa) has written books on Oromo more than most Oromos and he has attended many conference sessions related to the Oromo political matters. Further, there is absolutely nothing in this world that Tesfaye hasn’t done to bring comfort and happiness to his people, the Oromo, as much as his power permitted him. Tesfaye Gebreab has depth of knowledge of the Oromo history and culture and he has already achieved a lot when it comes to telling the Oromo story.
Any way, there were thousands of Oromos who attended the Hammachisaa ceremony and changed their names to Oromo name. Among them was a young women named Mesert and four more who were able to change their Amhara names to Oromo. According to the person who informed me of the situation, because of lack of time, the name change request was postponed to next year. Since there were many kids who have gone through the Hammachisa process, the individuals in charge of the process didn’t have enough time to cover as many people they wished to help with the name change and with the Hammachisaa process at the same time.
It is interesting that the Oromo identity is finally pulling itself out of the cloud of religious domination and intense struggle from the Habashas who fought so hard to keep the Oromo people under their oppressive and rude culture. Even though many religious sects still seek to add each Oromo to their flock, wise and matured Oromians seem not too impressed by these theological turmoil hungry to grab those who have doubts about their identity. In the past, the Oromo people found themselves in the heart of these religious revival and gave in but now things seem clear to the majority and thus they are coming back to their senses.
True, still there thousands who dance to the tune of the Western religion, not because they believe that God lives in America but just to make a good living. Yet, now time is different and those Oromos who share their feelings and testimonies that a degraded life doesn’t worth living, they are showing a desire to rejoin their Oromummaa.
As to Tesfaye Gebreab, he too has endured serious persecution by the TPLF and the diaspora Amharas who hated him for writing the truth about the Oromo people. Like any of us, Tesfaye was raised inside the Oromo cluture and that is the binding link between all of us and it is what is going to be the binding covenants among us all as families of the larger Oromo society.
Congratulations! Gadaa GebreAb!
Rundaasaa Asheetee ti

Saturday, September 20, 2014

Maalan Himadha…..?

Duubee Bilisaarraa | Fulbaana 20, 2014
Akka sadarakaa/ life expectancy/ Afirikaatti umriin jiraachuu danda’u keessaa 2/3 fixeen jira. Gabaabaatti haraka 3 keessaa 2 gubeen jiraa jechuu dha.Ammaan achi yoo akkam baayyate kanan lafa kanarra jiraadhu waggoota kurna lama hin caalu!.Umriin waa heddu keessatti hojjechuu danda’u, umriin dargaggummaa, umriin qeerruummaa koo, umriin waanan barbaade ari’ee qabu, dheessees jalaa bahuu itti danada’u nagatee sokkeera/kuteera. Umriin akka ibiddaa laboobu;inni fuudhanii itti dhalchan, inni hojjetanii itti durooman,umriin baratanii hayyuu itti ta’an kunoo osuman ilaaluu nadhiisee tare.
Ooooo…..! Dargaggummaa! Oooooo..! Qeerrummaa! Essattan argee sideebisa… essattan argee dhiifama sigaafadha!? Bara dargaggummaa yeroon humna qabu, yeroon qeerroo ture; qotee mindhaan Gumbii guutee gadadoo keessaa hin bane, daladalee kuma hin lakkoofne, bardhee hayyuu hin taane, Ilma goota dhalchee “abbaa abaluu” hin jedhamne, O…. Umrii tooooooooo….. umrii faayidaa malee kutte…! Akka hir’oota kootii dirree qabsootti aragamee diina kuffise hin kufne, saba kootif jedhee shafoo diinaatin hin dhiitamne, rasaasa diinaatin hin madoofne, mana hidhaa diinaa seenee saba kootif jecha hin beeloofne, hin dheebonne, iddoo tokkottuu maqaan koo galmee gootota Oromoo keessa hin jiru. kunoo Osuman burjaajwuu fi ergaramuuumriikoo keessaa harka lama bilaashatti daaressee gadaa xumuraa eegaleera.
Ani bade…..ilma dhiiraa…! Dhalate… jiraate…. Du’e….!nama ta’anii dhalatanii akkas tahuun nama hin gubu/ nama hin waadduu …? Nama hin qaaneessuu..maalifan dhaladhe nama hin jechisiisuu…? umrii……. bilaashatti bade!
Ennaan Raadiyoo SBO jedhamu dhaggeeffadhu, ennaan Televiziyoonii OMN jedhamu daawwadhu, yeroon Raadiyoo Sagalee Oromoo jedhu caqasu, gaafan Raadiyoo Afuura biyyaa fi Sinbirtuu jedhaman ordofe, Guyyaan Marsaa ABO saaqee ilaale, waytan marsaalee ONA/ Oromo national academy/,www.gadaa.com,www.ayyaantuu.com,www.qeerroo.comsaaqee dubbise; baroonnin ani jiraadhe,umriin ani jiraadhe jedhee himadhu baroota akka Hurrii muldhatanii daraban, umrii deebi’anii qabuu hin dandeenye, yeroo bilshatti gubate ta’uu na hubachisu. Caalaattan jireenyin ani jiraachaa ture,jireenya gatii hin qabne akka ture naaf mirkaneessu. Raga natti bahu! Iyyanii… halakan hirriiba… guyyaa teessuma na dhorku…….gaafii walirraa hin ncinne akkan of gaafadhu nataasisu..?!
Ooooooo…..jireenya koo ….!!! jireenya akka bishaanii yaa’ee darbe..! Wantiin ani miidiyaalee kanarraa caqasuu, Ordofuu fi dubbisu hunduu jaagamaa akka kiyyaa kana saaxiluuf kan dhaabbatan natti fakkaatu. Nama akka kiyyaa isa umrii isaa Aduu oo’ifachuun waadee fixe ilaala baasuuf kan muratanii ka’an natti fakkaatu. Yoon miidiyaalee kanarraan gootoota isaan dhiheessan argu, sagalee dhagahu, seenaa isaanii dubbisu umriin odoon asiif achi deemee odeessuu fi taa’ee muguu dabarsetu ija dura nadhufa.
Gaafan oolmaa goototaa karaa miidiyaalee kanaa tamsa’an caqase, Ordofee fi dubbise halakan hirriibni naqqabu, wareeratan bula. Miidiyaalee kana akka carraa ennaan bane seenaa gootota Oromootan arga, seenaa gootoota Oromootan dhagaha. Seenaa Gootota Oromootan dubbisa. Seenaa isaanii kana jireenyan dabrse waliinan wal bira qabee ilaala. Guyyaa kana; biiftuun naaf hin dhiitu,midhaan naaf hin nyaatamu. Miizana goototaarra ennaan of kaa’u Giraama takkalleen guutuu dadhab. Amma Huubaalleen ulfaachuu dadhaba!, Gaaf… gaaftaa’eetan“ani eenyu…, dhuguma ani namaa…?jedheen of gaafadha, namummaakoonof shakka! Deebiseen ammoo “kunoo nama taanan kottee lamaan deemaa mitii? Jedheen of jajjabeessa!. Yoosuun ammoo deebisee “ergan nama ta’ee maafan akkuma gotota Oromoo seenaan isaanii karaa midiyaalee adda addaa tamsa’u kana; kiyyas “Gooticha Oromoo iddoo akkanaa fi akkasiittii diina osoo falmuu diina kuffisee kufe” jedhamee guyyaa tokoofilleen ta’u, guyyaan haa hafuu sa’aa tokkoofilleen ta’u, Sa’aatumtuu hafee daqiiqaa takkaafilleen ta’u leellifamuu dadhabe….? Maafan gooticha seenaa hojjete jedhamee hin faarfamnee…” jedheen deebisee of tuffadha!.
Afaan tabba hin qabuufan jedha malee maaltu lafa duwwaatti nama faarsa jettaniitii…? Ani bakka goonni oolu oolee hin beeku, umriikoo harka lamaa fi sanaa ol kanan fixe gatii malee dha, oduu fi Aduutti! O!……. Umrii too … Jaagamuu malee kan firiin irraa hin argamin…….! umrii akka dhadhaa ibidda buu’ee baqaxee bade!…Umriibadheetti nagattee sokkite! O!……….umrii lammii hin ta’in, umrii anaa hin tain……..Lammata eessattan si arga laata…..? “…..Maal osoon godhuu nadhiiftee kutte..?” jedheen himadha laata..?
Maal godhu….“Eegee fi gaabbiin booda oolti !” jedha mitiiree Oromoon yoo mammaaku! Anis akkasuman ta’e.!  Baradhee barnootaan ummata koo hin gargaarre…., qotee gumbii guutee ummatakoo beela hin baafne, ilma lammiif tajaajilu dhalchee abbaa abaluu hin jedhamne, dirree goonni itti aragamutti argamee goota waliin diina kuffisee hin kufne,
O….! kuni “ani ilma Oromooti” nama jedhuuf qaanidha! Akkamittan qaanii kana keessaa baha laata..yaa lammiikoo….?
Osoon akka gootota karaa SBO, OMN arginuu fi dhageenyuu, osoon akkuma gootota Oromoo seenaa isaanii karaa weebsaayitiilee Oromoodubbifnuu umriikoo bilaashatti gube san keessatti seenaa xiqqooshii saba koo; ummata Oromootif dalagee jiraadhee har’a silaa nama qaanii hin ta’uun ture. Osoon akka gootota sanii kuffisee kufee jiraadhee, osoon diina tokko madeessee hidhamee jiraadhee……., Osoon gaaf tokkoofilleen baqataa Oromoo biyya ambaa keessatti Cabbii, Roobaa fi Aduu keessa ejjetee mirga Oromootif falamu waliin falmee jiraadhee galmee gootota Oromoo keessatti maqaan koo katabama ture. Ilmoon, ilmoo kootituu maqaa kootin boonti. “Abbaan isaa….., Akaakayyuun isaa…… goota Oromoo bilisa baasuuf diina kuffisee kufeedha jedhamti turte!!!
………Maal godhuree ani bakka goonni oole, oolee hin beeku! …………………….Daandiin irra deemaa as gahee duwwaadha! Gaafan seenaa gotoota Oromoo bilisumma Oromoof jecha qaamaa hirdhatan, dhigni isaanii dhangalahe, eessa buuteen isaanii dhabamee fi diinaan mana hidhaa garagaraatti dararamaa turanii fi jiran arguu fi dhagahu; Anaa fi gootota bilisummaa Oromoof kuffisanii kufaan kan gidduu garaagarummaa jirun safara. Ani hubarra salphadha, baalarran haphadha. Umrii koo ciisee -ka’uutti fixuun koo na guba….., nawaadda…,Nagaabbisiisa……,Afittan qaanawa….! Halakan hirriba keessaa nadamaqasa….na tabraarsisaa bula. Afuurri tokko dhufeet “deemsa gatii hin qabne….., jireenya burjaajawaa, umrii seenaa malee dhumte…..ammas numa rafataa … hin kaatuu …? naan jedheet ija natti babaasa…., takkatuu ammoo natti kolfee badheetti nagatee Farad isaa Daamaa yaabbatee gulufee ilaala qaari’a.
Afuurri habjuu fakkaatee anumaa gadi ciise galagala yeroo maraa natti dhufee na weerarsu kun irra deddeebi’eet “Qabeenya kee qabsoo bilisummaa saba keetiif hin gumaachitu…! Beekumsa kee hin qoodne…..! Humna keetin hin hirmaattu.. Diinatti rasaasa takka hin dhukaafne….!….. sabboontoota waliin hiriira baatee diina balaaleffattee hin beektu!…. Ati eenyu …nama akkamiitii…?akkamittii dhiigini saba keetii kan diinaan dhangalahaa oolu sitti hin dhagahamne ………?Boruu sigaabbisiisa….! Gaafa ummanni kee bilisoome maal himatta….? Eessan ture jetta..? Umrii kootti maalan saba kootifi dalgae jette ilmoo keetti himta…?Ani Oromoo dha jechuu keetti qaanawuu qabda……!…..Ka’i hin ciisiin ….. dammaqi….bakka goonni oolu, ooli, …….kan darbeetti gaabbuun siga’a…ka’i amma! ….falamadhu mirga kee…..yaadadhu lammiikee…..Jedheet……Farda isaa Daamaa; isa allaattirra kaatu yaabbateet nagaattilleen osoo naan jedhiin nadhiiseekuta! O…….ani cinqamee du’e…! mee maal naawayya lammii koo..? mee maal haa godhu… maal nagorsitu…? Guyyaa Midiyaaleen Oromoo kun…., halakan ammoo abbaan farad daamaa kun hirriiba nadhorkaa jiru , mee akkam haata’u..?

Monday, September 15, 2014

Hawaasni Oromoo Magaalaa Stockholm Keessaatti Qophii Ayyaana Irreechaa fi Gargaarsa OMN Gaggeessan

Hawaasni Oromoo Magaalaa Stockholm Keessaatti Qophii Ayyaana Irreechaa fi Gargaarsa OMN Gaggeessan


Fulbaana/September 13, 2014 Stockholm, Sweden
Fulbana, 13/2014, hawaasni oromoo biyyaa Sweden magaala Stockholm keessatti qophii kabaja ayyaana Irreechaa fi qophii gargaarsa Oromia Media Network (OMN) haala bareedan gaggeessan jiru. Qophii kana irratti hawaasni oromoo  Sweden, Norway, fi Denmark irraa baaynaan irratti hirmatani jiru. Qophiin Ayyaanni Irreechaa, magalaa gudditti Sweden, Stockholm baka Lötsjö (Sundbyberge) jedhamutti sa’a 10:30 hanga 12:30 kan gaggeeffame yoo ta’u, itti aansudhaan aada Irreechaa fi barbaachisumaa aada oromoo guddisuu ilaalchisee, akkasumaas barbaachisumaa jarmiyaa haawaasa oromoo ilaalchisee barumsi fi mariin baldhaan gaggeeffame jira. Qophii kana irratti baachisummaa miidiyaa cimaa fi haala OMN ilaalchisee ibsi kennamee jira. Qophii kana milkeessudhaaf dubartoonni oromoo Stockholm jiran hirmaannaa guddaa godhani jiru. Qophii kana irraa galiin argamee hundi OMN akka oolu kan godhame yoo ta’u dabalataan OMN jabeesudhaaf hawaasni deeggarsa addaa godhee jira. Galgala guyyaa kanaa, Artist Hayluu Kitaabaa hawaasa gammachiisudhaan qophiin kun daran akka bareedu godhee jira.


Sunday, September 14, 2014

Less free people are less productive

By Alemu Hurissa | September 14, 2014
oromiaThere is no question about how much freedom and justice are important for an individual, a society and country. I also believe that no one would argue except Tigrayan People’s Liberation Front (TPLF) and its satellite Oromo People’s Democratic Organization (OPDO) and others who have gained benefit from corrupting TPLF regime, about the importance of democracy, freedom and justice for peace, stability and development for one country.
For example when someone starts business may be after he/ she got economic assistance from relatives or close friend, then the TPLF regime put him/her under what woyane is called qorannoo/investigation and one woyane cadre will be assigned to follow after him/her, finally that person will be accused or condemned of being a supporter or member of Oromo Liberation Front,OLF with no proof whatsoever, just for the only reason that the individual background is from Oromo ethnic group and because of this false accusation his/her property will be confiscated and the person will be arrested. No way to come back for this innocent Oromo person to continue his/her business again and he/she will be no more productive. According to the law of the country, everyone has the right to run any kind of business if not contradict the constitutions of the country and also will be treated with the same respect and given equal value whether he/she is from Oromo ethnic group or other tribes. But what we have seen the last 23 years is that it is only Tigray people who have the right to run any kind of business. Which means in this case repression and discrimination by TPLF regime and its members continued against Oromo and other people. On other hand this is one of the causes for people not to do what they want freely and we,Oromos and other nations and nationalitities who have been oppressed by TPLF have to fight to stop TPLF favoring only one group, which is the Tigray people.
Another example is Mecha and Tulama Self-Help Association which is named after two of the major Oromo clans Mecha and Tulama. It was established in 1960’s as a self-help club dedicated to promoting Oromo self-identity and improving the lot of the Oromo.(From Wikipedia) The Association’s office has been closed many times, their leaders have been arrested and the organization property and documents have been confiscated by making false accusation that the organization had link with the OLF without having any proof. As I a clip from Wikipedia explained The Macha- Tulama association is formed just to assist any Oromo who need help, it has nothing to do with OLF which again TPLF regime proved for Oromo people that the Oromo people have no freedom and right to form association.
The question is how can we stop TPLF from favoring only one group?
If anyone wants to bring a meaningful development and sustainable future stability for the people who are hunger for freedom and justice in Oromia and other regions, we must stop TPLF from favouring only one group. All oppressed nations and nationalities should be united in struggle against TPLF regime and establishing a true democracy in Ethiopia by overthrowing the TPLF government which is the only alternative.
They are many true Oromos who concerned about the suffering of innocent Oromo people but few Oromos by overlooking the tyrannical repressive state of TPLF have been cooperating with the corrupt TPLF regime just to have a good life.This is a very few example among the reasons why Oromo people are not productive and which in fact the main causes for many of them to live under difficult economic situation. If a person is an Oromo and not collaborated with repressive TPLF regime, then whether the person is an educated, a farmer, business man, or old has no possibility to do freely his/her work.
They are many educated Oromo who would have made a huge difference in Oromia and left the country to save their livies. On the way to flee the country, many of them have been eaten by hyena and other wild animals and some of them also were drowned in the sea before they arrived their last destination. These bright Oromos are among those who could change Oromia to a better level socially, economically, politically, not only Oromia but who could also lead the whole Africa to a better level in many ways, because they are people who left homeland with massive human resources and became productive resources in developed countries.
Most will agree that this is one of examples among those factors which make people less productive.
No one is denying the massive sufferings that the Oromo people have undergone for many years and now TPLF also want to treat us as slave as Ethiopian Empire and Abyssinian rulers did some years ago. Today many Oromo University students have been dismissed from their study, beaten, tortured and even killed, on the same fashion, Oromo farmers have been evicted from their garden and farm, tortured by TPLF security forces and Cadres. It is enough to watch a video clip from interview of Ermias Legese who was former Minister D’etat in Information Ministry for 12 years in Ethiopia by Ethiopian Satellite Television journalist.
One thing must be clear for TPLF that the more pain and suffering Oromo people went through,no matter how it is painful, it makes us more strong to resist against the brutal regime of TPLF and our Qeerroo/young generations are also fully determined to pay which they have already started, whatsoever price to protect and set free Oromia from TPLF neocolonialism.
People are mentally destroyed of being afraid of TPLF’s shadow, citizens instead of thinking to create better life and future they are busy in thinking for the security of their lives which in fact it makes people to be less productive. However all these problems and difficulties will never stop our struggle for freedom and justice. So instead of waiting until Woyane completely destroyed our people, get our struggle started with doing the most task to achieve our goal which is freedom.
What I have tried to address all oppressed people is  how lack of freedom makes people less productive, the one who caused this problem and what needs to be done to resolve this problem. So I urge all Oromos and other people who are subjected to subjugation to be united and stand with our Qeerroo/Young generation in our common struggle against our common enemy,The Ethiopian People’s Revolutionary Democratic Front/EPRDF and its members in order to bring freedom and justice in Oromia and other regions so that our people become more productive rather than less productive

Thursday, September 4, 2014

DAANGAA DARBE

Meeqan miidhamaa? meeqa, meeqataman miidhamaa meeqataman onnee madeeffamaa? meeqataman ganama meeqan gaddarbamaa meeqanan dhidhiittamaa? waraabeessi ana nyaatu ykn qorkee nanfixuu yookin tuffatees nan gatuu kiyya kuni anumaa raajee kanatu soora sarees waaje. meeqan abdadhee meeqan ganamee meeqan jaaladhee meeqan jibbamee dhuuga dhuugatama dhibba kumataamaa onneen na bokoktee gammachuun dhiitoftee lapheen na xillibbooftee gammachhuun qacaaltee abdiin guuttamtee egere qaba jettee daddee gammaddee halkan abjuun aaddee kolfitee bohaartee nam.guutuu nagootee nawaliin bashaantee keessoo olee kootii sadoodhaan habuurtee dada koorra dabartee keenyaf faloo taatee irbuudhaan garmaamte. Ani meeqa meeqan ganamaa meeqa meeqan jaalladhee meeqatamaan jibbamaa? abaarsamoo eebbaa maaltu fura dhaaqaba maaltu dawaa,maaltu furmaataa maaltu hiikoo fidaa? sardas dhabu dhawaata maaltu irraa na oolchaa du'a,dhaba awwaalchaa? Imimmaan koon coba akkasumaan na soba, akkaa adaammii ollaa hagamsaa xuqaatu dhiddhiigsaa. utuun inbeekinin yaadumaan collooqsaa kunoo namni hin arguu keessoo koottan jijjigsa dhageettis hin qabu koo akkasumaan coccobsa. hin qooru ijjiuu cimmantee walitti duuftee cuunnoftee ciniintee inbooha inbobboohaa falasaatu dhibe kan tahu waan falaa anoo guuteen hafe qofaa guutee guuteen qeenxomaa jaallee jaalleen jibbamaa

Wednesday, September 3, 2014

MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA : Kutaa Jahaffaa

Taammanaa Bitimaa irraa | Fulbaana 3, 2014

DURADUBBII

Jalatamoo fi kabajamoo warra barreefata kana duukaa-buutanii jirtan, mee waan hundumaa duran nagaa fi nageenya isiniif hawwa!  Barreeffamni kun isa xumuraa tahuu isaan dursee gurra isin buusa. Barreefama kana kutaa-kutaatti qoqqooduun isiniif dhiyeesseen jira. Erga kutaa shanaffaan isiniif dhiyaatee asillee, duulli Minilikoonni bardhibbee 21-ffaa nu Oromootaa fi biyya teenya Oromiyaa irratti banan sun homaa hin dhaabanne. Sirumaa nafxanyoonni Amaaraa fi warri Wayyaanee walcinaa goruun, qonnaan-bultoota keenya qeyee fi oobruu isaanii irra buqqisaa jiru.
Barreeffama kana kutaa tokkoffaa keessatti gaafiin: “MINILIKOOTA? Eenyu isaan?” jedhu kaafamee ture. Deebiin isaas achuma irratti waan kennamee tureef, mee amma dubbii qulqulleeffachuuf as irratti haa kaafnu. “Dursee Minilikoonni as irratti ka’an kun namoota laalleewwan (informeeshina) dhabiisaan, itti-yaada dhabiisaan yookaan lafumaa ka’anii onnoomudhaan: “Minilik, Minilik” jechuun Minilik naazicha Afrikaa sana faarsanii miti. Minilikoonnin ani baanu kun Habashoota Amaaraa keessaa garii kanneen yaada Minilik Lammaffaa amantii fi baruyaa (idolojii) godhachuun alaa-manaa nutti wacaa, arrabaa fi qalamaan nutti duulaa jiran kana. Isaan waraana fi duula hamaa fi kan hammeenyaa, jibbamaa fi jibbisiisaa kanan: “waraana qulqulluu” jedhaniiti jiru. Jarreen kun namtokkeewwan asii fi achi cecceyaa jiran wayii otoo hin taane, warreen: gareewwan  taliigaa dhaddhaabbatan, gaazexootaa fi kitaabeewwan maxxaansuun raabsatan, weebotaa fi biloogota kukurfeeffatan, paaltokii fi maaltokii wawaammatan, raadiyoolee fi fago-muldhiftuuwwan (tiibiiwwan) babbanachuun “waraana qulqulluu” isaanii kana: uummata Oromoo, saba Oromoo fi Oromiyaa irratti dabraniis uummatoota Kibbaa maraa fi biyyota isaanii mara irratti oofaa jirani.
Erga barreeffamni kanaa olitti tuqame ifatti bayee asii, “waraanni qulqulluun” muummiyyeewwan (illiitota) Amaaratiin labsame kun, homaayyuu hin dhabannee caalayyuu itti-fufee jira. Waraanni fi duulli alaa-manaan warreen kanaan oofamaa jiru kun, kunoo amma duula afaanii fi sagalee bira dabruun gara duula irree fi eebootti ceyeeti jira. Kun eessattiii fi akkamitti akka tahe, barreeffatan waayyee “Buqqifama Oromoota Shaggarii fi Naaannoo IsaaKutaa Shanaffaa” keessatti dhiyeesse tokkon mee as irrattis isiniif tuqa:
Nafxanyoonni fi jalaa-jaleewwan isaanii kunoo Oromoota irratti duula afaanii bira kutaanii, duula irree fi eeboo jalqabaniitoo jiru. Fakkeenyonni lamaan: inni magaalaa Biyya Amaaraa, Baahir Daari-tti namoota ispoortii Oromoo irratti tahee fi inni barattoonni Amaaraa magaalaa Oromiyaa Kibbaa, Shaakkisoo-tti adeemsisan nafxanyoota haareyyii fi moofeyyii kan qullaa isaanii dhaabee maalummaa isaanii nuu fi addunyaatti agarsiisu! Seera Toopphiyaa isa amma jiru keessatti, naannoleen saglan alaabaa naannoo ofii fi kan Toopphiyaa fannifatu. Oromiyaa keessatti alaabaan Oromiyaas, kan Toopphiyaas walcinaa kaayamu jechaa dha. Ijoolleen Amaaraa isaan magaalaa Shaakkisoo, mana-barumsaa oliyyaa keessaa garuu, oggaa alaabaan Oromiyaa fannifamu itti-qoosuu, itti-wacuu fi arrabsuu bira dabruun buqqisanii darbachuuf itti-ceyani. Kana irratti kan walitti-bu’uutiin barattoota saboota lamaanii jidduutti jalqabame. Ijoolleen Amaaraa miskiinonni kun hubaatii (“victim”) baattuuwwan “PHD”, “MA” fi “BA” warra Amaaraa tahan jechaa dha. Nama sammuu fayyaalessaan yaaduuf, wanneen amma illiitonni Amaaraa Oromoo fi Oromummaa irratti adeemsisaa jiran hin galuufi.
SEENSA
Wanneen yeroo amma kana muummiyyeewwan warra Amaaraa alaa-manaa nutti duulaa jiran keessa inni tokko waayee Minilik isaanii kanaa irratti. Kana irratti warreen kun addaddummaa hin qabani. Xiqqaa-guddaa isaanitu “Minilik goota biyyaatii nu jalaa hin tuqinaa” nuun jechaa jira. Kan isaaniif gootaa kun nuuf immoo gorraatuu, gabraan-daldaltuu fi gabroomfataa dha. Harkaa fi harmaa muraa dha. Nu Oromootaaf, dabreeyyuu uummatoota Kibbaa kanneen akka Walaayitaa, Kafichoo, Gimiraa, Dimmee, Hadiyyaa fi uummatoota Sulula Laga Omoo fayiif, Minilik faashistoota Xaaliyaanii Mosolonii fi Giraaziyaanii faa wajjin tokkuma. Kan isaan kanneen tokko taasisuu garajabeessummaa fi faashistummaa isaanii-ti. Mee akkamitti namni sammuu fayyaalessaan yaadu, nama harma harmee namaa cicciree fi nama harka abbaa nama mummuree, dabrees nama funyaa ilmoo namaa mursiisu, ija ilmoo nama buqqisiisuu fi nama daa’imman hallayyaatti darbachiisu “goota keetii fudhaddhu, siidaa isaa mijjirii kee irratti dhaabbaddhu” namaan jedha? Habashoonni Amaaraa duguuggaa sanyii (“ethnic cleansing“) Minilik uummata Oromoo callaa irratti otoo hin taane, uummatoota Kibbaa kannee akka Kafichoo, Dimmee fi Gimiraa faa irraatti dhumaatii hamaa adeemsise kana “goota keessanii fudhaddhaa malee, hammeenya isaa hin kaasinaa” nuun jedhu. Kun mee qaama seenaa keenyatii maal goonee, maal jennee irraanfanna? Isaanoo isa faashistichi Giraaziyaanii jedhamu sun uummata keenya irratti qofa otoo hin tane, uummata isaanii irrattis adeemsise san ni irraanfatu? Seenaa ofii keessaayyi haquu? Kun seenaa biyyoota kamii keessattuu tahee hin beeku.
Mee amma seenaa Jarmanootaa keessaa as irratti waa haa kaafnu. Namni uumaa fi qaamaan namaa, ammoo kan garaa fi gochi isaa kan bineensa tahe, Adolf Hitler uummata qaama uummata Jarmanii tahe, warra Yuudaa lafarraa duguuguun isaa ni yaadatama. Kan biraa kuteeyyuu biyyoota Oroppaa humna meeshaa-waraanatiin qabate cufa keessatti Yuudota akka bineensa daggalaatti adamsuun kaan qalee, qalchiisee uummata kitila jahaa (6 000 000) tahu Oroppaa keessaa fixe. Kaan warshaa keessatti naqsiisee qalchiisuun moora isaanii faa irraa gaazii hoomachiise. Gochi kun seenaa ilmoo namaa keessatti kan adeemsifamee hin beekne. Harra Biyya Jarmaniitti warra Yuudaa kanaaf beenyaan ni kennama. Pirezidaantii fi muummichi Ministeeraa kan Jarmanii oggaa gara Biyya Israa’el dhaqan hunda, bineensummaa warri Naazi-tiin uummata Yuudaa irratti adeemsifame balaaleffachuun uummata Yuudaa bakka jiru maratti dhiifama gaafatu. Bara 19 fi torbaatamootaa (“1970s“) keessa Muummichi Ministeeraa kan biyya Jarman Lixaa, kan hedduu addunyaa keessatti beekamaa fi jaalatamaa ture, Willy Brandt yeroo duraaf Biyya Poolandaa deeme, bakka Naazonni uummata Yuudaa qalchisanii, booda mootummaan Poolandaa siidaa ijaarsiseef yommuu dhaqu: miila isaa lamaaniin jilbeeffateeti ija ofii cufachuun warra qalaman san yaadate, Waaqas lubbuu isaaniitiif kadhate. Erga biyya ofiitti deebiyee gaazexessitoonni waan tahee hin beekne kana raajeffachuun “maaltu akkanatti akka jilbeeffatu si taasise?“, jennaaniin “waan naazonni maqaa uummata kiyyaa, maqaa Jarmaniitiin uummata Yuudaa irratti adeemsisan jechaa fi afaaniin ittiin ibsu waanan dhabeefi.“, jedheetoo deebise. Ee, inni ofumaafuu waan miseensa Paartii Sooshaal Dimokiraasii taheef, adamfamnaan baqatee Biyya Noorwee ture. Inni bineensummaa warra Naazii kana afaanin, jechaan ibsuun isa rakkifnaan qaama isaa san kan barroolee hedduu tahuu dandayu saniin ibsateeyyu.
Kana malee, harra seera Jarmanii kan paarlamaa isaanitiin raggaafamee seera biyyaa taheen, namni Jarmanii tokko yoo wanneen Naazonni uummata Yuudaa irratti adeemsisan, haalee kun soba jedhe, yoo gadi-xixiqqeessee argame faa mana seera geeffamee adabama. Harra Biyya Jarmanii guutuu keessa siidaan miseensota warra Naazii tokkollee hin jiru. Kun seeraanis sonaan dhoorkaa dha. Egaa, kun biyya qaroominaan sokkee fi uummata qaroominaa fi dimokiraasiin bulu keessatti. Habashoonni “keenya” garuu, siidaa Minilik kanaa, siidaa naazii gurraachaa kanaa akka gandeen keenya keessatti ijaarrannuuf nu abboomaa jiru. Nuti kana dinnaan jibbaa fi arrabsoo sanyummaa irratti hundeeffame nutti roobsaa jiru. Kan nama dhibuu, illiitonni Amaaraa isaan biyyoota Oroppaa fi Ameerikaa keessa jiran, isaan qaroominaa fi dimokiraasii biyyoota kanaa habbuuqqachaa jiran, isaan Saalaa-Dingaay, Mooxaa-Qaraaniyoo fi Gondor keessa jiran caala waan kana irratti nutti duuluu isaanii-ti. Maal godhuree, lafa yoo dhiqan ni qulqullaawaa- ree?
Kana irratti dabaluun jarreen kun Minilik “jagna, goota” nuun jedhu. Maraatuu fi gorraatuu jagna godhachuun kunillee aadaa fi duudhaa isaanii waan tahe natti fakkaata. Maal Teediroos maraatuu gabaa keessaa sana akka jagnaatti ilaalu mitii? Ofiif manneen barumsaa keessatti barachuu bira kutaanii nus barsiisaa turani mitii? Kana mee, barreessitoonni isaanituu “Qinee” isaanii sanaan sirriitti hojii namticha maraataa, maraatee “Gaallaa fi Muslimootan” Gaafa Afrikaa irraa hariyaa “maaloo daddafatii meeshaa waraanaa naaf ergaa!” jedhee, “Igizaabeerota” warra Habashaa warra Oroppaa kadhata hin turree? Mee “qinee” isaanii lama qofaa: “Mooxaa Qaraaniyoo minnaw aayittaarras, bareessaa-laay maxxaahu, kazzaa iskazzii diras“. Naannoo Mooxaa irraa hanga Qaraaniyoo-tti (lachuu Goojjaam keessatti argamu) nama qotu tokkollee otoo hin arginan, reeffa irra deemee Qaraaniyoo dhaqqabuu isaa ibsa. b) “Atsee Tewudiroos ijjig tawaarraduu, ya-Shawaan makwaanint ijji-nasastawu heduu!“. Kun gabaabumatti qondaalotaa fi abbootii biyyaa kan warra Shawaa harka irraa mummuran jechaa dha. Seenaa iaanii keessa harka-muraan kun duratummaa jira jechaa dha. Kana malee, Teediroos kun naannoo tokko erga waraanaan cabsee moyee booda, boojiyamtoota isaa manatti naqisiisee manuma san wajjin gubsiisuuf, loltuu isaa keessaa “mana ol- seenitii, meeqa akka tahan lakkaayii natti himi” jedheeni. Loltuun sunis olseenee erga lakkaayee booda, Teediroos balbala irra dhaabatu sanaan namoota 69 jechuuf: “gooftaa koo namoota torbaatama tahuuf, tokkootuu hanqata“, jedheeni. “Ati olseenitii isaan wajjin torbaatama guuti“, jechuun namicha san manatti oldarbachiisee, ibiddaa mana sanatti qabsiisise. Kunoo, warreen akkanaa kana motooliin Amaaraa!
QAAMADUBBII
Karaa biraatiin Minilik kun gara-bineensummaa hamaa kana, oggaa hidhamaa taheetoo masaraa Teediroos keessa jiraate irra-caala barate jechaa dha. Warri Amaaraa waayee Minilik kana waan hedduu odeessuu, karaa hidduun isaa faaarsuu mee seenaa nama kanaa keessaa asi irratti waa haa kaafnu. Inni haadha manaa abbaa isaa irraa nama dhalatee miti. Gabroota abbaa isaa kanneen masaraa abbaa isaa keessa hojjatan irraayyi dhalate. Ishiin warri Amaaraa “aand baal, aand miist” jedhan sun, jechuun abbaan manaa haadha manaa isaa dhiisee olii-gad hin fiffiigu, akkanuma haati-manaanis abbaa manaa ofii dhiisuun olii-gadi hin cecceetu jedhan sun soba jechaa dha. Abbaan Minilik, mootii biyya tokkoo tahee, namaaf fakkeenya tahuu, achi darbachuun haadha warraa ofii dhiisuun bakkuma halletti kukkufuun Minilik argate jechaa dha. Haati isaa kun uummatoota isaan: “shaanqillaa, baariyaa-gabra” jedhanii akka bineensaatti adamsuun gurguratan san irraayyi dhufte jechaa dha. Kanaaf, warri Amaaraa inni yaadaan malee, bifaan nu hin fakkaatu jedhuuni. Maali namni gurraachi, namni funyaan fungaa tahe, isaan keessa hin jiru jechaa dhaa?
Oromoon keenya garuu, heddumminaan bifni Oromoo magaala jedhee fudhatullee, kan biraa hafee namootuma garaa tokko keessaa bayanii fi abbaa tokko qaban irraayyuu obbolaa: gurraacha, magaalaa fi diimaatu argamu. Haasaa Oromoo keessattuu: “garaan haadhaa buburree-dha” kan jedhamutu argama.” Karaa amantii Waaqeffannaas bifti ilmoo namaa hunduu kan Waaqaan uumame waan taheef, kabajamaa dha; walqixxee dha jedha. Haatahuu, warri qeyee abbaa Minilik keessa hojjatan cufti waadaa waliif galuun mucicha dhoksuun, jechaan akka ilma mootichaa tahee dhoksani. Haatahu malee, isaa waggaalee sadii guutee dubbiin sun nama harkaa baatee, gurra haadha warraa Hayila-Malakot seente. “Barbaadaa hatattamaan fidaa” jechuun otoo ishiin dhaadattuu firoota warra Minilik keessaa inni tokko, mucicha dhoksaan fudhatee gara Biyya Oromootti baqate. Biyya Oromoo keessaa naannoon Minilik ijoolummaa isaatiin kooluu itti-gale kun, naannoo Oromoo Karrayyuuti. Yeroo san Biyya Oromoo keessaa, gandi hamma barruu harkaa gawu wayiillee warra Habashaa jala hin turre. Uummanni Oromoo uummata birmaduu, sabni Oromoo saba bilisa, Biyyi Oromoos biyya walaba turewoo!
Bakki dhaloota Minilik kan isaan akkanumaan “magaalaa” jedhaniin malee, ganda gudddaa wayii kan daangaa Biyya Oromoo keessaa naannoo Abbichuu Galaan irraa wantee (kiilomeetira) 10 callaa fagaatee argamu. Biyyi Oromoo inni naannoo Karrayyuu immoo naannoo Manjee karaa bahaatiin daangessa. Minilik gara waggaalee sagalii aannanii Oromoo dhugaa, damma Oromoo muuxxachaa, foon dilbii sangaa Oromoo sooramaa Afaan Oromoo dubbachaa guddate. Oromoon nama rakkatee itti-baqatee dhiisitii, karadeemaayyuu akka itti-keessummeessuu ni beekna. Inni halbee haadha manaa Hayila-Malakot jalaa baqatee, dhoksaan gara isaanii dhuufuun kun immoo caalayyuu mararafannoo fi jaalala Oromoota Karrayyuu uumefii qananiin guddate. Booda isaa waggaa 12 tahuu, Teediroos maraataan sun Biyya Amaaraas, Biyya Oromoo isa Walloos gubaa, barbadeessaa naannoo Biyya Amaaraa isa Shawaa jedhamuu dhaqqabe. Abbaan isaa waraana irratti otoo hin taane, tasa waan du’eef warri Amaaraa bakka inni itti-baqatee itti-guddate sanii, Biyya Oromoo Karrayyuu irraa fuudhuun gaangee irra kaayuun, qeesota cinaa buusanii waraana Teediroos dura gorani. Ni moyamanii, gurbichis boojiyamee bakkka oggaa san Teediroos Oromoo achi irra-qubate lafarraa duguuguun masaraa itti-ijaarrate, Dabra Taabor keessa gara waggaa 10-ii jiraate.
Turee, Teediroos Biyya Oromoo Walloo barbadeessaa, ennaa namoota Ingilizii kanneen biyya isaa keessa jiraatan hidhe san, waraanni Biyya Ingilizii kan Jeneraal Nappirin gaggeeffamu, kolonii isaanii Indiyaa irraa itti-dhufu, Yohaannis warra Tigree kan booda mootii-mootolii Toopphiyaa isaanii tahe, karaa baneefii gara Teediroositti akka dabran gargaare. Amma Teediroos namoota Ingilizii, Minilikii fi dureewwan Oromoota Walloo hedduu, ilma mootiittii Warqituu faa qabatee gaara dheeraa hallayyaa fi qaalaan marfame kan Biyya Oromoo Walloo keessaa, Maqdallaa (maqaa dallaa)-tti baqate.  Booda oggaa waraanni Ingilizii kun bakka Teediroos jiru, Maqdallaa dhaqabu inni qaata waraana Oromoota Walloo kan mootuu Warqituutiin durfamu isa marsee argani. Otoo warri Ingilizii Mootuu Warqituu hayyama gaafatanii fiixee hallayyaa Maqdallaa sana dhaqabuuf haasawaa jiranuu, Teediroos hidhamtoota Biyya Ingilizii, Minilikii fi namoota isaa gadi lakkeessee, Oromoota Walloo kan lakkoofsaan baay’ee tahan, ilmi Mootuu Warqituu otoo hin hafin hallayyaa sana irraa gadi darbachuun isaan fixe. Yoona waraanni Warqituu isa marsee jiru sun aaree Teediroos ajjeesse. Ennaa jeneraal Naappiir Teediroos bira gawu inni du’ee jira. Namoonni Teediroos kan baqatanii gara Ingilizootaa dhaqaban: “mootiin keenya harka hin kennaddhu jedhee of-ajjeesse” jechuun seenaa sobaa hamma harraattuu barreessitoota Amaaraatiin dadarbatamu lafa kaayani.
Kanaa achi Minilik namoota isaa kan isa waliin hidhaman kanneen lakkoofsaan 10 tahanii malee, wanni inni qabu hin turre. Horii yaabbii fi galaa wayiillee hin qabu ture. Amma Warqituun nammummaa fi garalaafina Oromoo saniif jecha: gaangolii, fardeen, galaa fi loltoota ishii keessaa namoota hanga biyya isaa gawuttu isa gaggeessan wajjin kenniteefi. Inni ganda teessoo mootummaa abbaa isaa, Ankoobar dhaqqabee, gargaarsa Goobana Daaccee fayiin mootii Amaara naannoo Manjee (Shawaa Kaabaa) tahe. Booda otoo waggaa kundahnillee hin guutiin bara 1873 keessa waancaa itti-dhugee fi waciitii itti-nyaate caccabsuun, harka-laateef nyaachuun biyya Oromoo Walloo kan Mootuu Waqqituu-tiin durfamotti duulee humna meeshaa-waraanatiin qabate. Inni amma naannolee Biyya Oromoo isaan ollaalee biyya isaa tahaniitti duuluu hojii isaa isa hangafa godhachuun meeshaa-waraanaa Oroppaa irraa argateen mowuu jalqabe. Biyyi Oromoo Karrayyuu kan gaafa rakkoo fi cinqii isa baasee, isa guddise sanillee hin dhiifnee, waraanaan qabachuun gabroomfate. Minilik kana warri Amaaraa akka goota isaanii isa duraasaa fi akka jagna gita hin qabneetti dhiiyeessu. Namummaa isaas akka nama waan jedhe hin haalletti, waadaa namaaf gale hin cabsineetti ilaalu. Kana irratti akkana ani abbootii seenaa Oromoota Tuulamaa fi Macca-Baha (Oromiyaa Waltajii) irraa walitti qabetti inni nama waadaa namaaf galee eegus miti, jagna hiriyaa hin qabnes miti. Inni isaaniif waan fedhe tahuyyuu, uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaatiif naazii Afrikaa waan taheef, siidaan isaa dachee teenya irraa buqqifamuu qaba!
XUMURA DUBBII
Uummanni Oromoo haqaa fi mirga uumaan qabu, kan gabroomfatoota Habashaatiin irraa fudhatame deebisee gonfachuuf, kunoo bara sonaan dheeraa dirree qabsoo keessatti argama. Akkuma barri dhufee dabru qabsoon isaa kun cimaa, walitti ititaa as gaye. Uummanni nagaa fi ilmoo namaa jaalataan kun akka gaaf tokko fiixaan bawu mamiin wayiituu hin argamu. Qabsoon dhalawwan Oromoo barana Oromiyaa guutuu keessaa sochowuun, waltaatee goote kun Oromoo fi firoottan isaatiif boonsisaa fi hamileessaa cimaa yoo tahu, diinota isaatiif ammoo salphinaa fi sodaa guddaa taheeti jira. Amma Oromoon alaa-manaa waltahuun garum fuulduraatti tarkaanfachuu malee, filmaata biraa waa tokkollee hin qabu. Uummanni kun cimee, tokkoomee, waltahee harqoota koloneeffattoota Habashaa of irraa darbachuun akka caccabsu diinonni isaas, firoonni isaas beekuu qabu. Bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa isa “akka du’aa hin oolle” kana daran shaffisiisuuf wanneen nuti Oromoonni fiixaan-baafachu qabnutu jira. Mee isaanin armaan gaditti tokko tokkoon tarreessee, jala-harriquun barreeffama kana xumura.
  1. Tokkummaan Oromoo kan ammaa caala akka gaariitti cimuu qaba. Oromoon wal malee, akka namuyyuu hin qabne beekuun bakka jiru maratti cimee walcimsuutu karaa nama baasu taha. Dhaabbileen hawaasotaa, dubartootaa, dargaggootaa, artistootaa, barateeyyii, amantiiwwanii faa akka gaariitti waltahuun walcinaa goruu qabu. Kana akka godhaniif, Oromoota waayee siyaasaa irratti hojjatan qofaa otoo hin taane, sheekonni, qeessonnii fi qaalluuwwan Oromoo alaa-manaa akka Oromoon waltahuuf: kakaasuu, lallabuu fi WAAQA kadhachuu qabu! Bilisimmaa waaqni wajjin nu uume eenyumtuu nu irraa mulquu akka hin qabne, sagalee qulqulluu fi arraba qulqulluutiin dabarsuun dirqama warra Waaqatti amanuutisi!
  2. Oromoon jaarmolee isaa karaa garagaraatiin walitti fidachuun, odaa tokko jalatti walitti qabachuutu isa barbaachisa. Kun jaarmolee siyaasaas, jaarmolee kan siyaasaa hin taanes kan ilaalu. Walitti mufatanii akka sangaa didaa asii fi achi ceccewuun kun eessumaanuu kan nama gawuu miti. Impaayera Toopphiyaa jedhamtu tana dimokiraatessuuf dhamawuun kunis, gonkumaa karaa nama baasuu miti. Seenaa ilmoo namaa keessatti, muuxannoolee addunyaa tanaa irratti impaayerri gara biyya dimokiraatawaatti geeddarame tokkollee hin jiru. Impaayera Toopphiyaa ishii rirmi nyaatee tortorse tanaaf raajiin wayii kan amma dhalatuu miti. Impaayerittiin gaafuma dhiiga Aannolee fi lafee Calanqoo irratti ijaaramte san, akka ishiin gaaf tokko caccabdee kosii-seenaa keessatti darbatamtu Waaqaa-lafaan murteefame. Kanaaf, karaa kanaanis Oromoon lammiiwwan isaa tokko tokko amansiisuun ofitti deebifachuu qaba!
  3. Uummanni Oromoo kan ammaa caala, alaa-manaa jaarmolee isaa cimsachuu qaba. Kanneen ciman immoo walitti qindeeffachuutu isarra jira. Uummata akka gaariitti ijaaramee, akka gaariitti tokkoomee, akka gaariitti karaa maraan hidhate eenyumtuu cabsuu hin dandayu. As irratti dubbiin of-ijaaruu kun karuma taliigatiin callaa akka hin taane, hubachuun mishaa dha. Ijaaramuu fi wal-ijaaruun seenaa uummataa fi saba Oromoo daran dheeraa kana keessatti bakka olaanaa akka qabu, dagatamuu fi irraanfatamuun irra hin jiru. Ee, ijaaramuu, ammas ijaaramuu dha dubbiin bilisummaa fi walabummaa!
  4. Uummannii fi sabni Oromoo karaa dandaye maraan hidhatee wal hidhachiisuu qaba. Uummata sirriitti of ijaaree, isa sirriitti tokkomee, sirriitti dammaqee oljedhe humni isa jilbeeffachiisu hin argamu. Uummata kutatee ka’eef, meeshaan waraanaa rakkoo miti. Meeshaan waraanaa achuma biyya isaa keessa ciisaa jira. Uummanni Oromoo kitilli 50-ni (miliyoonni 50) kun waltayee iyyee iyya dabarsuunuu diina isaa haleelluu dandaya. “Nuti uummanni Hindii yoo waltaanee Gaara Himaalayaatti olbaanee fincoofne, ficaan keenya koloneeffattoota Ingilizii akka galaanaatti nurraa haree Maanya Hindiitti naquu dandaya“, jedhee ture Mahatma Gandhi. Nutis humnaa fi leecalloo uummanni Oromoo karaa addaddaatiin qabu kana, walitti jabeeffannee, karaa maraan jabaannee ka’uutu waamicha harmee Oromiyaati! 
  5. Nuti Oromoonni uummatoota Kibbaa hidduu kanuma akka keenya waanjoo gabrummaa Habashaa jalatti argaman waliin, qabsoo keenya obbolummaa irratti hundawuun walitti qindeeffachuu qabna. Kana malees, diinni keenya gita-bittee Habashaati malee uummata Habashaa akka hin taane sirriitti beekna. Kana warra gurra nutti cufateef deddeebifneetoo ibsuun barbaachisaa dha. Hardhas, borus uummanni kamuu inni nagaan biyya keenya keessa jiraatu nagaan isaa ni eegama. Kanas deddeebifnee warra hin beekneef yookaan immoo kan beekaa dideef himuu qabna.
  6. Nuti dhalawwan Oromoo kanneen bineensummaa mootummoota Habashaa baqachuun garaa waaqaa jalatti faffacaanee argamnuu, kan ammaa caala cimneetoo waayee uummata keenyaa addunyaatti beeksifachuu qabna. Qabsoon nuti barana ijoollee teenya ishii Oromiyaa keessaa cinaa dhaabachuun goone, fakkeenya gaarii nuuf taha. Eekaa, nuti Oromoota keenya warra Minisootaa fi Awustiraaliyaa akka fakkeenyaatti fudhannee of haa jabeessinu. Oromiyaa bilisoomte, ishii sammuu keenya keessatti argamtu tana abadan eenyumtuu nu keessaa haqee ballissuu hin dandayu!
==============    //    ==============
Kutaalee dabran dubbisuuf mee as tuqaa:

Tuesday, September 2, 2014

Kan Lammiisaa Ganuu kunoo akkasi

‘Ittafaa Qajeelaatiin!
Akkuma beekamu biyyi abbaa keenyaa, Oromiyaan bittaa habashaa jalatti erga kuftee hara’a jaarraa tokko oli lakkaawamee jira. Yeroo habashoonni biyya keenya weeraran sanatti Oromoo keessa tokko sabasaa ganee gowwoomuudhaan diinaa wajjin kan hojjetaa turee fi biyyi Oromoo Minlikiin akka cabu kan godhe waayeen seenaa gaddisiisaa ‘Ras Goobanaa Dacee’ kan irraanfatamu miti. Namicha kana akka fakkeenyaatti hakaafnuyyuu malee jabana Minilik calqabee hanga jabana ‘TPLF’ tti Oromoota diina duukaa hiriiranii saba isaanii miidhaa turan fi itti jiran lakkoofnee fixuu hindandeenyu.
Hata’u malee mee har’a namicha ‘Ras Gobana’ jedhamu kana akkaataa itti Habashoonni mala malanii lubbuu isaa dhabamsiisan seenaa namichi tokko natti hime isin hubachiisuun yaalaa nacaqasaa.
Gaaf tokko ganama barii ka’een gara Finfinnee deemuuf gara buufata konkolaataa Naqamtee deemuudhaan tickeeta koo muradhee konkolaata galeen iddoo koo qabadheen taa’e. Yeroo sanatti asii fi achi ilaalee nama cinaakoo jiru wajjin wal-dubbisuun eegale. Battalumatti nama cinaa koo taa’u ogummaan isaa ‘Economist’ kan ta’e ‘Ethiopian Plastic Factory’ warshaa jedhamu keessa akka hojjetu kan natti himee wajjin wal-bare. Namichi kun yeroo bifa isaa ilaalan nama uuqqataa, kan keessi isaa gubate akka ta’e ilaalanii tilmaamuun nama hindhibu ture. Egaa namicha kanaa wajjin karaa dheeraa kiilomeetra 330 sana xaba fi oduu ho’aan eegalle ture. Oduu calqabnee utuu baay’ee hinturin waayee rakkina biyyaa, waayee siyaasa biyyatti, waayee OPDO utuma haasofnuu namichi kun baayee nama seena beeku waan ta’eef akkaataa itti biyyi Oromoo cabe kaasee waan hedduu natti himuu eegale. Utuma jedhuu waayee seenaa ‘Ras Goobanaa Daace’ kaasee akkaataa namichi kun mala warra Habashaan itti raawwate yeroo natti himu afaan koo baneen dhaggeeffachuu eegale.
Akkaataa Goobanaan itti du’e beektaa naan jedhe. Lakkiin jedheen. Akkas jedhee itti fufe. Goobanaan egaa Minilikii wajjin biyya ’Ethiopia’ jedhamtu kana uumuurratti shoora ol’aanaa xabachuun beekamaadha. Hata’u malee naan jedhe erga waraanni hundumtuu raawwatee biyyi Oromoos, warri kibbaas Minilik, Habashaa jalatti kufanii booda waan jagnummaa Goobanaa Daacee sodaataniif karaa itti isa balleessan maluu eegalan naan jedhe. Sana booda mala maluudhaan haati manaa Minilik ’Iteege Xaayituun’ Goobanaa wajjin ciifte jedhanii beekaa oduu irratti odeessani jedhe. Sana booda ’Ras Goobana’ maal wayya dubbiin kun gurra Minilik ga’uu hinhafne gaafa jedhan Goobanaan naasuu cimaa keessa galee habararee gara ’Atse Yohaannis’ tti bade jedhe.
Gaafa kana ta’u Minilik ’Atse Yohannis’ hedduu sodaata waan ta’eef Goobanaan Yohannis faana ta’ee waraana narratti bana jedhee jaarsumma nama hedduu filee gara biyya Tigreetti Goobanaatti erge jedhe. Jaarsoliin Minilikiin ergaman sun Goobanaa yeroo argan Minilik ani dadhabeera si’achi utuu biyya bulchita siin jedhuu gara diina kootti baddaa maal taate biyyi kankeeti adaraa jedhanii ergaa Minilik itti himanii kadhatan jedhe. Sana booda guyyaa itti Goobanaan gara Finfinneetti deebi’u beellama qabanii deebi’ani. Guyyaan beellamaa guyyaa itti Goobanaan dhufu yeroo ga’u kormi hedduun qalamee, farsoon, daadhiin qophaawee, namoonni bebbeekamoon biyyattii keessa jiran hundi afeeramanii Goobanaa simatan. Guyyaa sun guyyaa gammachuu,guyyaa nyaataa fi dhugaatii ta’e jedhe. Gidduutti habashoonni warri Goobanaatti haala kuusaa turani yeroo Goobanaan machaawu arganii summii daadhiisaatti naqanii obaasuudhaan huddu isadhaabsisan jedhe. Akkasitti gargaarsi Goobanaan Minilikiif godhe gatiinsaa summii ta’ee lubbuu isaa galaafate jedhe.
Egaa Goobanaa Daacee akka fakkeenyaatti hafudhannu malee yeroo Itti Oromiyaan gita bittaa Habashaa jala galtee eegalee namoonni seenaa akkasii qabani, jechuunis lammii isaaniitti dugda gatanii halagaatti michoomanii saba keenyaa miidhaa kan turan hedduudha. Muraasa waamuuf seenaa: ’Fitaawuraarii H/Georgis’, Hasan Ali, Juuneddi Saadoo, akka salphaatti ilaaluu nidanda’ama. Jarri kunis yeroo garaagaraatti dhumni isaanii qaanii akka ta’e argineerra.
Kanaafuu seenaa Goobanaa Daacee fi jarreen akka isaa irraa waa hubanneerra jedheen yaada. Egaa warri akka tasaa seenaa akkasii dubbistani garuummoo mooraa diinaa keessa taatanii saba keessani miidhaa, ajjeesaa fi dararaa jirtani diinni yeroof akka meeshaatti yeroof isinitti fayyadamee waan isin gatuuf seenaa fokkisaa akkasii jalaa bahuuf saba keessanitti araaramaatii saba keessaniif waan gaarii yaadaa!!!
Waaqni Salphina Nu haa oolchuu!!!

Monday, September 1, 2014

የትዉልዱ ግልጽ አቋም! “አንገዛም!” የትዉልዱ ግልጽ አቋም!

Qeerroo | September 1, 2014
qerroooይህ ትዉልድ የባርነትን ሠንሠለት ሰባብሮ ፍርሃትን ገድሎ ነጻነቱን ፍለጋ እስከ ወዲያኛዉ አድማስ ጥግ እንኳ ቢሆን ለመጓዝ ወስኖ የወጣ ጀግና ትዉልድ ነዉና “አልገዛም!” ካላ ቃሉ ጽኑ ነዉ!
ነጻነትን ያረገዛ ትውልድ ግፍና ጭፍጨፋ አላቆመዉም። የደቡብ አፍርካዉ የስዌቶ  ጭፍጨፋ (the Soweto Massacre 1976 ) ፣ በኬንያ የታየዉ  የሆላ ጭፍጨፋ “Hola massacre 1959” ወይም በሃሬሮና ነማ ሕዝቦች ላይ የተፈጸመዉ የነሚቢያዉ ጅኖሳይድ  “Herero and Nama Genocide 1904” አልያም የ‘Robben Island’” እስር የትዉልዱን የነጻነት ጥያቄ እንዳልገታ ፤ የነጻነትን ብርሃን እንዳላጫለማ ታሪክ ምንጊዜም ህያዉ መስካር ነዉ።
ዛሬም ቢሆን ከማዕከላዊ እስከ ቃሊቲ፣ ከቅሊንጦ እስከ  ዝዋይ የእስር ቤቱ ቁጥር ቢባዛም ፣ የማሰቃያ ዓይነቶች ቢበራከቱም ፣ ግዲያና ሽብር ቢፋፋምም  ይህ ትዉልድ “ነጻነቴን!” ብሎ ወቷልና ፈጽሞ  የሚያቆም አይሆንም። ነጻነትን የተጠማ ትዉልድ ለእዉነት በእዉነት የሚታገል ኀያል ኃይል (Super Power) ያለዉ ባለራዕይ የነጻነት ሠራዊት እንጂ በመንደርተኞች ኣሉባልታ የሚሳናከል እርባናብስ ስብስብ አይዴለምና!
በተደጋጋሚ እንደተገለጸዉም ሆነ በታግባር እንደተረጋገጠ የትዉልዱ መሠረታዊ ዓላማ (basic Objective) የኦሮሞ ሕዝብን ብሔራዊ ነጻነትን ማረጋገጥ ነዉ። ለዚህ ዓላማ ስኬት ሕዝባችን ዘማናትን ያስቆጠረ ዉድ ዋጋ ስከፍልበት ቆይቶ አሁን ለባርነት የመጨረሻ ስንብት የሚደረግበት  ያታርክ ፊጻሜ ላይ አድርሰዉታል። ይህንን የትግል ምዕራፍ በኃላፊነት የተረከበዉ ትዉልድም ኃላፊነቱን ጠንቅቆ የሚያዉቅ ብቻ ሳይሆን ኃላፊንቱ የሚጠይቀዉን ዋጋም  (responsibility) ጭምር ለመወጣት ዝግጁ ስለመሆኑ በአደባባይ አስመስክሯል። ነጻነት በነጻ አይገኝምና ሞትና እስራት ሳይገድበዉ ርቆ ተጉዟል።
ያለነጻነት መኖር ያዉም ደግሞ በአናሳ ቡድን ነጻነትን መነጠቅ በእጅጉ የስቆጣል። ሕመሙም ጥልቅ ነዉ። ይህንን ታሪካዊ ጥላሸት ለመንጻት  እስከ አሁን የተከፈለዉን ዉድ ዋጋ  እያሰብን ከእንግዲህ ወዲያ ይህ ታርክ የህዝባችን መታወቂያ ሆኖ እንዳይቀጥል ታሪካዊ ግዴታችንን ለመወጣት እነሆ በየፍልሚያ መስኮች ሁሉ ተሰልፈናል። ነጻነቱን የጠየቀ ሕዝብ ተሻግሮ ይሄዳል። ማሸጋጋሪያ ኃይሉ ደግሞ በዘመኑ ላይ የተገኘ ትዉልድ ነዉ። ለኦሮሞ ሕዝብ ያ ትዉልድ ተነስቷል። “እምብኝ ነጻነቴ!” ብሎ ታጥቆ የወጣ ትዉልድ ተንበርካኪ አሽከሮች (Bakar Shaalee, Warqinaa Gabayyoo, Abbaa Duulaa Gammadaa, Alamaayyoo Taganuu, Abdulqaadir Huseen, Geetuu Wayyeessaa, Mohammad Tusaa, Isheetuu Dassee…) በሚያሰሙት ጭንቀት ወለድ  ሠሞነኛ ጩሃት ይቅርና  የቅኝ ገዢዎችን በታሊዮን ሠራዊት እንኳን ቢሆን   በትኖ የሚያልፍ ፣ ሞትን የደፈረ   ፣ በደሙ ጎርፍ  ሕያዉ ታርካዊ ዝክርን ጽፎ የሚያልፍ በዘማናት ዉስጥ አንዴ ብቻ የሚገኝ ፍርሃት ዓልባ ብርቅዬ ትውልድ ነዉ።
በመሆኑም በቀጥታም ሆነ   በተዘዋዋሪ ፣ ከዉስጥም ይሁን ከዉጭ ዛሬ የኦሮሞን የነጻነት ትግል ለማደናቀፍ ለሚትሹ ኃይሎች በሙሉ መልስ አለን። መልሳችን ኃይልን በኃይል ለማስቆም የደፈረ ትዉልድ መነሳቱ ነዉ። ይህ ትዉልድ የባርነትን ሠንሠለት ሰባብሮ ፍርሃትን ገድሎ ነጻነቱን ፍለጋ እስከ ወዲያኛዉ አድማስ ጥግ እንኳ ቢሆን ለመጓዝ ወስኖ የወጣ ጀግና ትዉልድ ነዉና “አልገዛም!” ካላ ቃሉ ጽኑ ነዉ!
ይህ የትዉልዱ ግልጽ አቋም ነዉ።
ሕይዋታችን ለነጻነታችን!!