Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Thursday, September 4, 2014

DAANGAA DARBE

Meeqan miidhamaa? meeqa, meeqataman miidhamaa meeqataman onnee madeeffamaa? meeqataman ganama meeqan gaddarbamaa meeqanan dhidhiittamaa? waraabeessi ana nyaatu ykn qorkee nanfixuu yookin tuffatees nan gatuu kiyya kuni anumaa raajee kanatu soora sarees waaje. meeqan abdadhee meeqan ganamee meeqan jaaladhee meeqan jibbamee dhuuga dhuugatama dhibba kumataamaa onneen na bokoktee gammachuun dhiitoftee lapheen na xillibbooftee gammachhuun qacaaltee abdiin guuttamtee egere qaba jettee daddee gammaddee halkan abjuun aaddee kolfitee bohaartee nam.guutuu nagootee nawaliin bashaantee keessoo olee kootii sadoodhaan habuurtee dada koorra dabartee keenyaf faloo taatee irbuudhaan garmaamte. Ani meeqa meeqan ganamaa meeqa meeqan jaalladhee meeqatamaan jibbamaa? abaarsamoo eebbaa maaltu fura dhaaqaba maaltu dawaa,maaltu furmaataa maaltu hiikoo fidaa? sardas dhabu dhawaata maaltu irraa na oolchaa du'a,dhaba awwaalchaa? Imimmaan koon coba akkasumaan na soba, akkaa adaammii ollaa hagamsaa xuqaatu dhiddhiigsaa. utuun inbeekinin yaadumaan collooqsaa kunoo namni hin arguu keessoo koottan jijjigsa dhageettis hin qabu koo akkasumaan coccobsa. hin qooru ijjiuu cimmantee walitti duuftee cuunnoftee ciniintee inbooha inbobboohaa falasaatu dhibe kan tahu waan falaa anoo guuteen hafe qofaa guutee guuteen qeenxomaa jaallee jaalleen jibbamaa

No comments:

Post a Comment