Filannoo biyyoolessaa bara 2007 ilaalchisee dhaabbileen mirga namoomaa hedduun erga duula nafiladhaatii kaasee haalli jiru haqa qabeessaa fi bilisa akka hin taane mirkaneessaniiru. Wayyaaneen duula nufiladhaarratti tumaatii, dhaanicha, ajjeechaa fi hidhaa raawwachuun ni beekama. Dhaabbileen mormitootaa wal-falmii filannoorratti injifannoo guddaa galmeessisuudhaan deeggarsa ummata bal’aa argachuunis ni beekama. Rifaatuu kanarraa kan ka’een, mootummaan gabroomsaa kun filannoodhaaf guyyaan lama yoo hafu muummichi ministeeraa yeroo isaa malee paarlaamaa biyyattii walga’ii waamuuudhaan mormitootarratti doorsisaa fi dhaadannoo dhageessisanii turan. Kunis mootummaan bu’aa filannoo humnaan saamuuf qophii jabaa godhaa turuu isaa ni mirkaneessa.
Dabballoonni ADWUI ajaja hooggantoota isaaniirraa kennameef raawwachiisuuf sa’aatii filannoon itti jalqabamu dursanii halkan achi buluun korojoo guutan, humnoota poolisa federaalaa, humna waraanaa dafee dhaqqabaa fi milishaa bobbaasuun bakka bu’oota boordii filannoo fi taajjabdoota filannoo MEDREK/OFC irraa waraqaa eenyummaa saamuun guutumaan guututti (90%) buufata filannoo irraa ari’aniiru. Dabaltaanis, barattoota manneen baronootaa ol’aanaa kaardii filannoos dhoowwatanii mirga filannoo isaaniis irraa mulqaniiru. (Godina Arsii aanaa Kofalee fi godina Shawaa Dhihaa aanaa Midaa Qanyiitti kaadhimamtootaa fi deeggartoota OFC ajjeesaniiru.) Jimma, Naqamtee fi Baddalleettis hoogganaa ol’aanaa OFC kan ta’an obbo Baqqalaa Garbaa fa reebaniiru. )
Kanaafuu, mootummaan nama nyaataa wayyaanee sagalee ummataa saamuun tarkaanfii ajjeechaa, hidhaa fi reebichaa hamaa hedduu raawwate. Nuti Gareen Deeggartoota Koongiresii Federaalistii Oromoo Idil Addunyaa gocha waayyaanee kana balaaleffachaa ibsa armaan gadii kana baafneerra.
Qabsoon itti fufa!!!
Garee Deeggartoota Koongiresii Federaalistii Oromoo Idil-Addunyaa
No comments:
Post a Comment