QUBEE KOO
Waa ofii, bareedduu fuullli sooloo
Sirrattee qajeeltuu, keessi kee Walaloo
Dhalootaatu uume, hunduu baraa maaloo.
Sirrattee qajeeltuu, keessi kee Walaloo
Dhalootaatu uume, hunduu baraa maaloo.
Sin waamaa, ni awwaattaa
sin beeka, na beekta
A- jedhu ni owwaattaa
Abbaa jedhi naan jetta
oggaan siwaame immoo
kunoo arbaan caaltaa
sin beeka, na beekta
A- jedhu ni owwaattaa
Abbaa jedhi naan jetta
oggaan siwaame immoo
kunoo arbaan caaltaa
B- jidhu, Biiftuu taatee hundaa oliin iftaa
baatii taatee, goobantee olii calaqqifta
baatii taatee, goobantee olii calaqqifta
C . Caaccuu, cancala ormaa cirtee
Caatoo caayaan na deemta
Caatoo caayaan na deemta
D-duudha kiyya baattaa
Daadhii bookan untaa
Daraaraan siif laadhaa
duuba keen arreeda i dhaqqabaaf
daaman saggaarsifadha …
Daadhii bookan untaa
Daraaraan siif laadhaa
duuba keen arreeda i dhaqqabaaf
daaman saggaarsifadha …
damboobsitee natti himta
eebba daadoon deebani jetta
eebba daadoon deebani jetta
E-eeboo diinatii
itiin qarrree mirmirsina
F-fardaan garmaamnee sirbina
G-gadaan bulleet bulchina
H-heeraa keen qajeellee qajeelchina.
itiin qarrree mirmirsina
F-fardaan garmaamnee sirbina
G-gadaan bulleet bulchina
H-heeraa keen qajeellee qajeelchina.
HEE qubee yee
Haa inaafan inaaftuun
nutu waliif wayyee
gaafan si argadheerraa
dhibee kiyya fayye.
Haa inaafan inaaftuun
nutu waliif wayyee
gaafan si argadheerraa
dhibee kiyya fayye.
Naaf owwaatta hin didduu
akka Gi'iizii fi saabaa naan hin oodduu
sagalee kee dhabdee hin giingoftuu
Dchaa, dheeraa hin dhabdu
seera kee malee
dachaatees hin gabaabbattu
akka dhabdee hin cabqaxu
Seeran bultaa,
qubee koo seer-beektu.
akka Gi'iizii fi saabaa naan hin oodduu
sagalee kee dhabdee hin giingoftuu
Dchaa, dheeraa hin dhabdu
seera kee malee
dachaatees hin gabaabbattu
akka dhabdee hin cabqaxu
Seeran bultaa,
qubee koo seer-beektu.
Habashaan sitti hinaafee
waa meeqa buufee
Kan ormaati jedhee
summiisaa afuufee.
waa meeqa buufee
Kan ormaati jedhee
summiisaa afuufee.
Maaltu kan laatinii godhee
maleemmoo dureen kee keenyaa
waada galchineet dhaammannee
Gaafa qaraa hin LAATINII jedhanii
irbuun dabarsan warri keenya
kennaa malee jara Foonishaanotaa
akka hin dabarsineef boru Roomaanotaa
garuu darba daddabartee
nurraa godaantee
Laatiniif Ingilizootaan baatee
keenyummaan kee shakkii taatee
ormi ittiin beekamee
nuufimmoo liqee taatee.
maleemmoo dureen kee keenyaa
waada galchineet dhaammannee
Gaafa qaraa hin LAATINII jedhanii
irbuun dabarsan warri keenya
kennaa malee jara Foonishaanotaa
akka hin dabarsineef boru Roomaanotaa
garuu darba daddabartee
nurraa godaantee
Laatiniif Ingilizootaan baatee
keenyummaan kee shakkii taatee
ormi ittiin beekamee
nuufimmoo liqee taatee.
liqee kennine, deeffannaan
kan ergiisaat nuun jedhan
warri argaa keetiin bowwuun qabe
warri siif diinummaan jiruun dhibe
Jarri amantiinuu jibba keef miilli hidhamee
ati baddu malee kan deemsallee dadhabe.
Atoo naaf guddadhu Qubee.
kan ergiisaat nuun jedhan
warri argaa keetiin bowwuun qabe
warri siif diinummaan jiruun dhibe
Jarri amantiinuu jibba keef miilli hidhamee
ati baddu malee kan deemsallee dadhabe.
Atoo naaf guddadhu Qubee.
Atoo na beektaa
Qubee siin jedhu oo!ee!n owwaatta
simee akkamiin anaafi si
wal nu barsiisuu dhaamaatii
dhamaatonni siif diina keetii?
Situ narraa maddee, natu hundee keetii.
Sirraan callaqqisaam
fagoof dhiheenyatti
Mallattoo oromummaa
miidhagsituu eenyummaa
siin bareedni faayummaa.
Qubee siin jedhu oo!ee!n owwaatta
simee akkamiin anaafi si
wal nu barsiisuu dhaamaatii
dhamaatonni siif diina keetii?
Situ narraa maddee, natu hundee keetii.
Sirraan callaqqisaam
fagoof dhiheenyatti
Mallattoo oromummaa
miidhagsituu eenyummaa
siin bareedni faayummaa.
Qubee koo quba koo
qubee qubaan qorraa
qorreee qarree siin dubbisna
dhaloota barsiifannaa
achi keessan muldhanna
I-ija keenyaan ija argina
K-karraa ganamaa saaqnaa
Abbaa karri dhibbaa
karaa hin qabne jallina
Kuusoma Doorama
Umrii hormaataaf dooramaa
J-Jaarsaa qalbiin wayyoomaa
Jaarii qaalloo hayyoomaa
L-Lafaa fi lafee keerraa situ bareeda
gaafa AFRIKUMMAAN KEE MULDHATU
situ faayomsa.situ miidhagsaa
M-madda eenyuummaa, naannoo warra aagaa
Simboo bareedinaa, dueree seenan ragaa.
N-nama hunda dura, nutu uummamee
nutummoo qaroomee qara si uumee.
O-oromoo ibsita, Hin laannuu jabeessita
P-poolisa eenyummaa, tika dachiirrattii
ittisa kunuunsii, paappayaa fayyaatii.
qubee qubaan qorraa
qorreee qarree siin dubbisna
dhaloota barsiifannaa
achi keessan muldhanna
I-ija keenyaan ija argina
K-karraa ganamaa saaqnaa
Abbaa karri dhibbaa
karaa hin qabne jallina
Kuusoma Doorama
Umrii hormaataaf dooramaa
J-Jaarsaa qalbiin wayyoomaa
Jaarii qaalloo hayyoomaa
L-Lafaa fi lafee keerraa situ bareeda
gaafa AFRIKUMMAAN KEE MULDHATU
situ faayomsa.situ miidhagsaa
M-madda eenyuummaa, naannoo warra aagaa
Simboo bareedinaa, dueree seenan ragaa.
N-nama hunda dura, nutu uummamee
nutummoo qaroomee qara si uumee.
O-oromoo ibsita, Hin laannuu jabeessita
P-poolisa eenyummaa, tika dachiirrattii
ittisa kunuunsii, paappayaa fayyaatii.
Q-qubee koo, quba koo
Qalma ganama qubeen diddigsitaa
Halluu garargaraan, qalama dhiigsitaa
akka si qorruuf, qophii nutti uumta
R-rasaasaa beekumsaa sirraati dhukaati
Risaa miti raasoo sirraa arginaati.
Qalluu tika borii
T-tarree gadaan soorii
S-saayyaan saayyoma durii
arfii qaroominaa kurii miilli qarii.
T-tuutaa sirna qabuu, yeeyyii toorri galii
U-ummataaf urjiidha, ruuda waari jaantee
ibsee doofummaa dhaa, wirwiriin qaaritee
W-wallaalli dukkanaa, qubee nurraa furi
X-xiyyaa dheekkamsa hin qabne
xiinxala afaaniin baranne
kan sirraatii himani
Yuuba mataan yuubaa
situ maalummaa keenya
Duree seenaan utubaa
Z-saargafaan saaroon duubaa
Darbeera barri dukkanni ture shooba.
Qalma ganama qubeen diddigsitaa
Halluu garargaraan, qalama dhiigsitaa
akka si qorruuf, qophii nutti uumta
R-rasaasaa beekumsaa sirraati dhukaati
Risaa miti raasoo sirraa arginaati.
Qalluu tika borii
T-tarree gadaan soorii
S-saayyaan saayyoma durii
arfii qaroominaa kurii miilli qarii.
T-tuutaa sirna qabuu, yeeyyii toorri galii
U-ummataaf urjiidha, ruuda waari jaantee
ibsee doofummaa dhaa, wirwiriin qaaritee
W-wallaalli dukkanaa, qubee nurraa furi
X-xiyyaa dheekkamsa hin qabne
xiinxala afaaniin baranne
kan sirraatii himani
Yuuba mataan yuubaa
situ maalummaa keenya
Duree seenaan utubaa
Z-saargafaan saaroon duubaa
Darbeera barri dukkanni ture shooba.
Qubee koo, sin qora sin dubbisa
siinan barreessaa, dhalootan barsiisa
siifan jiraadha, naaf jiraatta
waliin hin oonnu kunoo naan dubbatta
sagalee ol futee,
oo! koo jettee owwaattaa
wal beekna na beektaa
maalif wal wallaallaa
saatoon hundeen keenya bal'aa
Si waliin guddannee
Orombiyyaa bilisummaan galla.
siinan barreessaa, dhalootan barsiisa
siifan jiraadha, naaf jiraatta
waliin hin oonnu kunoo naan dubbatta
sagalee ol futee,
oo! koo jettee owwaattaa
wal beekna na beektaa
maalif wal wallaallaa
saatoon hundeen keenya bal'aa
Si waliin guddannee
Orombiyyaa bilisummaan galla.
Qubee koo
quba koo
sin qaqqabadhaa
boca qabda ni qabamta
sin waammadhaa
Najalaa owwaattaa
ana fakkaattaa
waliin nu beekuu,
seenanuu ni dubbata
Laatinii hin jennu,
dhaloonni sirreessaa
Qubee quba harkaa,
hidhadhaa jabeessa.
quba koo
sin qaqqabadhaa
boca qabda ni qabamta
sin waammadhaa
Najalaa owwaattaa
ana fakkaattaa
waliin nu beekuu,
seenanuu ni dubbata
Laatinii hin jennu,
dhaloonni sirreessaa
Qubee quba harkaa,
hidhadhaa jabeessa.
No comments:
Post a Comment