Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Saturday, April 25, 2015

Qeerroo: Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo fi Yuuniversitii ABO Keessatti, Gootota Oromoo Ebla 2014 Keessa Wareegamaniif Yaadannoon Ta’uu Qeerroon Gabaase

Qeerroo2015_Qeerroo2.jpgYuunivarsiitii Amboo fi naannoo Ambootti yaadannoon gootota Oromoo bara darbee Ebla 25, 2014 Keessaa ilmaan Oromoo wareegama qaalii kaffaluun qabsoo bilisummaa uummata Oromoo finiinsan waggaan 1ffaan isaa bifa adda ta’ee fi sochii warraaqsaa FDG of keessaa qabuun kabajamuu itti fufe.
Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo gumaa gootota wareegamanii gootota lubbuun jiranitu baasa, barruu warraaqsaa jedhu qopheeffachuun mooraa Yuunivarsiitii Amboo keessa fi uummaata Oromoo magaalaa Amboo fi naannoo isheef raabsuun uuffata gaddaa uffachuu, barnoota dhaabuu fi nyaata lagachuun ganamaa ganama barii lafaa irraa eegaluun hanga galgalaatti illee haala hedduu addaa ta’een guyyaa yaadannoo gootota Oromoo kabajachuu itti fufan. Gaaffiin gootota keenya waliin taanee kaafne gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa dhiyaateef Mootummaan garboonfataa wayyaanee deebii humna waraanaa guddaa loltoota Agaazii jedhamuun beekaman nurratti bobbaasuun yakka duguugginsa sanyii (genocide) uummata Oromoo irratti rawwate. Yakka kanaaf Mootummaan Wayyaanee gaafatama seeraa fi seenaajala galee kan jiruu utuu ta’uu yeroo ammaan kana immoo maqaa filannoo fakkeessii fi kijibaa isaatiin uummata keenyaa dirqamsiisaa waan jiruuf jabeessinee balaaleffanna.
Gaaffiin karaa nagaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruu hanga deebii sirnaa argatuu fi yakka ol aanaa uummata keenya irratti rawwachaa jiruuf Mootummaan EPRDFn hanga itti hin gaafatamnetti filannoon gaggeeffamu hin jiruu dhaamsa jedhuu gootootni barattootni Oromoo uummataaf dhaamsa dabarsan.
Ebla 15/2015 Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 irraa eegaluun Mootummaan Wayyaanee Uummaata Oromoo magaalaa Amboo fi naannoo ishee irraa tajaajiloota kanneen akka bishaan dhugaatii, humna ibsaa, network fi tajaajiloota hawwaasummaa garaagaraa irraa dhaabuun uummataa daraara jiraachuun ibsame. Haalli kun wayyaaneen abdii kutannoo isa dhumaa fi guyyaan kufaatii wayyaanee baay’ee gabaabbachaa jiraachuu kan ibsu ta’uu uummatni Oromoo jiraattootni magaalaa Amboo dubbatan. Walumaa galattii yeroo ammaa kanaa sochii goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo jabeessa jiraniin wal qabatee mootummaan wayyaanee guyyaa kaleessaa humna waraanaa isaa hedduummina qaban magaalaa Amboo irraa qubsiisuun magaalaan Amboo eegumsa waraanaa jala kan jirtu ta’uun hubatamera. Mooraan Yuunibarsiitii amboos poolisii federaalaa Wayyaaneetiin guutame jira. Sochiin FDG jabaachuun hanga wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n aangoo gadhiiftutti jabaatee kan itti fufu fi gumaa Gootota wareegamanii gootota jiranitu baasa, kaayyoo gootota wareegamaniis gootota jiranitu galmaan ga’aa jechuun barruulee warraaqsaa bittinneessuun goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo sochii isaanii jabeeffachuun yakka wayyaaneen bara darbee Oromoo irraatti rawwateef gaddaa guddaa qaban ibsachuu itti fufan.

No comments:

Post a Comment