Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Wednesday, December 4, 2013

Hidhaa, Barnoota irraa arii’uunii fi Ajjeechaan Barattoota Oromoo irratti raawwatamu gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa irraa nu hin dhaabu!

Ibsaa Qeerroo Bilisummaa …
—————–
Gadaa.com
Hidhaa, Barnoota irraa arii’uunii fi Ajjeechaan Barattoota Oromoo irratti raawwatamu gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa irraa nu hin dhaabu! Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo sababa gaaffii mirgaa gaafatanii fi Oromummaa isaanii qofaan yakkuun barnoota irraa arii’aa, hidhaa fi ajjeesaa as gahe. Barattoota Oromoo qaqqaalii kanneen tahan kanneen akka Jaagamaa Badhaanee, Gaaddisaa Hirphaasaa, Alamaayyoo Garbaa, Dirribee Jifaar, Shibbiruu Damissee fi k.k.f wayyaaneen gara jabinaan rasaasaan ajjeeste. Barattoota kumaatamaan lakkaawaman mana hidhaatti ukkaamsite. Garii ammoo barnootaa fi biyyaa irraa ariite. Haalli kun itti fufuun Yeroo ammaa kanas wayita keessii fi alli mootummaa wayyaanee bututee kufaatiif gahetti bittaa umrii koo naa dheeressa jedhee kan amane wayyaaneen gara jabeenyaan barattoota ajjeesaa, hidhaa fi barnoota irraa arii’aa jira. Haala kanaanis Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti gaaffii mirgaa barattootni Oromoo gaafatan dura dhaabbachuun barataa Oromoo Saamu’eel Dassaaleny barataa Electrical Engineering waggaa 4ffaa kan tahe rasaasaan rukkutan. Barataan kun waldhaansa akka hin arganne dhorkuu yaalanis barattootni Oromoo gamtaan waldhaansisan. Haalli kun Yuunivarsiitiilee hedduu keessatti gara jabeenyaan kan itti fufe Yuunivarsiitii Gonder dhaqqabuun barataa Anteenee Asfawu Laggasaa jedhamu barataa waggaa sadaffaa Marketing baratu rasaasaan rukkutuun ajjeesan.
Gadaa.com
Mootummaan wayyaanee gocha farrummaa barattoota Oromoo irratti gaggeessaa jiru Qeerroon Bilisummaa gad jabeessee ni balaaleffata. Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo sababa Oromummaa qofaan yakkuun ajjeesus akka dhaabu Qeerroon ni gaafata. Abbaa irrummaa mootummaan wayyaanee diriirsuun ilmaan Oromoo itti nyaachaa jiru dura dhaabbachuuf qeerroon wareegama barbaachisaa kamuu kan kaffalu addeessuun ilmaan Oromoo marti mirga keessaniif akka kaatan waamicha dabarsa.
Injifannoo Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Qeerroo Bilisummaa
Mudde 2013

No comments:

Post a Comment