Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Monday, December 30, 2013

Horii dha moo ‘Digimtii’ Dha?

Malkaa Caffee Irraa | Mudde 29, 2013
Horii dha moo ‘Digimtii’dha, Baddallee maaltu dhamaasee?
Maaliif Bulguu nutti faarsuu? Kan hortee keenya gabaabse.
Yaa Baddallee warra Biiraa, maallaqa moo nama feetuu?
Warra gumaaf wal barbaadnu, maal dhabdanii jala ceetu?
Minilik diina gumaa ti, Bulguu Bulgaatti isa beeknaa,
Yoo isa faarsuun akka taate, abbaa toltuuf numa eegna !
Maallaqni nama maraachaaf Baddalleen maallaqa reebaa,
Wallaallis diina gurraachaa, Teediin waan hin beekne xeebaa.
Aannolee madaan hin qoorree, Calanqoos lafeetu addaataa,
Wal tuttuquu hin dhiisnu taanaan, haalli isaa badaa fakkaata.
Si gorsinaan hin dhageessuu, Teedii gunfuree ilma Kaasaa,
Mee bakka geessu si ilaallaa, burraaqi kaa maal abbaa isaa?
Nutis aariin quba of nyaannaa, atis sirbii lafa dhiitii,
Teedii akaakayyuu Garmaamaa, of wallaaluun nama miitii.
Nutis mormii ofitti hin laafnuu, atis dhaadi nama dhaadduu,
Maayyii dhugaatu irra aanaa, numa ilaallaa nama gaabbu !
Ergii dubbiin tana taatee, wal dhabuu keenya fakkaattii,
Gara Daadhiitti achi yaanaa, Baddalle egaa atis Nagaatti! (2)
Malkaan Caffee teessoo emailii “Malkaacaffee@gmail.com” tiin quunnamuu ni dandeessuu.

1 comment:

  1. Gadheen silas baasa hin beektu, Itti-dhufee haasofti
    Kosii ishee waliin gaaf gatamtu, gadi kuftee qaanofti

    Muttuggarri afaan haphii, fafni hin qabne duuba
    Jalaa hin qabiinaa haasaashee! ofii isheetifuu huuba!

    ReplyDelete