Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Monday, November 24, 2014

Hawi Olani:- NAMNI MANA IJAARUU

Kaan dhagaa haa qaru
Kaan boolla haa qotu
Kaan muka haa muuru
Kaan sibila haa qirixu
kaanis kan itti jabaate haa uru.
Tokkommoo dhokkee haa bukeessu
Daggalaafi maagaraan hidhee haajabessu
Haarooressaa fi shimalaan
Birbirsaa fi ejersaan
Baargamoo fi ittichaan
Utubaa sagaliin
Mana guddaa jaaruu
yoosan jabaatanii alaaf bakkee galu.
Mana yoo ijaaran
Abbaatu dongorataa
gad qabanii sirraaqqataa,
Abbaanis kunoo numaa
Egaa jalqabneera
Waliin haa ijaarruu
Namni mana tokko jaaru
Citaa wal hin saamuu
Cimseet qaba malee
Jabeesset ajjera malee
Dhimmuuf hin saaxiluu
Oromo mana kee jaaradhu
Tokkumaatu dursaa
Cimsii kana tikfadhu
Mana guutuu tokko
Cimii ajjeerradhu
Hawi Olani: hawiolani@gmail.com

http://finfinnetribune.com/Gadaa/2014/11/hawi-olani-namni-mana-ijaaruu/

No comments:

Post a Comment