SEENAA Y.G(2005) -----kutaa
2ffaa..
Ummati Walabummaa fi
Bilisummaa isaaf falmu, humna ta’ee argamuun murteessaadha. Humna ta’anii asi
ba’uuf ammoo, gama hundaan waloon dhaabbachuun ykn Diina injifachuuf qaamaa
qalbiin Tokkomanii waliin dhaabbatanii hojjachuun dirqama. Tokkummaan nu
barbaachisu isa kana. Tokkummaa irratti barru kiyya Kutaa 1ffaa keessatti yaada
bal’aa ta’uu baatus amma tokko kaa’uu yaaleera. Har’a kan hafte itti ida’een ,
yaada biraatti ce’a.
“TOKKUMMAA”
Gama kamiinu haa ta’uu, TOKKUMMAA nu barbaachisu kana
goonfachuuf maal gochuu qabna ? Tokkummaan nuuti halkanii fi guyyaa himachaa
jirru kana, akkamiin hojii irra oolchinee rakkoo keenya hiikkanna ? jedhee kan of
gaafatef. deebiin isaa keessa isaa jiraachuu ni hubata. Kana malees, Tokkummaa argamsiisuu
keessatti qoodi kiyya maalii ? jedhee of irraa eegalee kan gaafateef, Tokkummaa
nuuti daangaa ceesifnee alaalatti ilaallu sun nu keessa jiraachuu hubata.
Tokkummaa diina irratti ka’uuf nu barbaachiisu ummachuuf, nuutu gara
Tokkummaatti deemuu qaba moo, Tokkummaatu miilaa fi harka baafatee nutti deemu
qaba ? Tokkummaan gonkumaa nutti deemu hin danda’u. maaliif jennaan Tokkummaa
kana diinatu nurraa dhorka ykn ofittummaa nu keessa jirutu achi nurraa dhiibaa
waan jiruuf. Gonkumaa Tokkummaa nuuti barbaannu, qulqullaa’ee nutti deemuus hin
danda’u. kana eeggachuun gawwummaadha. Dhala Oromoo hundaatu gara Tokkummaatti
qajeeluu qaba. waan tokkummaa nurraa fageessee of keessaa baafnee fi shira
diinaan mo’amuu dhiifnee Tokkummaatti qajeeluun dhuunfachuu qabna. Tokkummaan
hojiidhaan ykn Hojiitu tokkummaa dhugeessa kan jedhamuuf kanaafi. Tokkummaan
qabsaa’ootaa har’a hundee godhatee asi ba’aa jiru, waan dabree fi tokkummaa
laaffise gara cinaatti dhiisanii, Tokkummaatti qajeeluuf murachuu isaaniitu
hojii boonsaa akka hojjatan taasisee jira.
Tokkummaatti tarkaanfachuu
wayita eegallu, wareegama akka baafnu hubachuu fi itti amanuun barbaachisaadha.
addatti , fedhii dhuunfaan wal qabatee waan nu mudachuu danda’u irratti
wareegamni ulfaataa akka nu eeggatu qalbifachuun dansaadha. fedhii dhuufaan
mo’amnaan Waan tokkummaa jedhamu yaaduun gonkumaa hin danda’amu. “OFITTUMMAAN” diina Tokkummaati. “OF TUULUMMAAN” diina Tokkummaati.
Ofittummaa fi of tuulummaan ammoo, aadaa Oromoo fi umama Oromoo keessa gonkumaa hin jiran. Bara keessa
Tokkummaa keenya booressuuf diinatu nu keessa kaa’ee . kanaaf namni Tokkummaatti
deemu, ofittummaa fi of tuulummaa of keessaa yoo darbate , Tokkummaaf fira bara
baraa ta’a. kana hundaa mo’anii daandii tokkummaatti qajeeluuf, wareegama
guddaa gaafata. Summiin kun lamaan tokkon tokko keenya keessatti mana
ijaarrataniii nu miidhaa jiraataniiru.kanaaf kaleessa kan qabsoo komate, dallanee taa’aa
jiru, maaltu na dhibeen of Moggeessee
kan jiru, Nam-tokkee fi qabsoo Ummata
kanaa sadarkaa tokko irra kaa’ee harkaa fi miila kan maratee taa’ee, dhimma Ummata isaa yaadachaa keessa ofitti
kulkulfachaa kan jiraatu kkf hundumtuu summii diinni akka nuuti walii hin
galleef nu keessa kaa’ee kana injifannee waan umama keenyaatti deebinee qabsoo
kana tinnisuuf , wareegama guddaa nu gaafachuu hubannee , kan darbe seenaaf
dhiifnee qabsoo Ummata kanaatti furmaata tolchuuf hunduu bakka jirutti
socha’uun filamaata biraa akka hin qabne qalbifachuun dansaadha.
WALABUMMAA
OROMIYAA FI BILISUMMAA OROMOO :
GOOTICHI
AFRIIKAA KIBBAA MAANDEELLAAN, Biyyi isaanii wareegama
Ummata Afriikaa Kibbaan Walaboomu fi Abbaan Biyyaa Bilisummaa goonfachuu
isaatti Ummati akka malee gammachuun of wallaalee sirbu fi waan hundi akka
xumurametti fudhatamuu ilaalanii Ayyaana tokko irratti akkas jedhanii dubbatan
. “Bilisummaa
kee wareegama keetiin argattee jirta . kun dhugumatti si gammachiisuu qaba .
garuu waan qalbifachuu qabduutu jira. Bilisummaa jechuun , Alaabaa dhaabbachuu
qofaa miti. Bilisummaa jechuun ajaja warra adii jalaa ba’uu qofaa miti.
Bilisummaan kee inni dhugaa, gaafa guutummaatti Biyya kee waan hundaa
dhunnfattee of Bulchiteedha. Dinagdeen Biyya keeti si harka hin jiru. Bulchiinsi Biyya keetii Ammas warruma
adii harka jira. Qabeenyaan kee lafa keessaa fi lafa irra jiru, si harka hin
jiru. kanaaf gaafa kana kan kee taasifte, atis duroomtee qabeenyaan warra adiin
gittee fi isaa ol taate, Bilisummaa dhugaa goonfatta. Kanaaf of gattee sirbaaf
hin jarjariin” jedhan. Kun kan dubbatame, waggaa 1ffaa guyyaa
Bilisummaa isaanii wayita ayyaanefatanidha.
Haasaa wal fakkaataa akkasii
Biyyoonni qabsoon of Bilisoomsan irra deddeebi’anii dubbatu. Bilisummaan
Gabrofattoota dachee keenyaa dhuunfata irraa qofa Bilisoomun akka hin
dhaabbannee, Bilisummaan boodas Gabrummaan addunyaa kan biraa jiraachuu nu
hubachiisa. Kana irraa waa hedduu baranna.1.hanga
Bilisummaatti sochii taasifnu, 2,yeroo Bilisummaa sochii taasfnu, 3 Bilisummaan
booda hojii nu eeggatu salphaa akka hin taaneedha. Kanaaf adeemsa qabsoo
keenyaa har’umaa bal’ifannee saganteeffachuu fi humna qabnu hundaa hubannee ,
waan nu barbaachisuu irra oolchinee hojjachuun akka nu barbaachisu nu akeeka .
Bilisummaan wareegama qaaliin
argama . kana addunyaa irraa hubannee jirra. Bilisummaan keenya ammoo,
wareegama warri kaan gaafataman caalaa akka gaafatamnu fi qophii jabaa akka nu
barbaachisu hubachuun dansaadha. Diinni nu dura dhaabbatee jiru of irraa
kaasuuf sochii wal irraa hin cinnee fi afuura hin laanneef ta’uu akka qabu hubachuun
gaariidha. Qophii sochii kanaan wal gitu irratti hojjachuu nu barbaachisa.
Ummata keenya gama hundaan qophii barbaachisu akka taasisuuf ijaaruun hedduu
murteessaadha. humnaan diina dura dhaabbachuuf akkuma yaallu, diina keessa isaa
laaffisuuf irratti hojjachuun hedduu fardiidha. Kun dhaaboota siyaasaa qofaaf
kan dhiifamuu miti. diina innikkaa wayyaanee qophaattii hanbisuuf irratti
hojjachuu qabna . saboota cunqurfamoo ofitti qabnee jechuudha. Bilisummaan
keenya Biyyoota dhihaa fi Habashootaaf hin liqifamu. Kana humnaan fudhachiisuun
akka jirutti ta’ee, Ummatoota hegareen isaanii nu waliin hidhata qabanis ,
Gaaffii Bilisumaa akka kaasan jajjabeessuun barbaachisaadha.
Kana gochuuf hundumtuu bakka
jirutti fira horachuu, isa horatan gurmeessuun hedduu barbaachisaadha. Jecha
Bilisummaa qofa jettu qabannee ykn saganteeffannee deemuun qofti ga’aa hin
ta’u. waan Bilisummaa boodaa fi duura jiru har’umaa irratti hojjachuun kan nu
barbaachisu hedduudha. Karaa seeraa , karaa seenaa kkf waan addunyaan itti nu
gaafattu waan jiruuf kana walitti qabachuun itti qophaa’uun yoo jiraate, Dirree
siyaasaa keessatti hundumtuu wal hin dhiphisu. Hunduu akka Ogummaa fi dandeetti
ykn beekumsa isaatti , yeroon itti barbaadamu ni dhufa. Yakkamtoota yeroon
seeraaf dhiheessinu ni dhufa. Abbootii qabeenyaa hattootaan wal ta’ee Qotee
bulaa keenya dachee isaa irraa buqqaasee fi hiraarse yeroon itti gaafatamu ni
dhufa. Abbootiin qabeenyaa wayyaanee saamicha gaggeessaniif yeroon itti
gaataman ni dhufa. Kan akka wayyaanee ragaa balleessu hin jiru . kanaaf waan
har’a jiru boruu hin argannee of harkatti qabachuuf yaaluun Abshaalummaadha.
Gama hundaanu hojiin hojjatamu lakkoofsa hin qabu. Yoo har’a itti hin
qophaa’iin garuu gaabbuutu dhufa. Dhalooti waa hundaan bilchaatee dhimma Ummata
isaa kana addunyaa qaabsiisee jiru kun , hegaree Oromiyaa fi Oromoof waan tolu
har’a lafa kaa’ee dabruu qaba. bor dhalooti dhufu waan addunyaa ofitti makee
rakkoo uumu dhufuu waan danda’uuf. Gama kanaan sochii itti jiranu beeku
baadhuus, beektoonni keenya riphanii jiran , akkaataa dhimma Ummata kanaa
ajandaa addunyaa taasisuuf waltajjii adda addaa qopheessuuf hojjachuu qabu. Kun
Ummata kiyyaaf waa gumaachuun qaba jedhanii kan hojjataniidha.
TOFTAA
DIINAA HORDOFANII FASHALSUU :
Gama kanaan Ummati keenya,
addatti dhalooti qubee sochii boonsaatti jira jechuutu danda’ama. Diinni har’a
nu dagee nu laaffifachuu barbaada. Shiroota adda addaan nu xaxee nu kuffisuu
barbaada. Sabboonummaan akka nu keessatti hin dagaagneef waan qabnu nu
dhabsiisuu barbaada. Wayyaaneen har’a , sabboonummaa Oromoo dhabamsiisuuf Aadaa
fi Qooqa/Afaan Oromoo irratti dhiibbaan geesisaa jirtu salphaa miti. isheen
kana haa yaaddu malee Ummati addatti Artistoonni sochiin itti jiran akka
laayyootti kan ilaalamuu miti. wayyaaneen addatti dhaloota jiru tu’achuu fi
hirkattuu Afaan fedaraalaa taasisuuf sochiin gama Artiin fi miidiyaan hojjachaa
jirtu lakkoofsa hin qabu. Gabaabaatti qorichi shira ishe kanaa, sochii
Artistootaa fi Ogeessitoota aadaa ol guddisanii , hojii isaanii tu’annaa
wayyaaneen ala taasisuudha. Gama kanaan Ummati Oromoo addatti kanneen ogummaa
kana of harkaa qaban Biyya keessaas haa ta’uu Biyya alaa deeggarsa irraa eegamu
taasisuu qaban. Artistoonni kun maal dhaban ? deeggarsa maalii taasifnaaf ? kkf
qoratanii Artistoonni biyya alaa humna ta’uufii qaban. Toftaan diinaa gama
kanaan jiru, Artistoota kana hiyyoomsanii sochi isaanii akka dhaaban taasisuu waan
ta’eef. Fakkeenyaaf, Ilmaan Oromoo Ogummaa Gaazexessummaa qaban , addatti haa
xiqqaatanii Biyya alaa keessatti maal hojjachaa akka jiran ilaaluun ga’aadha. Odeeffannoon
Ummati qalbii tokko akka qabaatu taasisuu keessatti qoodi gumaachaa jiran
hedduu kan nama jajjabeessuudha. Hundumtuu ogummaa qabuun atakaaroo dhiisee
gumaacha irraa eegamu yoo gumaache, kan kuunnooti jennu kunooti jechuun hin
hafu. Toftaa diinaa kanaa itti fashalsan hundaa Ummata barsiisuu, Ummati waan
eegalee akka hin dhaabne jajjabeessuu, sochii wayyaanee hundee ishee irraa
buqqiisuu gaggeessuuf qophii ga’aa taasisuuf hundumtuu toftaa diinaa
fashalsanii kan ofii irra aansuu irratti hojjachuun fardiidha.
NAAMUUSA
SIYAASAA QABAACHUU :
Siyaasa keessatti Naamuus
bakka ol aanaa qaba. dhaabaa fi Ummati Qabsoo gaggeessaa jiru, Naamuusa
siyaasaa qabaachuun fardiidha. Har’a diinni nama basaasuu fi odeeffannoo
argachuuf tattaaffiin taasisuu Teekinoolojiin deeggaramee sadarkaa tu’annaa
dhala namaa ol ta’uuf deema. Oromoon garraamiidhaa yoo itti dhihaatan waan
keessa isaa jiru hundaa dubbataa jedhama.kun amma tokko dhugaadha. Nama
jaalachuu fi jibbuun ykn itti dhihaachuu fi irraa fagaachuun keenya tokkuma. Kun
siyaasa keessatti bakka hin qabu. Sochii qabsoo Oromoo keessatti Naamuusa
Siyaasaa dhaabuu irraa, balaan nu irra
ga’ee salphaa miti. kanaaf iccitti ofii
tikifachuun, Mata duree humni tokko irratti dubbate gadi baasanii kaaffee
faa’aa keesstti irratti mari’achuu yaaluun, waan Ummati ofii itti jiru cidhaa
fi bakka bashannanaa akkasumas lafa du’a ga’ii keessatti odeessuun, waan hundaa
bakkaa fi yeroo isaa malee haasa’uun, Nama isa hin ilaallanne waliin dhimma
siyaasaan qabame irratti dudubbachuun, Hojii gaazexessummaa fakkeessanii sochii
jiru irratti gaaffii fi deebii humna kamiifuu kennuu irratti kkf irratti of
eeggannoo gochuun barbaachisaadha. fkn. Wayyaaneen TV ebs jedhamu kan banteef,
sochii dhaabbilees ta’uu namoota dhuunfaa Biyya alaa ittin basaasuuf, Namoota
bebbeekamoo intarviiwu fakkeessanii haasofsiisuu fi Biyyatti akka galu
taasisuu, miidiyaa wayyaanee irratti dhihaate jedhamee akka jibbamu taasisuu,
sochii hawaasa alaa qorachuu fi warra Ummata dammaqisan adda baafatanii
maallaqaan gawwamsuu kkf gaggeessuuf ebsn umami. Sadarkaan hojii basaasummaa
kana irra ga’eera.
Addatti humna tokko keessatti
Biyya keessaas haa ta’uu Biyya alaatti , Nama sochii tokkof bu’ura ta’ee bakka
fedhetti isa faarsuun, dhaadheessuun diinaaf saaxiluudha. Diinni sochii san
dhaabuuf nama sana dhaabuu irratti akka hojjattu taasisuudha. Naamuusi siyaasaa
waa hedduu of keessaa qaba. aarii ofi of keessatti qabaatanii gumaa ba’uun,
waan boruu gochuuf deemnu har’a aariin dubbannee waan yaadine fashalsiisuun
akka jiru hubachuun dansaadha. Walumaa galatti , sochiin gama Naamuusa Siyaasaa
taasifamuu hedduu hedduu murteessaadha. Wayyaanee Afaan Oromoo nu caalaa
dubbattu irraa of eeggachuuf carraan qabnu hedduu dhiphaa waan ta’eef waan
hundaa bakka maraatti firfirsuu irraa of qusachuun barbaachisaadha.
Walumaa galatti , Qabsoon
nu eeggatu bal’aadha. Qophii gama hundaa nu gaafata. Kana gochuuf hundumtu wal
dhaggeeffachuu fi qooda isaa gumaachuu irratti hojjachuu qaba. Abbootiin seeraa
gurmaa’anii yakka Oromoo irratti raawwatamu Mana murtii edila addunyaa irratti
falmuu qaban. Hundumtuu yoo akkas godhe adeemsi Oromoo hundi gama tokkotti
qajeela. Taa’aanii hawwuun eessaanu nu hin ga’u. Sochii kana keessatti
hirmaachuun yoo nuuf hin taane illee Dinagdeen akkaataa qabsoo kana itti
deeggaruu danda’an jira. Kun hundi qindaa’ee Bilisummaatti nu geessuu qaba.
Tokkummaan nu barbaachisu isa kanadha. Kun
hundi aadaa kaleessaa keessa jira ture.
warri
har’a jirrus jiraachuu isaa ni beekna . garuu itti hin gargaaramne. Kanaafan “BISHAAN KEESSA
. garuu itti hin gargaaramne.
Kanaafan “BISHAAN KEESSA DHAABBATANII
DHEEBOCHUUN QAANIIDHAA ” jedhe. Kan hafee waaqayyoo itti haa guutu.
GALATOOMAA !
HORAA BULAA !!1
guutu. jirrusjiraachuu isaa ni beekna . garuu it
No comments:
Post a Comment