Ummatni oromoo hunduu haawwii guddaa tokko qabaa. Kunis Oromoon gabrummaa jalaa bahee, qabeenya umamaa isaa ofii isaatiin to’atee, afaan fi aadaa isaa guddifate, seenaa isaa barrefate fi barsiifate fi ummata isaa sirna gadaatiin bulchu dha. Walumaagalatti haawwiin ummata Oromoo jecha tokkon yoo ibsamuu bilsummaa argachudha.
Oromoon seenaa himame hin dhumne qabaa. Haa tahu malee carraa seenaa isaa ummata isaati fi ummata addunyaaf itti himu dandahu hin arganne. Kunis kan tahuu dandaheef adunyaan Oromoo beekuu baatte osso hin tane carraa waa’ee Oromoo itti hubachu danda’u waan hin arganneef. Sababni isaas Oromoon jaarraa tokko oliif gabrummaa jalaa waan jiruuf.
Wayyaaneen( TPLF/EPRDF) waggoota 24 dabraniif ummata Oromoo haala sukkaneessaa tahen ajjeessaa,mana hiidhaati naqee ,lafa isaani irraa buqqisse biyyaa akka baqatan taasisuun cunqursee gabroobfatuuti argamaa. Haa tahuu malee Oromoon cunqursaa kana jalaa bahuuf xiqqaatus tattaafatuun isaa hin olee. Garuu qabsoon nuti gooone ijjaarsaa fi qindoomina gaha tahe kan hin qabnee fi soodaadhaan kan guttame waan tureef jijjirama guddaa fiduu hin dandenye.
Garuu yeroo ammaa kana motummaan wayyaanee ( TPLF) maaliif magaaloota Oromiyaa naannoo Finfinee jiran Finfineeti makuu barbaadee yoo jenne ,ciimiina fi dadhabina keenya irratti hundaa’udhaan Oromiyaa haala haaraattin koloonefachuuf toftaa addaa malate. Kanas karaa sadiin laalu dandeenya.
Tokkooffaan faayidaan mottummaan Wayyaannee ardii Oromiyaa irraa argataa jiru kan itti mi’aawwe jiraa. Biyya teenya Oromiyaa irraa qabeenya keenya kan akka bunaa fi warqii,dammaa fi googaa, galiin turizimii irraa argamu ,galiin fi faayidaan humna elektrikaa qooqaa, Malkaa Waakkanaa,Fincaa’a fi Gibee sadan irraa argamuu hundaan sammachuuti argamaa.
Lammaffaan waggoota digdamii afran darban yoommu Ummata Oromoo akka barbaadeti cunqursee albuuda Oromiyaa saammatu ,qabsoon ummanni Oromoo cunqursaa fi saamicha kana dhaabsisuuf taasisee gahaa hin turre. Fincilli waliigalaa ummata Oromoo kan Wayyaane angoo isaa irraa ciminaan fonqolchu dandahu dhabamuun isaa koloneefataaf onnee kennef jira.
Saddaffaan immoo yeroo dhihoon booda sabboonummaan dargoogata oromoo magaaloota Oromiyaa gurguddo kaniin keessa jiraan cimaa dhufuun isaati fi tokkummaan ummata Oromoos duraan caalaa daran jabaataa dhufu isaati. Kanaan dura ummata Oromoo naannoo fi amantiidhaan addaan qoduudhaan ofumaa akka wal jibban gochuudhaan qabsoon Oromoo akka laaffattuu taasisaa ture.
Dabalataanis qonnaan bultoota Oromoo oyiruu isaani irraa buqqissudhaan lafa isaani investaroota biyya alaatii fi dhalatoota Tigraayiif kenne jiraa. Erga qotee bulaan Oromoo lafa isaati irraa buqa’e booda tokkummaa dhabuudhaan gara siyaasaatiinis waan dadhabuu fi gara dinagdeetin motummaa irratti akka hirkatuu hubatee jiraa.
Haaala kanaan enyummaa Ummata Oromoo balleessuu fi Oromoo dhabsiisuuf karoora bulchinsa magaalaa Finfinnee ittiin babaldhisuu baasuudhaan hojjii irra olchuuf tattaafachaa jiraa. Haaluma wal fakkaataan magaaloota gurguddoo naannoo Oromiyaa keessa jiran kan akka Adaamaa, Amboo, Jimmaa, Shaashamanne,fi Naqamtee,bulchinsaa motummaa federaala jala galchuuf karoorfate jiraa.
Kanaafu Ummanni Oromoo ammaan booda maal gochu qabaa, qabsoon isaa akkam tahuu qabdii fi qabsoon kenyaa hangam tahu qabaa jenne yoo yaadne, nutis qabsoon kenyaa cimtee master planii finfinne dhaabsiisu qofa osso hin taane sirna Wayyaanne kana gutuummaan gutuuti kan buqqissu tahu qabaa. Kana goochuufis ciimina keenya daran guddisuu fi dadhabina keenyas fooyyeessudhaan qabsoo keenya kalatti baay’eetiin kaayyoo tokkoof tokkummaadhaan falmu qabnaa.
Ummanni Oromoo seenaa qabsoo Oromoo keessatti yeroo adda addaati finciluudhaan warreegamuun isaa ni yaadatama. Finicilli diiddaa gabrummaa kan barattootni Oromoo yuniivarsitiiti baratanii fi baratootni sadarkaa lammaffaa soodaa tokko malee tokkummaadhaan warraaqsa kaasudhaan gaafii mirgaa waan gafataniif rasaasaan akka wareegaman yoomiyyu kan hin irraafatamnedha. Qabsaawoonni Oromoo wareegaman kan lubbu isaani mi’ooftu tana dabarsanii keennan , haacuccaa fi cunqursaan ummata Oromoo irra gahaa jiru waan isaan madeessef fi haawwiin isaan bilisuumma ummata Oromootiif qaban guddaa waan tureef. Nuutis dargoogotni Oromoo haawwii isaani fi kaayyoo keenya galmaan gahuuf qabsoon nutti gochu qabnu qabsoo duraani irraa sadarkaa tokko guddatte argamu qabaa.
Motummaan Wayyaane tokkummaa Ummata Oromoo jibbuu qofa osso hin taane baay’ee soodaa guddaa irraa qabaa. Duraan toftaa isaa fayyadamuun qindomina nuu dhorgee baroota digdamii afuriif nu bitee jiraa. Yeroo ammaa kana garuu tokkummaan keenya jabaataa waan dhufeef , carraa kana fayyadamuun fincille loolu qabna.
Fincilli gochu qabnu fincila waligalaa ummata Oromoo adunyaa guutu irra jiran kan hirmaachisu tahu qabaa. Ummanni Oromoo biyya jiru fincila kana irratti gahee guddaa akka taphatu beekkama tahus Oromoon biyya alaa jiruus qabsoo kanaan dura godhaa ture caalaa haala addaatiin gumaachu qabaa. Yeroo baay’ee gargaarsi diyaasporaan Oromo gochu dandahu qarshii walitti qabuu fi hirrira bahuun rakko ummata Oromoo aaduunyaadhaaf beeksisuu dha jedhamee ka’a. Haa tahu malee yeroo baay’ee midiyaaleen adunyaa gurguddon xiiyyefanoodhaan dhimma Oromoo akka rakkoo guddaati yoo himan hin muldhatu. Akkasumas motummooni biyyota guudatani degarsa qabatamaa Ummata Oromootiif godhan arguun hin danda’amne. Kunis kan muldhisuu hojjiin rakkina Ummata Oromoo motummoota dunyaatiif beeksisu irratti godhamu kan duraan hojjatamu caalaa jabaatu qabaa. Dhimma keenya haala addaatiin galmaan gahuu akka barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf dhimma Oromoo kallattidhaan gara US state department gahudhaan ibsa akka baasan gochuu, midiyaaleen gurguddaa adunyaa(BBC,CNN, Washington post,..fi kkf) dhimma Oromoo xiyyafanno addaa akka kennan toftaa addaa fayyadamun dhibbaa gochun barbaachisaa dha.
Paartilee siyaasa adda adda biyyoota akka Awurophaa , Awustraliyaa, Kaanaadaa fi Ameerikaa keessa jiran addatti deggaraa fi miseensa siyaasa isaani ta’udhaan haala Oromoon keessa jiruu kallattidhaan beeksisun barbaachisaadha. Kana jechuun dhimmi Oromoo xiyyeefannoo akka argatuu yoo barbaadamee siyaasaa biyyoota guddatan keessatti hirmaachun dirqamaa.
Walumaagalatti karoorri motummaan Wayyaanne Ummata Oromoo Cinqursuuf baase kun dhuma hoogansa Wayyaanne ta’u qaba. Kutannoo fi qindominaan meeshaa nu haarka jiruun fayyadamudhaan yoo finciillee jijjiirama fiduun ni danda’ama.
Injifannoon Ummata Oromootiif!!!
Yunus Abdellah Ali
bilisoomuun hin oolamu
ReplyDelete