24 02 14 10 40
Bitootessaa 13,2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii JimmaaFDG egaalaan jabeessuun  itti fufuun  guyyaa har’aa barruulee fi qalama isaanii qabachuun waraana Wayyaanee meeshaa waraana gurguddaa hidhachiifame waaliin  wal dura dhaabbachuun,  Kaardiin Filannoo wayyaaneen amma barattoota yuunibarsiitiif  hiruuf jirtuu akka hin hirmneef dursanii  mormii guddaan dura dhaabbatan.
Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa guyyaa har’aa barnoota dhaabuun mirgi keenyaa sarbamee waraanaa fi human tikaa mootummaa wayyaaneen doorsifama barachuu hin dandeenyu jechuun  xalaayaa Iyyannoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa  Oromoo qabxii 14 of irraa qabu afaan Ingiliffaa fi Afaan Oromootiin qindeeffatan  qaamotni bulchiinsa mootuummaa wayyaanee gaaffii barattoota irraa fudhuu irraa akka nama biyya keessa hin jirreetti waan dhokataniif humnoota poolisii fi Waraana barattoota fixuuf bobbaafama jirutti kennachuun isin iyyuu ni dandeessuu taanaan gaaffii keenyaaf deebii gahaa akka nuuf kennitan barbaadna jechuun  warraaqsa FDG bifa jabaateen itti fufan.
Mootummaan Wayyaanee sodaa guddaa Sochii warraaqsaa FDG gootota Qeerroo barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa irraa qabu irraa ka’uun torbee tokkoo oliif human waraanaa fi humnoota tikaa biyyatti gara Godina Jimmatti guuruun sochii FDG ukkamsuuf yaaliin guddaan godhama ture, guyyaa har’aa immoo qophii fi sochii warraaqsaa barattootni Oromoo Yuunibarsiitii jimmaa godhanitti barraaguun human waraanaa fi poolisotaa ganama sa’aa lama irraa eegaluun mooraa Yuunibarsiitii irratti humnoota tikaa fi humnoota poolisii dachaan dabaluun barattoota Oromoo tokko irratti human poolisaa fi waraanaa lama ol ramaduun  waldura dhaabbatnaan guddaan gaggeeffamera. Barattootni Oromoo fi barattootni yuunibarsiitii Jimmaa hundi namni tokko illee lama ta’ee akka wal duukaa hin adeemnee fi hin dhaabatne Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO/’n  qoqqobbii guddaa waraana of harkaa qabuun kaa’uus Goototni barattootni oromoo Yuunibarsiitii jimmaa guyyaa baruu bItootessaa 14/2015 irraa eegaluun barnoota dhaabuun mirga isaanii afaan qawwee fi poolisootaan sarbamaa jiru deeffachuuf guyyaa har’aa bakka waraannii wayyaanee fi poolisootni wayyaanee jiranitti barruu warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo fi gaaffii mirgota  dimookiraasii of irraa qaban bittinneessuun diina rifaasisan.
Goototni barattootni Oromoo  Yuunibarsiitii Jimmaa  Mooraa Saayinsii fi Technology keessatti bifa haalan jajjabeessa fi abdachiisaa ta’een humnoota Waraana wayyaanee fi poolisoota wayyaanee dara dhaabbatan. Poolisootni wayyaanee mooraa kana seenuun doorsisuuf yaalanis diddaan barattoota Oromoo daran jabaachuun barruulee iyyaannoo isaanii wajjiraa poolisii mooraa Yuunibarsiitii jimmaa fulduratti bittinneessan.
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee guyyaa boruu irraa eegaluun kaardii Filannoo sobaa barattoota Oromoo fi barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo yuunibarsiitii fi kolleejjoota Oromiyaa garaagaraaf  bitootessaa 14/2015 irraa eegaluun hiruuf waan jirtuuf Goototni barattootni Oromoo olollii filanoo kijibaa/sobaa  wayyaanee dhaabbachuu qaba jechuun goototni barattootni Oromoo sochii isaanii jabeesuun  kaardii Filannoo sobaa Wayyaanee fudhachuun kan hin barbaachifne ta’uu hubachiisuun, guyyaa boruu barattootni Oromoo fi lammileen Cunqurfamoo biyyatti  adeemsa kardii filannoo sobaa kana dura dhaabbachuun warraaqsaa FDG jabeessinee kan itti fuffan  ta’uu jabeessanii hunbachiisan.
Waraabbbii sagalee fi suurawwaan sochii barattoota Oromoo guyyaa har’aa rakkoo network irraan dabarsuu ykn maxxansuu hin dandeenye.