Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Tuesday, October 29, 2013

BREAKING NEWS Baqattoota Oromoo Nama 26 Waraana Mootummaa keeniyaatiin qabaman.


Baqattoota Oromoo Nama 26 Bakka mana jireenya  qubatanii jiranii Mana

Hulaa Irratti cabsuun kaan bansiisuun Waraanni Keeniyaa Halkan Mana
jala buluun Guyyaa 26/10/2013 Ganama Subii sa’aatii 06:20 tti Osoon
Maatiin kuun ciisichaahuu hin ka’in Gaaffii tokkoon Maletti Ulee fi
dhiitichaan Mana keessaa gadi guuruun Konkolaattaa pataroolii 2n
fuudhamanii Mana Hidhaa Poolisaa Naannoo Eslii Baangaanii jedhamutti
Guyyaa tokkoof erga hidhaman Boodaan Erga Baqataa seeraa Maandeeta
UNHCR qabaatuu itti agarsiisnaan Xalaayaan keessan foorjiida jechuun
daqiiqaa 20f weeyrara guddaa Ganda Baqattootni Oromoo Baay’inaan
qubatan kanatti erga godhan boodaan Guyyaa tokkoof mana hidhaa kanatti
nyaataa fi dhugaatii tokkollee osoon hin argatin ooluun gama galgalaa
Baqattoonni Kuun UN fi NJO jiratti Iyyuun Baqattoota Kana Suuraa fi
Ishaaraa hedduu kaasuun Guyyaa 30/10/2013 Mana Murtii Antitararisti
ol’aanaa keeniyatti akka dhiheessitan jechuun harkaa baasuun Boru
Ganama Mana Murtii Antitararistii Biyya kanaatitti ganama sa’aatii
10:00tti  Namoonni Beellama kana 30/10/2013 Boru koortii
Antitararistii kanatti dhihaatuuf yakka xalaayaa soorarkeeysitummaan
Himatamanii kun Maqaa isaanii akka asii gadii kanatti isiniif ibsuuf
yaalla.
1f- Abdataa Sha’aab.Baqataa
2f- Amiir Aliyyii            ”
3f- Zaakir Hamzaa
4f- Ruduwaan Nuuree
5f- Nabiil Jamaal
6f- Abdulhakiim Abdullaahii
7f- Muniir  Abdullaahii
8f- Hassan Abdullaahii
9f. Aarif  Amiin
10. Dursaa Haarun
11. Bahar Mahammad
12. Abraahim Oromoo
13. Birraa Alii
14. Anawaar Mahammad
15. Abdurahiim fi hadhamana
16. Ra’iisaa /haadhamanaa/
17.Amiir Ahamad Usumaan
18.Ziyaad Dabbasoo
19.Gammachiis Ibsaa
20.Ahamad Nuuree
21. Ibsaa
22.Sa’id Umar /Jarman/
23.Abdii Alii Abbaas
.Namoota Olitti maqaan isaanii Ibsame kun maatii abbaa tokkootii fi
Abbaa manaatii fi haadha manaa waliin kan qabaman yammuu tahu Manneen
isaanii saka’atta’uun Uleefi Qawween sodaachifamuun kan qabamaniidha.
Kanneen UN jalatti Beekkomtii argatanii Maandeeta qaban 20 kuun
warreen Beellamaan UN tti deddeebi’aa jiraniidha.
Kanaafuu Mootummaan Kenyaatiis  Akkuma mootummaa Abbaa Irree
Wayyaanetti Baqattoota Oromoo Maqaa Anti Tararistii jedhu moggaasuun
Miidhaa Ilmaan Oromoo irraan gayaa waan jiruuf Qaamni Dhimmi
ilaalchisu Iyyata Baqattoota Oromoo Boru Ganama Mana Murtii
Antitararistii jedhamu kanatti dhihaatan kana Miidiyaalee addunyaatii
fi Warra Mirga Dhala Namaa Dameelee jiraniin Nuuf akka Dirmachiiftan
jechuun Iyyatni Baqattoota Nairobi jiran irraa nugaye kana fakkata.
Jaallan Dhaamsaa fi Iyyatni Baqattootaa  kana.

No comments:

Post a Comment