Contact me

  • Contact me via hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

Wednesday, October 23, 2013

Fincila diddaa gabirummaa Saba Oromoo


motummaa Habashaa qabenyaa Oromiyaa gutummaatti kan ofii isaa godhatuuf sanyii ummata Oromoo kallatti fi alkallattiin lafa irraa duguguu anjeefatee ture. Abisiniyaan yemmu saba oromoo gabromfatetti giddu 1870 fi 1900,  lakkofsii saba oromoo dhaa miliona kudhanii gara miliona shaniitti hirrachun isaa niyaadatamaa " Motummaan impaayera Habashaa tarsimoo duguggaa sanyii dhala namaa kana galmaan gessifatuuf toftaalee ittiin fayyaddamaa ture kessaa: qindoomina angoo waranaa, babalina balaa hongee, facayinsa dhukuba daddarbaa, fi mijoomina gurgurtaa dhala-namaa warra gurguddoota turan. Garuu sanyii ummata Oromoo kallatiin lafa irraa haxawuun hin milikoofine. Kanafuu dinni alkallattiin sanyii Oromoo lafa irraa haxawuuf tarsimoo dhokataa dirirfate. Yakka sanyii-duguggaa raawatuuf seera motummaa fayyadamuun mallattolee (Afaan, Aadaa, fi Senaa) enyummaa ummata Oromoo beeksisan hunda isaanii haquun dhabamsisuu yaaleera. Jirenyi saba Oromoo fi biyya Oromiyaa gutummaatti haalameera. Yakki senaa ummata Agawoo irratti raawatame ummata Oromoofis ni karoorfame.
Yakkoota dinaaf ummati Oromo tolee jechuun hin jilgenfanne. Jalqaba jarraa 20ffaa booda qabsoon FDG haaluma facawaan yeroo fi bakkoota adda addaatti gototaan geggefamuu egale. "Fakkenyaaf fincila qotee bultoota kaaba Oromiyaa (godina Walloo), sochii ummata kibba Oromiyaa (godina Baalee), fincila qotee bultoota baha Oromiyaa (godina Harargee), fi kkf turan 23. " Sochii ummata Oromoo kana dhabamsisuuf motummaan Habashaa yeroo adda addaa humna waraana ammayyaa, xiyyaara lolaatti, fayyadamuun konyaalee FDG kessatti geggefamaa ture ibidaan gubuun daayiman, manguddolee, fi dubartoota kumaatama heddu ajjeseera. Warra ibidda xiyyaaraa irraa hafan ammoo balaa hongee fi dhukkuba daddarbaaf saaxiluun dhumaatii garmaaleef kenneera. Akkasuma dinni gidiraa iyyummaa fi doofummaa meshaalee godhachuun ummata Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo bara baraan moraa gabirummaa kessatti owaaluuf heddu yaaleera. Garuu qabsoon FDG haala faffacawaan eegalame kun akkuma giti gabiromfataa fi gantooti hawwanitti rukutamee gutummaan hin dhabamnne.
Ficilli ummataa sirna gabirummaa motoota Habashaa ofi irraa buqisuuf geggefamaa ture daran babalachaa adeemun jaarmiyaa ummataa dhalche. Ergii wanjoo sirna gabirummaa dinaa jalatti kufee jalqabee waggoota kurnan jaha booda walakkessa jarraa 20ffaa kessa ummati Oromoo jaarmiyaa 6

qabasoo FDG qindessu ijaarachuf milkaawe. Dhalooti jalqabaa sirnna gabiromfannaa kessatti dhalate jaarmiyaa waldaa macaa fi tulamaa (WMT) bara 1960 kessa hundefate. Qabasoon haala facawaan geggefamaa turees gara jaarmiyaan qindaawutti ceesifame. Sochiin hojii QBO sadarkaa gadii irraa gara sadarkaa 2ffaatti oli guddachuun injifatnnoon xummurame. Hundeefamuun jaarmiyaa ummataa (WMT) kun qindoominaan hogganamuu FDGf dandii saaqe. Qindoomina gurmuun qabasoo FDG geggessuun gati qabessa ta`uu hogganni hubatee kun murannoo fi bilchinaan daandii QBO dhaloota fulduraaf tottolchuu egale.

No comments:

Post a Comment